12

1 Isa booda Yesuus fakkeenyaan isaan barsiisuu eegale. Inni, “Namni tokko mukeetii wayinii hedduu oyiruu isaa irra dhaabee, dallaas itti ijaare, boollaa wayinicha keessatti cuunfanis qote. Siree irra ta’anii eeganis ijaaree, namoota hojjetanii eeganitti kennee adeeme. 2 Yeroon isaa geenyaan, akka inni dhaqee, muka wayiniittii ija fiduu gara wara wayinii eeganiitti hojjetaa isaa erge. 3 Isaan garuu isa fuudhanii, rukutanii, harka isaa duwwaa isa deebisan. 4 Inni, ammas hojjetaa kan biraa erge, isaanis mataa isaa madeessanii, isa qaanessan. 5 Inni amma kan biraa erge, isa kana immoo ni ajjeesan. Isaa namoota baay’ee bifa kanaan akka godhan, warra kaan ni reebani, warra kaan immoo ni ajjeesan. 6 Inni amma nama erguudhaaf nama hafe tokko qaba, ilma isaa isa jaallatamaa. Inni kuun isa dhumaa ergamuudha. Innis, “isaan mucaa koo ni kabaju” jedhe. 7 "Garuu warri wayinii guddisan, “Kun isa dhaaltuudha. Kottaa, isa ni ajjeesnaa, dhaalichis kan keenya ta’aa.” Waliin jedha. 8 Isaan qabanii isa ajjeesani oyiruu wayinii keessaa isa darbatan. 9 Kanaaf, abbaan oyiruu wayinii sanaa maal godha? Inni dhufee warra wayinii eegan sana ni balleessee namoota kan biraatti ni kenna” 10 caaffata qulqullaa’aa kana hin dubbifnee? 'Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, dhagaa-golee ta’e. 11 Kun Waaqayyoo biraa ture, ija keenyattis dinqiidha.” Jedhu. 12 Kana booda, geggeessitoota warra Yihuudotaa, karaa ittiin Yesuusiin qaban barbaadan, sababiin isaa akka inni fakkeenya faallaa isaanii dubbate hubatan. Garuu immoo saba baay’ee sana sadataniiru. Kanaaf isa dhiisanii sokkan. 13 isa booda fariisota keessaa, akkasuma warri garee Heroodis keessa namoota gara isaatti ergan haasaa isaatiin isa qoruudhaaf. 14 Isaan yeroo dhufan, “Yaa barsiisa, ati dhuga qabeessa akka taate nuti ni beekna, nama tokko illees hin sodaattu, karaa Waaqayyoo dhugaadhaan barsiifta malee, namas wal hin caalsiftu. Egaa Mootii warra Roomaaf gibira baasuu seeramoo seera miti? Moo dhiifnu?” jedhaniin. 15 Yesuus garuu of tuulummaa isaanii baree, “isin maaliid ana qortu? Mee akka ilaalutti Diinaaricha anatti fidaa.” Jedhe. 16 Isaanis tokko Yesuusitti fidan. “fakkiin kana irraa eenyuun fakkaata?” jedhe?" Isaanis, “Qeesaar” jedhan . 17 Yesuus, “waanta isa qeesaar, qeesaariif kennaa, isa kan Waaqayyoo immoo Waaqayyoof kennaa” jedhe, isaanis isa ni dinqifatan. 18 Warri saaduqootaa, warri du’aan hin jiru jedhan. Gara isaa dhufan. Akka jedhaniis isa gaafata. 19 "Yaa barsiisa, Museen nuuf barreesseera, yoo obboleessi nama tokkoo, haadha manaa dhiisee du’e, mucaa immoo hin qabu ta’e, namichia haadha manaa obboleessa isaatii fuudhuutu irra jira, ijoollee obboleessa isaatiis guddisuuti irra jira jedhee nuuf barreesseera” jedhan. 20 22 23 20 Obboloota torbatu turan, inni jalqabaa haadha manaa fuudhee du’e, ijoollee utuu hin fodhatin. 21 21 Inni lammaffaan fuudhee irraa du’e, ijoollee utuu hin godhatin, inni sadaffaanis akkasuma. Dhuma irratti, dubartitiinis ni duute. 23 Du’aa ka;uutti, yeroo du’aa ka’an, isheen kan eenyuu taati? Obboloonni turban hunduntuu akka haadha manaattoo ishee fuudhaniiruu?” 