1 Phaawulos, akka fedha Waaqayyootti ergaamaa Yesuus Kiristoosii fi Ximotewos obboleessa keenya, 2 Qulqulloota saba Waaqayyoo fi Yesuus Kiristoos keessatti obboloota amanamoo Qolosaayis jiraniif. Ayyaanni isiniif haa ta’u, nagaanis Waaqayyo abbaa keenya biraa. 3 Waaqayyoon ni galateeffanna, abbaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, akkasuma nuti yeroo hundumaa isiniif ni kadhanna. 4 Nuti amantii isin Yesuus Kiristoositti qabdan dhageenyeerra, akkasuma jaalala isin saba Waaqayyoo warra qulqullootaafis qabdan. 5 Sababii abdii isa waaqa irra isiniif ka’ameef, isa sagalicha isa dhugaa keessaan dhageessan, 6 isa gara keessan dhufe. Akkasuma wangeelli kun ija godhachaa fi addunyaa hundumaa keessatti guddachaa, akkuma isin keessatti hojjete guyyaa isa itti dhageessanii eegalee, akkasuma dhugaa keessatti ayyaana Waaqayyoo hubattanii kaasee. 7 Kun wangeela, akkuma Ephaafiraa irraa barattan, hojjetaa michuu keenya isa jaallatamaa, hojjetaa Kiristoos isa amanamaa qooda keenya. 8 Ephaafiraan jaalala isin hafuuraan qabdan nu hubacahiiseera. 9 Jaalala kana irraan kan ka’e, guyyaa itti kana dhageenyaa kaasee nuti isiniif kadhachuu addaan kutnee hin beeknu. Nuti akka isin beekumsa fidhii isaa hubachuun guutamtaniif ni kadhanna; beekumsa hundumaa fi hubannaa hafuuraan. 10 Akka isin adeemsa isa sirrii gooftaan ta’u adeemtaniif; isa karaa hundumaan isa gammachiisu. Hojii hundumaan ija godhachaa, Waaqayyoon beekuutti akka guddattan, 11 humna hundumaan jabaachaa, akka humna isaa isa ulfina qabeessaatti. Akka danda’uu fi obsa guddaa qabaattanitti 12 Abbaaf galata galchaa, isa isin dandeessise F1dhaala saba Waaqayyoo ifaan, keessaa qooda akka qabaattaniif. 13 Inni ol aantummaa dukkanaa jalaa ni furee gara mootummaa ilma isaa isa jaallatamatti nu ceesise. 14 Isa nuti keessatti furamuu arganne; dhiifama cubbuus. 15 Inni fakkeenya Waaqayyoo isa hin argamneeti. Angafa uumama hundumaa. 16 Waanti hundumtuu isaan uumame, kan waaqa irra jiruu fi lafa irras jiru, waantonni argamnii fi hin argamne. Teessoowwanis yookaan gurguddoonni yookaan mootummaan yookaan warri aboo qaban, waanti hundumtuu isaan, isaafis uumamani. 17 Inni uumama hundumaa dura ture. Waanti hundumtuu isa keessaan jabaatee dhaate. 18 Inni mataa qamaati, mataa waldaa kiristiyaanaatis. Inni jalqaba, warra du’aa keessaa warra du’an keessaa ka’uudhaan inni isa jalqabaati, kanaaf waan hundumaa keessatti bakka jalqabaa qaba. 19 Waaqayyo guutmmaan isaa ilma keessa akkaf gammadeera. 20 akkasuma ilma isaa keessaan waan hundumaa ofii isaatti araarsuudhaaf, karaa dhiiga fannoo isaa nagaa buusee, waantota lafa irra yookaan waaqa irra jiraniif. 21 Isin yeroo tokko, isa irraa fagaattanii diinota isaa turtan, sammuudhaa fi hojii hamaatiin. 22 Amma garuu, qaamaa isaa isa argamuun du’ee qulqulloota isin gochuuf isin araarseera, isa duratti himannaa gararraa isin taasise. 23 Yoo dhuguma amantiin itti fuftan, ijaaramtanii jabaattan, abdii wangeelaa isa dhageessan jalaa yoo hin adeemtan ta’e, isa uumama hundumaa waaqaa gadi jiranitti lallabame. Kun wangeela isa ani Phaawulos tajaajilaa ta’eefiidha. 24 Amma isiniif dhiphachuutti nan gammada; Kiristoos waa’ee qaama isaatii, waa’ee waldaa kiristiyaanaaf dhiphina inni fudhateen kan hir’ate ani amma foon kootiin nan guuta.. 25 Ani waldaa kiristiyaanaaf kanaaf tajaajilaadha; akka eegummaa isa isiniif Waaqayyoo biraa anatti kennameetti, sagalee Waaqayyoo fiixaan baasuuf. 26 Dhoksaan kun isa barootaaf dhaloota jalaa dhokatee tureedha, garuu saba Waaqayyoo warra qulqullootaatti mul’ateera. 27 Waaqayyo badhaadhummaa dhoksaa ulfina isaa warra ormootaa gidduutti isaaniitti mil’isuu barbaade, Kiristoos isa isin keessa jiru, abdii ulfinaa. 28 Nuti isa ni lallabna, namoota hundumaa akeekkachiifnee ogummaa hundumaanis ni barsiifna; akka namni hundutmuu Kiristoos keessatti ga’aa ta’ee dhiyaatuu. 29 Kanaaf immoo ani nan dhama’a, na jooras akka humna isaa isa humnaan ana keessa jiruutti.