15

1 Ganama barii, angafoonni luboota, warra geggeessitootaa, barreessitotaa fi guutummaan yaa’ii Yihuudotaa, wal ga’aan. Yesuusiinis qabanii fuudhanii sokkani. Philaaxoosittis isa kennan. 2 Philaaxoosis, “Ati mootii Yihuudotaatii?” jedhe. Innis, “Ati iyyuu jetteettaka,” jedheee deebiseef. 3 Angafoonni lubootaas waan baay’eedhaan isa himataa turan. 4 Philaaxoos amma “deebii qabdaa?” jedhee isa gaafate. Waantota meeqaan akka isaan si himatan ilaali! Jedhe. 5 Yeruus garuu kana caalaa Philaaxoosiif hin deebinfe, inni immoo isa dinqifate. 6 Amma, guyyaa ayyaana sana, Philaaxoos nama hidhaman tokko gad ni dhiisaaf ture, hidhamaa isaan gaafatan. 7 Namni maqaan isaa Barabbaa jedhamu tokko, mormitoota yeroo mormii nama ajjeesan tokkoo wajjin mana hidhaa keessa ture. 8 Sabni sunis gara Philaaxoos dhufanii, akka inni waan kanaan dura isaaniif godhe ture isaaniif hojjetuuf isa gaafatan. 9 Philaaxoosis deebiseefii, "Akkan mootii warra Yihuudotaa isiniif gad dhiisuuf ni barbaadduu?” jedhe. 10 Inni waan angafoonni lubootaa jibba isaa irraan kan ka’e Yesuusiin isatti kennan beeka. 11 Angafoonni lubootaas, akka sabni sun iyyee qooda isaa Barabbaa gadi nuuf dhiisi, jedhuuf kakaasan. 12 Philaaxos amma irra deebi’ee, “egaa ani mootuu Yihuudotaa maal godhuree?” jedhe. 13 Isaan ammas iyyanii, “isa fannisi!” jedha. 14 Philaaxoosis, “Inni maal maal hojjete?” jedhe. Isaan garuu irra deddeebi’anii iyyanii, “isa fannisi.” 15 Philaaxoos sab asana gammachiisuuudhaaf jedhee Barabaa gadi dhiis. Inni Yesuusiin reebee, aarsaattis dabarsee kenne. 16 Loltoonnis mooraa keessaa isa baasan (isa waajjira ol aanaa mootii ture), isaan garee loltootaa hundumaa waaman. 17 Isaan uffata dhiilgee Yesuusitti uffisan. Gonfoo qoraarriis hojjetanii mataa isaa irras kaa’an. 18 Isaan nagaa gaafatanii, “Attamiree, mootii Yihuudotaa! 19 Uleedhaanis mataa isaa rukutanii, itti tufan. Jibeenfataniis fuula isaa duratti kufan. 20 Itti ga’isaniis, uffata isaa isa dhiilgee isa irraa baasanii uffata ofii isaanii isa irra buusani, isa booda gara isa fannisuutti geessan. 21 Namni tokko, Simoon isa Qareenaa, namni biyya (Inni abbaa Alekzaanderiyaa fi Ruufos), isaanis akka namni kun fannoo isaa baatuuf isa dirqisiisan. 22 Loltoonni gara bakka Golgootaa jedhamuutti Yesuusiin fidani (Hiikaan maqaa bakka kanaas, “bakka lafee mataa” jechuudha. 23 Isaani daadhii wayinii qumbiidhaan makame kennaniif, inni garuu hin dhugne. 24 Isaan erga isa fannisanii booda, warri loltootaa carraa irra buusanii uffata isaa addaan qooddatani. 25 28 25 Yeroo isaan kana fannisan guyyaa keessaa sa’atii sadii ture. 26 Yakka inni ittiin himatame mulisuudhaaf, “Mootii Yihuudotaa.” Jedhanii barreessan. 27 Isaa wajjinis namoota saamota lama fannisani. Bitaa isaa fi mirga isaatti. 28 29 Waari isa bira darban isa arrabsan, harka isaanii raasanii, “Eenyuudha kana kan mana qulqullummaa diigee, guyyaa sadii booda immoo ijaaru, 30 Ofii kee oolchiitii, fannoo irraas gadi bu’i” ittiin jedhan. 31 Bifuma wal fakkatuun angafoonni lubootaas walii isaanii fi, warra barreessitootaa wajjin, itti ga’isanii, “Inni warra kaan fayyiseera, ofii isaa garuu oolchuu hin dandeenye,” 32 Kiristooos inni mootiin Israa’el mee fannoo irraa gadi gaa ba’u, akka nuti arginee amanutti.” Ittiin jedhan. Warri isaa wajjin fannifaman illee isa arrabsan. 33 Sa’atii ja’aa eegalee, hanga sa’atii sagalitti guutummaa lafaa irra dukkanni buufatee ture. 34 Sa’atii salgaffaatti Yesuus sagalee isaa ol fuudhee, “Elo’ii, Elo’ii, lamaa sabaktaanii?” jedhe. Innis yeroo hiikamu, “Waaqayyoo ko, Waaqayyoo ko, maaliif ana dhiifte?” jechuudha. 35 Warra isa bira dhaabatan keessaa kaan, “Ilaalaa, inni Eliyaasiin waamaa jira.” Jedhan. 36 Namni tokko fiigee, wayinii dhangaggaa’aa, waan akka cumaatti kaa’ee mataa uleetti kaa’ee, akka inni dhuguud isaaf kenne. Namichis, “Mee utuu Eliyaas si oolchuu dhufuu ni ariginaka.” Jedhe. 37 Yesuus yemmus, sagalee gudda dhageessisee du’e. 38 Golgaan mana qulqullummaas bakka lamaatti gubbaadhaa hanga godaatti tarsa’e. 39 Angafni dhibbaa inni dhaabatee ture, yeroo Yesuus bifa kanaan du’uu isaa arge, “Inni kun dhuguma ilma Waaqayyootti” jedhe. 40 Dubartoonni fageenya irraa isa hordofaa turanis turaniiru. Isaan keessaa, Maariyaan ishee Magdalaa, Maariyaan ishee (haadha Yaaqobii fi isa quxisuu kan Yosees), 41 Isaan yeroo inni Galiilaa ture isa duukaa ba’anii isa taajaajilan. Akkasuma dubartoonni baay’een isaa wajjin gara Yerusaalem dhufaniiru. 42 Yeroo dhi’es, waan guyyaa qophee turee, inni guyyaa isa sanbata duraa, 43 Yoosef namni Armaatiyaas achi dhufe. Inni miseensa yaa’ii, kabajamaa isa mootummaa kabajamaa Waaqayyoo eeggachaa tureedha. Inni ija jabinaan gara Philaaxoos dhaqee, reeffa Yesuus gaafate. 44 Philaaxos du’uu Yesuus ni dinqifate. Inni angafa dhibbaa sana waamee yoo Yesuus du’eera ta’e gaafate. 45 Philaaxos yeroo akka Yesuus du’e angafa dhibbaa sana irraa adda baafate, reeffa isaa Yooseff kenne. 46 Yoosefis, wayyaa quncee talbaa irra hojjetame bite. Isas fannoo irraa buusee, uffata sanaanis mare, awwaalcha keessa kaa’e, isa dhagaa irraa murame. Isa booda dhagicha gara balabala awwalichaatti gara galche. 47 Maariyaan isheen Magdallaa fi Maariyaan isheen haadha, Yosees bakka Yesuus itti awwaalame arganiiru.