14

1 Amma yyaana Faasikaa fi ayyaana Maxinoo dura guyyaan lama hafee ture. Angafoonni lubootaa fi warri barreessotootaa akkaataa dhoksaadhaan itti Yesuusiin qabanii ajjeesan barbadaa turan. 2 Isaanis, “Yeroo ayyaanaa miti, akka saba gidduutti jeequmsi hin kaanetti.” Jedhan. 3 Utuu Yesuus Bitaaniyaa mana Simoon isa lamxii qabuu jiruu, utuu inni minjaala irra ta’uu, dubatiin tokko urgooftuu dibata makaa hin qabne, baay’ee gatiin isaa jabaa ta’e, hidda biqiltuu Naardo jedhamu irraa kan hojjetame, shurrubeetti qabattee dhufte, isheenin shurrubee sansa cabsitee, urgooftuu sana mataa Yesuus irratti naqxe. 4 Garuu, namoonni aaran immoo turaniiru. Isaan walii isaanii gudduutti haasa’anii, “hiikaan urgooftuu kana balleessuu maaloodha? Jedhan. 5 Urgooftuun kun Diinaarii dhiibba lama caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu ni danda’a ture.” Jedhanii ishee arrbsan. 6 8 9 6 Yesuus garuu, “ishee dhiisaa. Maaliif ishee dhiphiftu? Isheen waan gaarii anaaf hojjette. Jedhe. 7 7 warri hiyyeessotaa yeroo hundumaa isin gidduu jiru, kanaaf yeroo barbaadanitti isaaniif waan gaarii ta’e gochuu dandeessu, anaan garuu yeroo hundumaa of gidduutti ana hin argitan,” jedhe. 9 ani dhuguman isinitti hima, yeroo wangeelli guutummaa biyya lafaa keessatti lallabamu, waan dubartiin kun hojjette ni himama, yaadannoo isheetiif.” Jedhe. 10 Yidudaan inn Asqorotoichi, warra kudha lamaanii keessaa, dabarsee isa kennuudhaaf gara angafa lubootaa dhaqe. 11 Angafni lubootaas yeroo dhagaa’an, gammadanii qarshii isaaf kennuuf waadaa galaniif. Inni isa dabrsee kennuudhaaf carraa barbaadaa ture. 12 Guyyaa jalqabaa ayyaana maxinootti, yeroo isaan hoolaa faasikaa qalan, bartoonni isaa, “eessatti akka qopheessini barbaadda, akka nyaata ayyaanaa nyaattuuf?” jedhan. 13 Innis bartoota isaa lama ergee, “gara mandaraa dhaqaa, nanmi okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti ni dhufa. Isa duukaas bu’aa. 14 mana inni itti seenus, duukaa seenaatii abbaa mana sanaan, “barsiisaan, kutaan koo meerree, bakki ani bartoota koo wajjin itti faasikaa nyaadhu? “ jedhaa jedhe. 15 Inni kutaa isa gara olii miidhagaa fi qophaa’aa ta’e isnitti ni argisiisa. Achittis nuuf qopheessaa.” 16 bartoonnis dhiisanii gara magaalichaa dhaqan. Akkuma inni jedhettis waan hundumaa argan. Achittis faasikaa qopheessan. 17 Yeroo dhiyes, inni warra kudha lamaanii wajjin dhufe. 18 Utuu maaddiitti ta’anii nyaataniis, Yesuus, "Dhuguman isiniin jedha, warra anaa wajjin nyaattan keessaa tokko ana gana.” Jedhe. 19 Hundumti isaaniis ni gaddani, tokko tokkoonis, “anaaree?” jedhan. 20 Yesuusis deebisee, “warra kudha lamaanii keessaa, isa anaa wajjin qodaa ittoottii cuuphatuudha, 21 Ilma namaa akkuma waa’ee isaaf barreeffame ni ta’a. garuu waa’ee isa ilmi namaa karaa isaa darbarfamee kennamuuf wayyoo! Utuu hin dhalanne ta’ee isaaf wayyoo ture.” jedha. 22 Utuu nyaachaa jiraniis, Yesuus buddeen fuudhee, eebbisee, cabse. Isaaniifis kennee, “kana fudhadhaa, kun qaama kooti.” Jedhe. 