4

1 Gooftoliin, garbootaaf waan sirrii fi ga’aa ta’e kennaafii, ofii keessaniis akka waaqa irraa gooftaa qabdan beekaatii. 2 Jabaattanii kadhachuu keessan itti fufaa; galata galchuutti dammaqaa, 3 Waliin taatanii nuuf kadhachuus, akka Waaqayyoo sagalee isaatiif balbala nuuf banuuf, akka dhoksaa Kiristoos dubbannuuf, isa ani isaaf jedhee hidhaa keessa jiruuf, 4 akka ifaa isa godhuuf kadhadhaa, akka inni dubbatamuun irra jirutti. 5 Gara warra bakkee jiraniitti ogummaan adeemaa, yerichas bitaa. 6 Yeroo hundumaa dubbiin keessan ayyaanaan haa ta’u. ashaboon kan minyaa’e haa ta’u. akka itti tokko namootaaf deebiftan akka beektaniif. 7 Haala ani keessa jiru hundumaa, Tiqikoos isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaadha. Tajaajilaa amanamaa fi gooftaa keessatti hidhata hojii. 8 Anis kanaaf jedhee isa gara keessatti ergeera., akak isin waa’ee keenya hubattaniif, akkasuma akka inni garaa keessan jajjabeessuuf. 9 Ani Onesimoosii wajjin isa ergeera. Obboleesa isa amanamaa fi jaallatamaa, isa isin keessaa tokko ta’e. isaan waan achiti ta’e hundumaa isinitti ni himu. 10 Arisxarko, obboleessi inni naa wajjin hidhame, nagaa isin gaafa, Maarqosisi akkasuma, durbiin Baarnaabaas, (isa isin waa’ee isaa qajeelfama fudhattan, yoo inni gara keessan dhufe, isa simadhaa), 11 akkasuma Yesuus inni Yusxosiin waames. Warra kittaanaman kan qofaatu, mootummaa Waaqayyoof hidhata hojii kootiiti. Isaan anaaf jajjbina koo turani. 12 Ephafiraas nagaa isin gaafata, Innis isin keessaa tokko ta’ee, garbicha Kiristoos Yesuusi. Yeroo hundumaa kadhannaadhaan isin yaadata. Innis guutummaatti tasgabbooftanii fedha Waaqayoo hundumaan, jabbaattanii akka dhaabattan yeroo hundumaa kadhannaadhaa ni dhimma. 13 Ani akka inni jabaatee isiniif hojjetu dhugaan ba’a; warra Lodooqiyaa jiraniif, Iyaaraapholis jiraniif. 14 Luqaas inni abbaa qorichaa fi Deemaas nagaa isiniif dhaamu. 15 Obboloota warra Laa’odooqiyaa jiran dubbisaa, akkasuma Lemifuunii fi waldaa amantootaa isa mana ishee keessa jirutti. 16 Yeroo xalayaan kun isin gudduutti dubbifamu, akkasuma waldaa amantootaa Laa’odoqiyaa keessatti dubbisaa, akksuma xalayaa isa La’odoqiyaatii dhufee dubbifames ilaalaa. 17 Aqiriphaamiinis, “tajaajila isa Yesuus keessaan fudhatte ilaali, isa bakkaan ga’uun sirra jiru” 18 xalayaa kana harka ofii kootiinan barreesse, Phaawulos, hidhaamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isinii wajjin haa ta’u.