1 Gowwoora warra Galaatiyaa! Eenyuutu qoricha isinitti hojjete? Ija keessa duratti Kiristoos Yesuus fannifamee mul’inaan argisiifamuun isaa. 2 Kun waanta isa tokkicha ani isin irraa barachuu barbaaduudha. Isin hojii seeranimoo dhaga’uu amaniitiin hafuuricha argattani? 3 Isin akkasuma gowwootaa? Hafuuraan eegaltanii fooniin xumuruudhaaf jettuu? 4 Hanga kana akkasumaan dhiphattanii, yoo akka ta’e, inni akkasumaan turee? 5 Inni hafuura isiniif kennuu fi inni isin gidduutti dinqii hojjetu, hojii seeraa ykn hojii dhaga’uu amantiin hojjeta? 6 Akkuma Abraham “Waaqayyoo amenee jennaank inni qajeelummaatti lakkaa’ameef” 7 Akkasuma, hubadhaa, kanaaf, isaan warri amantii sun akka ijoollee Abraham ta’an. 8 Caaffatni qulqulla’aan, akka Waaqayyo warra ormootaa amantiidhaan, wangeela isa dursee Abrahamitti lalalbeen qulleessu dursee himeera. “si keessaan sabni hundumtuu ni eebbifamu” jedha. 9 kanaaf, warri amantii Abraham keessaan eebbifamoodha. 10 Warri hojii seeraa irratti hirkatan hundumtuu abaaramoodha. Akkas jedhamees caafameera, “Namni waan waan macaafa seeraa keessatti caafamee jirutti hin jiraannee hojii irraa hin oolchine abaaramaadha” jedha. 11 Amma egaa akka eenyu illee seeraa fuula Waaqayyoo duratti hin qullaa’in beekamaadha; sababiin isaas “qajeelaan amantiidhaan jiraata” 12 Garuu, seerri kan amantii miti, qooda isaa, “Namni hojii seeraa hojjetu isumattis haa jiraatu” 13 Yesuus abaarsa seeraa irraa ofii isaaf abaaramaa ta’ee nu furel “Muka irratti kan rarraafame hundumtuus abaaramaadha” jedhamee caafameera. 14 Akka eebbi Abrahama karaa Yesuus kiristoos gara warra ormootaa dhufuuf; akaknuti amantiidhaan waadaa hafuurichaa fudhannuuf. 15 Yaa obbolootaa, jecha namaan isinitti dubbadha. Yeroo tokko seerri inni namaa qophaa’e taa’eera. Namni kan iyyu isa dhiisuu yookaan itti dabaluu hin danda’u. 16 Egaa waadaan sun Abrahamii fi ijoollee isaatti dubbatameera, inni baay’ee argisiisee “ijjoolleedhaan” hin jedhu, garuu qooda isaa anaan jedha; “akkasuma ilma keetiin” innis Yesuus. 17 Egaa ani amma akkas jechaan jira, seerri inni waggota 430 booda dhufe, waadaa isa Waaqayyo dursee kaa’e hin hambisu, waadicha bakkaan ga’uudhaaf. 18 Utuu dhaalli seeraan argama ta’ee, kakuudhaan argamuu hin dadna’u ture. Waaqayyo garuu akkasumaan tola Abrahamiif kenne. 19 Egaa kaayyoon seeraa maaliree? Sababii irra daddarbaaf itt dabalame, hanga ilmi Abraham inni waa’ee isaf kakatame dhufuttu. Seerichis karaa ergamootaa muudame, karaa harka warra gidduu jiraniitti. 20 Warri gidduu jiran, lakkoofsa hedduu tokko ol argisiisa. Waaqayyo garuu tokkicha. 21 Kanaaf seerri kakuu sanaan ni mormaaree? Tasa hin mormu! Seerri utuu jireenya kennuudhaaf kennameera ta’ee, qajaalummaan sirriitti seera keessan ni argama ture. 22 Caaffatni qulqullaa’aan garuu waan hundumaa cubbuu jalatti hidhe, kana immoo kakuun inni amantiidhaan Yesuus keessatti jiru namoota hundumaaf akka kennamuuf. 23 Amma, utuu amantiin hin dhufin dura, nuti seera jalatti garboota turre; hanga amantiin mul’atutti hidhamnee turre. 24 Kanaaf hanga Yesuus dhufutti, seerri eegaa keenya ture, akka amantiidhaan qulloofnuuf. 25 Amma garuu amantiin dhufeera, amma kana booda eeguma jala jirru. 26 Hundumti keessan amantiidhaan Kiristoos Yesuus keessatti ijoollee Waaqayyoo waan taataniif. 27 Baay’een keessan warri Kiristoossitti cuuphamtan, Kiristoosiin uffattaniittu. 28 Yihudoo yookaan Girikiin hin jiru, garba yookaan birmadduun hin jiru, dhiira yookaan shamarran hin jiru. Isin hundumti keessan Kiristoos Yesuus keessatti tokko. 29 egaa isin yoo kan Kiristoos taatan, isin ijoollee Abrahamu, akka kakichaatti isin dhaaltota.