13

1 Utuu Yesuus mana sagadaa keessaa ba’uu, bartoota isaa keessaa tokko, “Yaa barsiisaa, dhagoota fi gamoo ajaaiboo kana ilaali” jedhe!” 2 Yesuusis, “Gamoowwan gaarii kana ni ilaaltuu? Dhanaan kam iyyuu dhagaa irratti hin hafu, ni diigama malee." 3 Yeroo inni tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taa’e, Pheexiroos, Yaaqob, Yohaannisii fi Indiriyaasiin qoofniitti gaafate. 4 "Nutti himi, Kun yoom ta’a? yeroo kun ta’uudhaaf jedhu mallattoo akkamiitu ta’a?” 5 Yesuus akka ittiin jechuutti ka’e, “eenyu illee akka isin hin gowwomsineef of eeggadhaa. 6 Baay’een maqaa kootiin dhufanii, ‘Ani isa,’ isaan garuu baay’ee isin gowwomsu. 7 Yeroo lolaa fi oduu lolaa dhageessan, hin sodaatinaa, kun ta’uutu irra jira, garuu dhumni isaa amma iyyuu hin geenye. 8 sabni saba irratt ni ka’a, mootummaanis mootummaa irratti. Bakka hedduuttis sochiin lafaa ni ta’a, beellis akkasuma. Kun jalqaba miixuu da’umsaati. 9 "Of eeggadhaa. Isaan yaa’ii duratti isin dhiyeessu, yaa’ii duratti isin dhaanu. Isaan waa’e koof jedhanii abboota biyyaa fi mootota dura isin dhaabu. Kun dhugaa isinitti ni ba’a. 10 Garuu jalqaba saba hundumaatti wangeelli lallabamutu irra jira. 11 Isaan yeroo isin qaban, waan waa’ee dubbattaniif hin dhipatinaa. Yeroo sana, waanisin dubbatan isiniif ni kennama, kan dubbatu isin miti, hafuura qulqulluudha malee. 12 Obboleessi dabarsee obboleessa isaa du’atti ni kenna, abbaanis mucaa isaa. Ijooleen maatii isaanii irratti ni ka’u, isaan ajjeesisuudhaaf. 13 Maqaa koof jettanii nama hundumaa biratti ni jibbamtu. Garuu hanga dhumaatti kan obsu, ni fayya. 14 "Inni jibbisiisaan iddoo qulqull’aa xureessu sun, iddoo isaaf hin malle dhaabachuu isaa yeroo argitan namni kana dubbisu haa hubatu, warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan. 15 Namni inni guutuu manaa irra jiru waa fudhachuudhaa gara manaatti gadi hin bu’in, 16 Inni oyiruu keessa jiru uffata isaa fudhachuudhaaf hin deebi’in. 17 Garuu guyyaa sana warra ulfia ta’aniif ijoollee guddisaniif wayyoo! 18 Akka inni yeroo gannaatti hin taaneef kadhadhaa. 19 Guyyoonni sun guyyoota dhiphinaa waan ta’aniif, rakkinni akkasii erga Waaqayyo biyya lafaa uumee, jalqabee hanga ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u. 20 Yoo Waaqayyo guyyicha gabaabse malee, namni tokko iyyuu hin fayyu. Garuu warra fo’amanii jedhee, warra inni fo’ate, guyyicha ni gabaabsa. 21 Kanaaf namni kam iyyuu yoo “Ilaalaa, Kiristoos as jira!’ jedhan hin amaninaa. 22 Kiristoos warri sobduu fi raajonni waan ka’aniif, akkasuma isin gowwomsuudhaaf mallattoo fi dinqii isin argisiisu, yoo dandaa’ame warra fo’aman illee. 23 Of eeggadhaa! Ani waanta kan dursee isinitti himeera. 24 "Garuu dhiphina guyyoota kanaa booda, 25 Urjoonnis waaqa irraa ni harca’u, Humnoonni bantii waaqaa keessaas ni raafamu.’ 26 Isa booda utuu ilmni naa duumesa keessan humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. 27 Isa booda, inni ergamoota isaa ergee, warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqatiis walitti ni qaba, jedhe. 'aduun ni dukkanoofti, Jiinis ifa ishee hin kennutu, 28 Muka harbuu irraa fakkeenya fudhadhaa. Dameen isaa quqquuqee baala yeroo biqilchu, bonni akka dhiyaate ni beektu. 29 Akkasuma, yeroo kun ta’u yeroo argitan, inni akka dhiyaate beekaa, gara balbalaatti akka dhiyaate. 30 Ani dhuguman isinitti hima, hanga waanti kun hundumtuu ta’utti dhaloonni kun hin darbu. 31 Waaqayyo lafti ni darbu, garuu, dubbiin koo tasa hin darbu. 32 Garuu guyyaa yookaan yeroo sana ilaalchisee, eenyu illee hin beeku, ergamoonni waaqa keessaa illee, ilmis, abbaa qofaa malee. 33 "Dammaqaa! Ilaalaa, yoom akka ta’e waan hin beekneef. 34 Inni akka nama karaa adeemuuti, mana isaa warra hojjetootatti kennaa adeema, tokkoo tokkoo isaaniifis hojii ni kenna, akka inni balbala eegu dammaqaa ta’uufis ni abbooma. 35 kanaaf, abbaan manichaa yoom akka ddeebi’ee gara manaa dhufu, waan hin beekneef dammaqee ni eega. Tarii ganama ta’uu danda’a, halkan ta’uu danda’a, yeroo Indaaqqoon iyyu ganama barii. 36 Inni akka tasaa dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argine. 37 waan an isiniin jedhe kana nama hundumaatti nan hima. Ilaalaa!”