16

1 Yeroo guyyaan torbaffaan dhume, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqobii fi Saloomeen, urgoofuu bitanii ittiin qaama Yesuus dibuuf jedhan. 2 Ganama barii jalqaba torbanii, yeroo isaan lafa awwaalichaa dhaqa aduun baate. 3 Akkasis waliin jedhan “Eenyutu balbala awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gara galcha?” jedhan. 4 Isaan yeroo ol ilaalan, dhagicha irraa gara galee argan, innis guddaa ture. 5 Isaanis gara awaalichaatti seenanii, dargaggeessa uffata adii uffate tokko, karaa mirgaa ta’ee arganii na’an. 6 Innis, “Hin na’inaa. Isin Yesuus nama Naazireet barbaadduu, isa fannifame. Inni ka’eera! Inni as hin jiru. Bakka inni kaa’amee tures ilaalaa. 7 garuu dhaqaatii, bartoota isaa fi Pheexiroositti himaa, “Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa, achisttis isa ni argitu, akkuma inni isiniti himee ture” ittiin jedhe. 8 Isaanii fiiganii awwalicha keessaa baa’anii fiigan, oollataniis dinqifatan. Isaan sodatanii waan turaniif nama tokkotti illee homaa hin dubbanne. 9 [jalqaba guyyaa torbaniitti, erga ka’ee booda, jalqaba Maariyaam ishee Magdalaa ishee seexana torba keessaa baasetti mul’ate. 10 Isheenis dhaqxee warra isaa wajjin turanitti himte, utuu isaan gaddaa fi boo’uuutti jiranii. 11 Isaanis akka inni lubuun jiruu fi isheenis immoo argite ni dhagaa’an, garuu hin amanne. 12 Waantota kana booddee, inni bifa kan biraadhaan isaan keessa lamatti mul’ate, utuu isaan magaalaa keessaa ba’anii. 13 isaanii deebi’anii dhaqanii warra kaanitti himan, isaan garuu isaaniin hin amanne. 14 Yesuus booda immoo, warra kudha lamaaniitti mul’ate, utuu isaan maaddiiti ta’anii, innis amanuu diduu isaanii fi gara jabina isaaniif isaan ifate, sabaiin isaa isaan warra erga inni du’aa ka’e isa argan hin amanne. 15 Innis, “Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa, uumama hundumaattis wangeela lallabaa. 16 namni amanee fi cuuphame ni fayyaka, kan hin amanneetti garuu ni faradama.. 17 mallattoon kun warra amanii wajjin ni ta’a, isaan maqaa kootiin seexanoota ni baasu, afaanota haaraa ni dubbatu. 18 harka isaaniitiin bofa ni qabu, yoo waan nama ajjeesu dhufanis, isaan hin miidhu. Dhukkubsataa irra harka isaanii ni kaa’u, isaanis ni fayyu.” Jedhe. 19 Gooftaan Yesuus erga isaanitti dubbatee booda, gara waaqa keessatti ol fudhatamee gara mirga Waaqayyoos taa’e. 20 Bartoonnis dhaqanii bakka hundumaatti wangeela lallabani, gooftaan isaanii wajjin hojjetee, dubbichas mallattoon isaaniif mirkaneessuu.