23 Inni xoofoo fudhatee, galatteeffatee, isaaniifis kenne, hundumti isaaniis ni dhugani. 24 “Kun dhiiga kakuu kooti, dhiiga isa baayyeef dhangala’e. jedhe. 25 dhuguman isinitti hima, ani deebisee wayinii kanattii hin dhugu, hanga guyyaa sanaatti, mootummaa Waaqayyoo isa haaraatti.” Jedhe. 26 Erga faarfannaa faarfatanii booda, gara gaara ejrsaatti ol ba’ani. 27 Yesuus, “Hundumti keessan na dhiiftu, barreeffamee akkuma jiru, 28 Garuu ergan ka’ee booda, isin dura gara Galiilaa nan dhaqa.” Jedhe. 'Tiksee nan rukuta, hoolotnis ni faca’u.’ 29 Pheexiroos, “yoo hundumtuu si dhiisan, ani sin dhiisu.” Jedhe. 30 Yessuusis, “ani dhuguman siin jedha, har’a, eyyee, halkan kana, utuu Indaaqoon hin iyyin yeroo lama ana ganta.” Ittiin jedhe. 31 Pheexiroos garuu jabeessee, “Yoo sii wajjin du’uun ana irra jiraate, ani sin ganu.” Jedhe. Hundumti isaaniis waafaa wal fakkaatu seenan. 32 Isaan gara baka iddoo Geetesemaanee jedhamu dhufan, Yesuusis bartoota isaatiin, “hangan kadhadhutti asuma turaa.” 33 Inni Pheexiroosiin, Yaaqobii fi Yohaannisiin fudhatee, dhiphachuu fi guddisee yaadda’uutti ka’e. 34 “Lubbuun koo guddaa dhiphatteetti, hanga du’aatti illee. As turaatii ilaalaa.” isaaniin Jedhe. 35 Erga muraasa adeemee booda, Yesuus lafatti gadi gonbifamee kadhate, yoo dandaa’ame yeroon kun ana irra haa darbu jedhee. 36 Inni, “Yaa, abbaa, yaa abbaa, siin waanti hundumtuu ni dandaa’ama. Xoofoo kana ana duraa kaasi. Garuu fedha koo miti, kan kee malee.” Jedhe. 37 Inni deebi’ee dhufee utuu isaan rafanii arge, Pheexiroosiin, “Simoon, ni raftuu? Yeroo sa’atii tokkoof illee dammaquu hin daneenyee? 38 Dammaqaa, kadhadhaa, akka qormaatatti hin galletti jedhe. Hafuurri dammaqaadha. Foonni garuu dadhabaadha.” Jedhe. 39 Ammas, dhaqee kadhate, jechuma wal fakkaatu gargaarame. 40 Ammas yeroo deebi’ee dhufe, rafanii isaan arge, inis itti ulfaatee ture. Isaan waan ittiin jedhan dhaban. 41 Innis yeroo sadaffaas dhufee, “amma iyyuu ni raftu, boqochaa jirtuu? Jedhe. Ni ga’a! Yerichi ga’eera. Ilaalaa! Ilmi namaa harka warra cubbamootaa keessatti ganamaara.” Jedhe. 42 Ka’aa, haa adeemnuu. Ilaalaa, inni ana ganu asuma jira.” Jedhe. 43 Utuu inni haasa’aa jiruu, Yihudaan, warra kudha lamaanii keessaa, achi ga’e, namoonni baay’eenis, isaa wajjin billaa fi bokkuu qabatanii dhufan, angafoota lubootaa biraa, warra barreessitoota biraa fi geggeessitoota biraa. 44 Amma egaa inni ganu kun mallattoo kenneef, “Namichi inni ani dhungadhu isa. Isa qabaatii eeggadgaa fuudhaatii sokkaa.” 45 Yihudaan yeroo ga’e, battaluma gara Yesuus dhufee, “Rabbi,” jedhee isa dhungate. 46 Isa booda isaan harka isa irra kaa’anii isa qaban. 47 Isaan keessaa tokko inni cina dhaabachaa ture, billaa isaa baasee gurra angafa lubaa irraa kute. 48 Yesuus, “akka nama saamtuu qabuutti, billaa fi bokkuu qabattanii ana qabuu dhuftanii? Jedhe. 