2

1 Isiniif jedhee wal’aansoo jabaa akkamii akkan qabe akka beektan nan barbaada, warra Lodooqoiyaa jiraniif, namoonni baay’een qaamaan fuula koo hin argine. 2 Ani akka garaan isaanii jajjabaatuuf, jaalalaan akka walitti hidhamaniif, badhaadhummaa hubannaa isa guutuu ta’e, argatanii dhoksaa Waaqayyoo isa ta’e Kiristoosiin akkabeekaniif nan dhama’a. 3 Isa keessa qabeenyaan, ogummaa fi beekumsi dhokatee jira. 4 Kana akka namni kan iyyuu dubbii miidhegsee ittiin isin hin gowwomsineef jedheen dubbadha. 5 Yoodhuman fooniin isinii wajjin hin jiru ta’e illee, hafuuraan isinii wajjin jira. Amala keessan isa gaarii fi jabina amantii isin Kiristoositti qabdan arguutti nan gammada, 6 Akkuma gooftaa Yesuus Kiristoosiin fudhattanitti, akkasuma isattis jiraadhaa. 7 Isatti hidda gadi jabeeffadhaa, isa irratti ijaaramaa, akkuma barsiifamtan amantiidhaan ijaaramaa, galatas baay’isaa. 8 Akka namni kam iyyuu akka barsiisa Kiristoositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwomsaa waan tokko of keessa hin qabneen isin hin gowwomsin; akka barsiisa namaatti akka isa hafuurota bantii waaqa keessaa biyya lafaa kana keessatti humna qabnu jedhamanii sdaatamanitti isin hin booji’in. kana hundumaaf of eeggadhaa. 9 Isa keessa, guutummaan Waaqayyoo biya qaamaan keessa jiraata. 10 Isin isaan guutamtaniittu, isa maraa geggeessaa fi abbaa aboo hundumaa gararaa ta’een. 11 Isin kittaanamuu isa namaan hojjetameen qaama namaa muraniin utuu hin ta’in, kitaanamuu isa kan Kiristoosiin kittaanamaniittu. 12 Isin cuuphaadhaan isaa wajjin awwaalamtaniittu, isa keessatti amantiidhaan, humna Waaqayyootiin kaataniittu., isa du’aa isa kaaseen. 13 Yeroo irra daddarbee keessanii fi kitaanamuu dhabuu foon keessaniin duutan, inni ofii isaa wajjin jiraatoo isin godhee fi irra daddarbaa keenya hundumaas nuus nuuf dhiise. 14 Inni barreeffama liqii isa nuun mormaa ture seera isaa wajjin balleessee, fannoo irratti fannisee daandii irraa isa balleesse. 15 Inni aboo warra geggeessitootaa fi warra aboo qabanii irraa kaasee fannichaan isaa dhiibee akka isaan naanna’anii argamaman taasise. 16 Kanaaf, namni kam iyyuu nyaachuu fi dhuguun isinitti hin faradin, yookaan waa’ee ayyaanaa fi ji’a haaraa, yookaan guyyaa torbaffaa. 17 Gaaddidduunn waantotaa dhufuuf jedhan jiru. Qaamichi garuu kan Kiristoosi. 18 Nanmi gadi deebi’ee eergamootaa waaqa irraa waaqessuu jaallate, mul’ata erge tokko tokkoon himuudhaan sababii ta’u utuu hin qabaatin, yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin. 19 Namni akkasii Kiristoos mataa dhagnichaati, isa guutummaan qaamaa ittiin soorame, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhame, guddina Waaqayyoo biraa argatuunis ni guddata. 20 Isin yoo Kiristoosii wajjin qabiyyee hafuurota biyya lafaa kanaa jalaa duutaniittu ta’e, maaliif kan biyya lafaa taatanii jiraattu, 21 Hin qabin, hin dhandhamatin, ittis hin bu’inii”? 22 Isaa kun hundumtuu itti gargaaramnaan ni balleessu, akka abboommii fi barsiisa namaatti. 23 qajeelfamoonni kun mul’achuu ogummaatti, amantii ofii isaaniif hojjetatanii wajjinii fi gaarummaa fi taaajila qaamaa jabaa wajjin. Isaa garuu gammachuu foonii wajjin garii hin qabani.