1 Lolaa fi wal dhabdeen isin gidduu jiru eessaa dhufe? Wal loluun miseensota keessan keessa jiru fedhii keessan irraa kan dhufe mitii? 2 Isin ni feetu, garuu hin qabdani. Ni ni ajjeeftu, ni hawwitus, fudhacuu garuu hin dandeessani. Isin wal loltu. Waan hin gaafanneef hin qabaattani. 3 Isin ni gaafattu, garuu hin fudhattani, sababii gar-malee gaaffattaniif. Akka fedhii keessaniif itti gargaaramuu dandeessanitti. 4 Isin ejjitoonni! Akka biyya lafaa wajjin michoomuun Waaqayyoo wajjin ta’e hin beektanii? Kanaa, namni biyya lafaa wajjin michoomuu barbaadu ofii isaa diina Waaqayyoo ni ta’a. 5 yookaan caafanti qulqullaa’aan akkasumaan jedha jettanii ni yaadduu? “Hafuurri inni nu keessa kaa’e, hinaaffaa gadi fagoo qaba jettanii? 6 Garuu ayyaana caalu nuuf kenna, kanaaf caaffatni qulqullaaan “Waaqayyo warra of tuulaniin ni morma, warra garraamotaaf garuu ayyaana ni kenna” jedha. 7 kanaaf Waaqayyoof of kennaa. Seexanaan mormaa, innis isin irraa ni baqataa. 8 Waaqayyootti dhiyaadhaa, innis isinitti ni dhiyaataa, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri cubbamootni, garaa keessanis qulleessaa, isin warri yaada lamaa. 9 Gaddaa, boo’aa, iyyaas! Kolfi keessan boo’ichatti haa jijjiiramu, gammachuun keessanis, dukkanatti. 10 Waaqayyoo duratti gadi of deebisaa, innis ol isin kaasaa. 11 waa’ee warra kaanii hamaa hin dubbatinaa, yaa obbolootaa. Namni obboleessa tokko hammeessu yookiis, obboleessa isaatti faradu, seericha hammeessuu isaati, serichattis faraduu isaati, ati seerichatti yoo faradde immoo, seericha irratti abbaa firdii ta’uu keeti malee, nama seericha hojii irra oochu ta’uu kee miti. 12 Nama tokko qofaatu seera kenna, faradas. Innis isa fayyuu danda’uu fi belleessuus danda’uudha. Ati eenyu kan olla akeeti faraddu? 13 Amma dhaggeeffadhaa, “Har’a yookiis bora gara magaalaa kanaa ni dhaqna jettu, waggootas achitti ni dabarsitu, bu’aas ni buufattu.” 14 Waan bor ta’uu jiru eenyuutu beeka, jireenyi kees maali? Ati akka hurrii yeroo muraasaaf ba’ee, isa booddee immoo baduuti. 15 Qooda isaa, ati “Yoo fedha Waaqayyoo ta’e, kana yookaa sana ni hojjenna” jedhi. 16 Ati garuu amma waa’ee karoora kee isa isa sirrii hin ta’iniif of jajaa jirta. 17 Kanaafa nama isa utuu gaarii beekuu garuu immoo hojii irra hin oolchiheef, isaaf kun cubbuudha.