24 Yesuus, “kun sababii isin ittiin dogoggrtan mitii, isin yookaan caafata qulqulla’aa, yookaan immoo humna Waaqayyoo hin beektan” jedhe. 25 Isaan yeroo du’aa ka’an, akka ergamoota warra keessaa ta’u malee, hin fuudhan hineerumani. 26 Garuu waa’ee warra du’aa ka’anii ilaalchisee, isin macaafa Musee keessatti hin dubbifne, waa’ee daggala isa boba’uu, akkamitti akka Waaqayyo itti dubbatee fi “ani Waaqayyo isa kan Abrahaamii fi Waaqayyo isa ka Yisiyaaqi, Waaqayyo isa kan Yaaqobis” jedhe? 27 Inni Waaqayyo warra du’anii miti, kan warra jiraatooti. Isin sirriiti dogoggortaniittu.” 28 Warra barreessitootaa keessaa tokko dhufee isaanii wajjin mari’ate, utuu Yesuus siirriitti isaaniif deebisuus dhaga’e. Inni “abboommiiwwan keessa isa kamtu caalaa barabaachisaadha?” jedhee isa gaafate. 29 Yesuusis, “inni baay’ee barbaachisaan, Yaa Israa’el dhaga’I Waaqayyo kee Waaqayyo tokkicha. 30 Waaqayyoo kee garaa kee guutuu, lubbuu kee guuuu, sammuu kee guutuu, human hundumaan jaalladhau” isa jedhu jedhe. 31 Abboommiin inni lammaffaan, “olloota kee akka ofii keetti jaalladhu” abboommiin isaan kana caalu hin jiru jedhe. 32 Barreessichis, “Yaa barsiaa gaarii! Ati dhuguma Waaqayyo tokko jette, isa birattis Waaqayyo kan biraan akka hin jirre. 33 garaa hundumaan isa jaallachuun, hubannaa hundumaa fi humna hundumaa, akkasuma olloota ofii akka ofiitti jaallachuun aarsaa gubamuu aarsaa irra akkka caalu. Siirri jette jedhe. 34 Yesuus yeroo inni gaafii gaarii ta’e kennuu isa arge, “ati mootummaa Waaqayyoo irraa fagoo miti” ittiin jedhe. Isa booda, eenyu illee Yesuusiin gaadii gaafachuudhaaf kan ija jabaate hin turre. 35 Yeroo Yesuus mootaa mana sagadaa keessatti barsiisaa ture, "warri barreessitootaa akkimitti, Kiristoos ilma Daawwiti” jedhu. 36 Daawwit ofii isaatiif, hafuura qulqulluudhaan, 37 Daawwit mataan isaa iyyuu “gooftaa” jedhee isa waame, kanaaf akkamitti Kiristoos ilma daawwit ta’aree?” jedhe. Sabichis gammchuudhaan isa dhaggeeffate. 'Gooftaan koo gooftaa kootiin, "karaa mirga koo taa’i, hangan diinota kee miilla kee jala kaa’utti.” 38 Yesuus barsiisa kana keessatti, “warra barreessitoota irraa of eegaaa, warra dhedheeraa uffatanii fi bakka gabaattis nafaa gaafatamuu barbaadan irraa of eeggadhaa, 39 warra yaa’ii keessattis teessuma isa baay’ee barbaachisaa qabanii fi bakka dhangaattis bakka kabajaa qaban. Jedhe. 40 Isaan mana dubartoota abbaa manaa hin qabnee ni saamu, akkasuma isaan namootaafis kadhannaa dheeraa kadhatu arguudhaaf, namoonni kun ifatamuu guuddaa ni fudhatamu.” 41 Yesuus al tokko fuullee qodaa buusii taa’ee ture, inni yeroo namoonni buusii isaanii qodaa buusii keessa buusaa turan ilaalaa ture. Namoonni sooressootni baay’een, maallaqa baay’ee kennaa turan. 42 Dubartiin abbaa manaa hin qabne tokkos dhuftee horii sibiilaa kan akka saantima lama buuste. 43 Inni bartoota isaa waamee, “ani dhuguman isinniin jedhe, haati hiyyeessaa kun, isa warri kaan qodaa buusii keessa buusan caalaa buuste. 44 warra kaan isa isaan irraa hafe buusani. Dubartiin abbaa manaa hin qabne kun, dhaba ishee keessaa kennite, qabeenyaa ishee hundumaa isa ittiin jiraattu buuste.” Jedhe.