1 Amma kottaa, isin warri sooreyyiin, waan dhiphinni gara keessanitti dhufaa jiruuf boo’aatii wawwaadhaa. 2 Badhaadhumaman keessan ni tortora, uffata keessanis biliin ni nyaatti, 3 Warqee fi meetiin keessanis ni bada, dammeessa’uun isaaniis ragaa isiniif ta’u. inni akka abiddatti foon keessan ni nyaata. Badhaadhummaa keessan keessan guyyoota dhumaaf walitti qabattaniittu. 4 Ilaalaa, gatiin isin warra midhaan keessan haamaniif kennitan, faallaa keessan boo’aa jira. Iyyi warra sassaabanii gurra gooftaa maccaa keessa seeneera. 5 Jireenya gaarii jiraattanii, ofii keessanis gammachiifatniittu. Guyyaa qalmaafis ofii keessan gabbiftaniittu. 6 You have condemned and murdered the righteous person. He does not oppose you. 7 Obsaa, isa booda yaa obbolootaa, hanga gooftaan dhufutti. Qotee bulaan ammam akka inni oyiruu isaa irraa fiirii eeggatu ilaalaa; hanga inni bokkaa isa jalqabaa fi isa boodaa argatutti. 8 Isinis, obsaa. Dhufaatiin gooftaa waan dhiyaateef garaa keessan jabeessaa. 9 Yaa obbolootaa, walii keessan hin hameessinaa, akka hin ifatamnetti. Ilaalaa, firidiin balbala keessan irra dhaabatee jira. 10 Yaa obbolootaa, dhiphinaa fi obsa raajotaa fakkeenya godhadhaa. Warra maqaa Waaqayyoon dubbatan. 11 Ilaalaa, nuti warra obsan sana akka warra eebbifamniitti ni ilaalla. Waa’ee obsa Iyoob dhageessaniittu. Yaada Waaqayyoos ni beektu, ammam akka inni baayyee o’a qabeessaa fi araara qaneessa ta’e. 12 Hundumaa caalaa, yaa obboloota ko, hin kakatinaa, isa waaqa irraan yookaan isa lafa irraan, yookaan kaka kan biraatiin. Qooda isaa, “eyyee” keessan “eyyee” “mitiin” keessas “miti” isa jedha haa ta’u. kanaaf firdii jalas hin faltani. 13 Isin keessaa nama dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaadhaan haa galateeffatu. 14 Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni geggeessitoota waldaa amantootaa haa waamu, isaafis haa kadhatani. Maqaa gooftaanis dibata isa haa dibani. 15 Kadhannaan amantii nama dhukkubsataa ni fayyisa, gooftaanis ol isa kaasa. Yoo cubbuu hojjeteera ta’e, Waaqayyo isaa ni dhiisa. 16 Kanaaf walii keessaniif qalbii jijjiirradhaa, walii keessaniif kadhadhaa, akka fayyitaniif. Kadhannaan nama qajeelaa hojii isaatiin baay’ee humna qabeessa. 17 Eliyaas akkuma keessan nama ture. Inni akka bokkaan hin roobneed cimsee kadhate. Laficha irrattis waggoota sadii fi ji’a ja’aaf hin roobne. 18 Isa booda Elsaayis ni kadhate. Waaqnis bokkaa roobse. Laftis midhaan kennite. 19 Yaa obboloota ko, Isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa kaate, namni tokko immoo deebisee fide, 20 Nanmi sun, akka namni nama cubbamaa daandii isaa isa dogoggora irraa deebise, du’aa irraa akka isa fayyisuu fi baayyini cubbuus deebisee akka isa hin arganne gochuu isaa beektu.