4

1 Anis kanan jira, dhaltuun sun mucaa amma ta’etti garbicha irraa adda miti, yoodhuma guutummaan biyyaatti kan isaa ta’e illee. 2 Inni hanga guyyaa isa abbaa isaatiin kaa’ameetti warra isa guddisanii fi geggeessan jala jira. 3 Akkasuma, nuti yeroo mucaa turre, barumsa isa kan biyya lafaatiif garboota turre. 4 Garuu yeroo yeroo isaa ga’etti, Waaqayyo ilma isaa erge, isa dubartii irraa dhalate, isa seera jalatti dhalate. 5 Inni akka inni warra seera jala jiran furuuf, akka nuti ilmaan guddifataa isaa argannuuf. 6 Sabii isin ilmaa isaa taataniif, Waaqayyo hafuura ilma isaa gara garaa keenyaatti erge. Isa “abbaa, abbaa’ jedhee iyyu. 7 Kanaaf, isin kana booda garba miti, ilma malee, akkasuma isin Waaqayyoo keessaan dhaaltotas. 8 Yeroo sana garuu, utuu Waaqayyoon hiin beekin, warra aboo uumamaa qabaniif garboota turtan, warra waaqa dhugaa hin ta’iniif. 9 Amma garuu gara Waaqayyoon beekuutti dhuftaniittu; akkamitti gara isa dadhabaa fi waa’ee hin baafne barumsa biyya lafaatti deebituree? Amma irra deebitanii garboota ta’uu ni barbaadduu? 10 Isin guyyoota, baatiiwwan haaraa, waqtii fi waggoota ni ilaaltu! 11 Waanan akkasumaan isiniti dadhabe anatti fakkaatee isiniif sodaadha. 12 Isin obboloota keessan ni kadhattu, akka koo ta’aa, anis akkuma keessan akkan ta’e. isin homaa anatti hin balleessine. 13 Garuu, sababii inni dhukkuba foonii, isa yeroo jalqabaaf ani wangeela isinitti lalalbe akka ta’e ni beektu. 14 Yoodhuma haalli qaama kootii isin qore illee, isin ana hin tuffane yookaan ana hin dhiifne. Qooda isaa, akka waanan ergaa Waaqayyoo ta’eetti ana simattan; akkuma waanan ofiikootii Kiristoos Yesuus ta’eetti. 15 Egaa eebbii keessan sun eessa jiraree? Akkuman dhugaa isnitti ba’e, utuu hin dandaa’ama ta’ee, ija ofii keessanii baaftanii anaaf kennitu turtan. 16 Kanaaf, waanan dhugaa isinitti himaa jiruufan duuna keessan ta’eeree? 17 Isaan isin irratti m’uu barbaadu, garuu immoo waan gaariidhaaf miti. Isaan akka isin isaaniif hinaaftaniif isinitti iyyu. 18 Yeroo hundumaa waan gaariif hinaafuun gaariidha. Yeroo ani isin bira jiru qodaa miti. 19 Ilmaan koo warra xixiqqo, ani akka isin warra isa irraa dhalatan taatanii fi kiristoos isin keessatti uumamuttin dhiphataa jira. 20 Amma utuun isinii wajjin ta’ee qooqa koo jijjiiree nan jaal’adhan ture, sababiin isaa bitaa anatti galeera. 21 Anatti himaa, warri seera jalatti buluu feetan, seera hin dhaggeeffattanii? 22 Akka Abraham ilmaa lama qaba ture, tokko dubartii ishee garbitti irraa, tokko immoo dubartii ishee walabaa irraa. 23 Tokko dubartii ishee garbittii irraa fooniin dhalate, inni tokko immoo dubartii ishee bilisaa irraa, kakuudhaan keessan dhalate. 24 Isaan kun akka fakkeenyaatti hiikamuu ni danda’u. dubartoonni kun lamaan waan kakuu lama bakka bu’aniif. Keessa inni tokko tulluu siinaatti yeroo ta’u, garbummaafis ijoollota deessi, isheenis Aggaari. 25 Aggaar amma, Biiya Arabaa keessa tulluu Siinaa bakka nuuti, Yerusaale ishee har’aa bakka buuti; ijoollee ishee wajjin garbummaatti waan jirtuuf. 26 Garuu, Yerusaalem inni gubbaa jiru walaba, isheen haadha keenyas. 27 akkas jedhamees barreeffamee waan jiruuf, “Gammadi, ati isheen dhabduun dhala godhachuu hin dandeenye; Iyyi, ililchis, ati isheen dhiphina da’umsaa hin argin, Sababiin isaa dubartoota abbaa manaa qabanii caalaa kan warra abbaa manaa hin qabnee baay’ataniiru.” 28 Isin garuu yaa obbolootaa, akkuma Ysiyaaq ijoollee kakuuti. 29 Yeroo sana inni akka fooniitti dhalate isa akka hafuuraatti dhalate ari’ate. Ammas akkasuma. 30 Garuu caaffatni qulqullaan immoo maal jedha? “dubartii ishee garbittii fi ilma ishee ari’i. ilmi dubartii ishee garbitti kan ishee walabaa wajjin dhaala qoddachuu waan hin daneenyeef” 31 Kanaaf, yaa obbolootaa, nuti ilmaan dubarttii ishee garbittii miti, kan ishee walabaati malee.