49 Yeroon guyyaa hundumaa isini bira turee fi mana sagadaa keessatti barsiisaa ture, isin ana hin qabne. Kun garuu akka caaffatni qulqull’aan fiixaan ba’uuf ta’e.” 50 Warri Yesuusii wajjin turan hundumtuu dhiisanii baqatan. 51 Dargaggessi tokko, uffata quncee talbaa tokko qofaa uffate, Yesuus duukaa bu’e. Namoonni yeroo isa qaban. 52 Uffata isaa sana gatee qullaa isaa baqate. 53 Isaan Yesuusiin gara angafa lubaatti geessan. Angafoota lubootaa, geggeessitootaa fi warra barreessitootaa hundumaa wajjin wal-ga’iin ture. 54 Pheexiroosis fageenya irraa isa hordofaa ture. Hanga mooraa mana angafa lubaatti. Inni warri geggeessitoota gidduu taa’e, abidda qaammachaa. 55 Egaa, angafoonni lubootaa fi guutummaan yaa’ii Yihuudotaa faallaa Yesuus, isa ajjeesuudhaaf dhuga ba’umsa barbaadan. Garuu hin arganne. 56 Warri kaan waa’ee isaatiif dhuga ba’umsa dharaa fidan. Garuu immoo dhuga ba’umi isaanii illee waliif hin galle. 57 kaan dhaabatanii sobaan isa irratti dhugaa baa’an, 58 Utuu inni “Mana qulqullummaa harkaan ijaarame kana nan diiga;, deebisee immoo hojii harkaa malee guyyoota sadii keessatti nan ijaara” jedhuu dhegeenyeerra jedhan. 59 amma iyyuu dhuga ba’umsi isaanii waliif hin galle. 60 Angafni lubaa gidduu isaanii dhaabatee, Yesuusiin, “deebii qabdaa? Inni dhugaa sirratti ba’amaa jiru kun maali?” jedhee gaafate. 61 Yesuus garuu callise, homaa hin dubbanne. Angafni lubaa sun ammas, “Ati Kiristoosii, ilma isa eebbifamaa sanaa?” jedhe. 62 Yesuusis, “eyyee, utuu ilmni namaa mirga humna qabuu ta’uu ni argitu; duumessa waaqaatiinis utuu dhufuu ni argitu.” Jedhe. 63 Angafni lubaas uffata isaa tarsaasee, “amma iyyuu dhuga ba’umsa ni barbaanaa? Jedhe. 64 Waaqayyoon arrabsuu isaa dhageessaniittuu, egaa murtoon keessan maaliree?” jedhe. Isaan hundumti isaanii du’uun ni ta’aaf jedhanii ceepha’an. 65 Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaa hidhanii rukutanii, “eenyuutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!” ittiin jedhu turan, warri eegdonnis, isaan harkaa fuudhanii isa kakkabalan. 66 Utuu Pheexiroos oobdii keessa jiruu, durboota warra tajaajiltoota angafa lubaa keessaa gara isaa dhufte. 67 Utuu Pheexiroos abidda qammatuu argite, isheenis isatti siqxee ilaaltee, “Atis Yesuus isa Naazireetichaa wajjin turte.” Jette. 68 Inni garuu isa gane, “An isa hin beeku, waan isin waa’ee isaaf dubbachaa jirtanis hin beeku.” Jedhe. Isa booda gara balbalaatti sokke. Indaaqqoonis ni iyye. 69 Mucaan durbaa isheen hojjettuun sun garuu, mmas isa argitee, warra achi dhaabatanii turaniin, "Namni kunis isaan keessa tokko.” Jette. 70 Inni garuu ammas ni gane. Yeroo muraasa booda warri achi dhaabachaa jiran, Pheexiroosiin, “ati dhugaadhumaan isaan keessaa tokko, ati nama Galiilaati.” Jedhan. 71 Inni garuu of abaaruu fi kakachuutti ka’e, “ani namicha isin waa’ee isaa dubbattan kana hin beeku.” Jedhe. 72 Indaaqqoon yeroo lammaffaaf iyyite. Isa booda Pheexiroso dubbii isa Yesuus itti himee ture yaafate. "Utuu Indaaqqoon hin iyyin, ati yeroo sadii ana gantan” isa inni jedhe. Kufees ni boo’e.