1 Booda waggoota kudha afur boodan baarnaabaasii wajjin gara Yerusaalemitti ol ba’e; Tiitoosiinis of duukaa fuudhee. 2 Ani sababii mul’atichaaf ol-ba’een wangeela isa ni warra ormaatti lallabes isaa dura kaa’e. Ani qoofniitti warran barbaachisoo ta’nii wajjin haasa’eera. Akka ani akkasumaan fiigaa hin turre mirkaneessuuf jedhee. 3 Tiitoo inni Girikii anaa wajjin ture illee, kittaanamuudhaaf dirqisiifameera. 4 Obboloonni sobaa dhoksaadhaan bilisummaa nuti Yesuus Kiristoos keessaan arganne basaasuudhaaf dhufani. Isaa garboota nu godhachuu barbaadaniiru. 5 Nuti garuu yeroo tokkichaaf illee isaanitti of hin kennine, akka dhugaan wangeelaa sun isin biratti hafuuf jennee. 6 garuu warri barbaachisoo fakkaatan, (Maal iyyuu yoo turan anaa dhiima koo miti, Waaqayyo loogii hin agisiisu), ani, isaan, warri barbaachisoon fakkaatan kun waan anatti dabaln hin qabanin jedha. 7 Faallaa isaa immoo, akka nai warra hin kitaanamin biraan wangeela ga’uuf waamame arganiiru. Akkauma Pheexiros warra kitaanaman biraan wangeela ga’uuf waamame. 8 Waaqayyo, akkuma Pheexiroosii warra kitaanamaniif ergaa godhe, anaan immoo warra hin ormaaf ergamaa ana godhe. 9 Yeroo Yaaqob, Keefaa fi Yohaannis, warri akka utubaatti maqaa qaban, ayyaana isa anaaf kenname hubataniiru, isaan anaa fiBaarnaabaasiif gargaarsa barbaachisu kennaniiru. Isaan akka nuti gara warra ormootaa dhanquuf walii galaniiru, isaan immoo akka gara warra kittaanamanii dhaqan. 10 Isaan akka nuti warra hiyyeessota yaadannu qofaa nu gaafatan. Dhimma isa anis baay’ee irratti hojjechuu barbaadu. 11 Garuu, yeroo Keefaan Anxooqiyaa dhufe, hojiin isaa kan itti farachiisu waan ta’eef isaan mormeera. 12 Utuu namootni murtaa’an Yaaqob biraa hin dhufin, Keefaan warra ormootaa wajjin nyaachaa ture. Garuu yeroo namoonni kun dhufan, inni isaaniin dhiisee warra ormaa kana irraa fagaateera. Inni warra kitaannaa gaafachaa turan sodaateera. 13 Yihuudonni warri hafanis ofitummaa kanatti dabalamaniiru. 14 Garuu yeroon akka amalli isaanii dhugaa wangeelaa hordofaa hin jirre arge, ani hunduma isaanii duratti Keefaadhaan “Ati yoo Yihudii taatee garuu immoo akka warra ormaatti jiraatta ta’e, akkamitti akka warri ormaa akka Yihuudoattii jiraatan gootareen?” jedhe. 15 Nuti dhalootumaan Yihuudota malee, warra cubbamoota ormaa miti. 16 Eyyee, akka eenyu iyyuu hojii seeraan hin qullaa’in beekna, garuu immoo amantiidhaan Kiristoos Yesuusiin malee. Nutis Kiristoos Yesuusitti amanne, akka amantiidhaan Yesuusiin qulloofnuuf, hojii seeraanis miti. Hojii seeraan foonni qullaa’u hin jiru. 17 Garuu, yoo Yesuusiin qullaa’uu barbaanne, nutis cubbamoota turre, kanaaf Yesuus tajaajilaa cubbuutiiree? Tasa miti! 18 Yoon isan takkaa diige nan ijaara ta’e, irra daddarbaa ta’uun koo ni mirkanaa’a. 19 Seera keessaan seeraaf waanan du’eef, Waaqayyoof jiraachuudhaaf. Ani Yesuusii wajjin fannifameera. 20 Kana booda kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee anatu jiraata miti. Jireenya ani amma fooniin jiraadhu, amantiidhaanin ilma Waaqayyoo keessa jiraadha. Isa ana jaallatee ofii anaaf kenne keessa. 21 Ani ayyaana Waaqayyoo cinatti hin dhiisu, utuu qajaalummaan seera keessaan argama ta’ee, Yesuus akkasumaan du’e jechuudha.