1 Yoo Waaqayyo Yesuusii wajjin isin kaaseera ta’e, waan olii yaadaa, bakka Yesuus mirga Waaqayyoo ta’ee jiru. 2 Waa’ee waanta olii jiru yaadaa. Waa’ee waan lafa irraa miti. 3 Isin waan duutaniif, jireenyi keessan Kiristoosii wajjin Waaqayyoo keessa dhokateera. 4 Yesoo Kiristoos mul’atu, inni jireenya keessan ta’e, isinis isaa wajjin ulfinaan ni mul’attu. 5 Kanaaf, du’aa, miseensonni warri lafa irraa, ejja, xuraa’ummaa, miira, fedhii hamaa, fi ofittummaa, isa ejja ta’e. 6 Innis, waanota kanaaf jedheeti kan dheekkamsi Waaqayyoo ilmaan hin abboomamne irrati dhufaa jiruuf. 7 Isinis takkaa waantota kana gidduu adeemtaniittu, yeroo isaan gidduu jiraattan. 8 Amma garuu isin waantota kana hundumaa balleessuutu isin irra jira, dheekkamsa, aarii, yaada hemmeenyaa, maqa balleessii fi dubbii afaanii hin tolle. 9 Soba walitti hin dubbatinaa, namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu. 10 Namummaa haaraas uffattaniittu, isa beekumsaan akka fakkeenya isa isa uumeetti haareffamaa jiruun. 11 Girikii yookaan Yihuudiin bakka hin turin, kittaanamuu fi kittaanamuu dhiisuu, garba, warra hin amanne, Iskuutes, garba, nama walabaa, garuu Kiristoos hunduma, akkasuma hunduma keessa jira. 12 Kanaaf, akka warra Waaqayyoon fo’atamniitti, qulqulluu fi jaallatamniitti, garaa araaraa qabaadhaa, garraamummaa, gaarummaa fi obsa. 13 Walii keessaniif obsaa. Simboo waliif ta’aa. Yoo namni tokko isaa kaan irratti komee qabaate, akkuma itti goftaan isiniif dhiisetti isinis waliif dhiisaa. 14 Waantota kana hundumaa caalaa, jaalala qabaadhaa, isa hidhaa waan hundumaa ta’e. 15 Nagan kIristoos garaa keessan keessatti haa moo’u, isin nagaa kanaaf jettaniitu kan isin qaama tokko keessatti waamamtan. Akkasuma galaateeffadhaa. 16 sagaleen gooftichaa baay’inaa isin gidduu haa jiraatu. Ogummaadhaan walii keessan barsiisaa fi qajeelchaa, faarfannaa fi weedduu hafuuraa faarfachaa, waaqayyoofis galata galchaa. 17 Waan kam iyyuu yoo hojjettan, sagalee fi hojiidhaan, hunduma isaa maqaa gooftaa Yesuus Kiristoosiin hojjedhaa. Karaa isaa Waaqayyo abbaaf galata dhiyeessaa. 18 Haati manoolii, abbootii manoolii keessaniif of kennaa, akkuma gooftaa keessatti sirrii ta’e. 19 Obbootiin manaa, haadha manoolii keessan jaalladhaa, isaanitti hin hammaatinaa. 20 Ijoollonni, waan hundumaa maatii keessaniif abboomamaa, kun gooftaa ni gammachiisa. 21 Abbootiin, ijoollee keessan hin dheekkamsiisinaa, akka humni isaan hin buunetti, 22 Warri garboonni, akka fooniitti karaa hundumaa gooftota keessaniif abboomamaa, tajaajila ijaan miti, akka namoota gammadaniitti, garuu garaa jaalalaan. Gooftaa sodaadhaa. 23 Waan hojjettan hundumaa, gooftaaf jettanii garaa keessan irraa hojjedhaa, namaaf jettanii miti. 24 Isin gatii dhaalaa akka gooftaa biraa fudhattan beektu, innis gooftaa Yesuus isa isin tajaajiltaniidha. 25 Namni waan gaarii hin goone hundumtuu adaba isaa ni fudhata, hojii gaarii hin hojjetaniif, adda qooduun hin jiru.