3

1 Garuu kan beeki: bara dhumaatti yeroon ulfaataan ni ta’a. 2 Namonni kan of jaallatan ta’u, warra qarshii jaallatan, of tuuloo, of jajoo, warra arrabsan, warra maatii isaanii arrabsan, warra kabajan hin beeknee fi xuraa’oota ta’u. 3 Waara jaalala hin qabne, warra araarsuu hin dandeenye, warra maqaa namaa balleessanii fi of hin to’anne, warra lola jaallatan fi waanta gaarii jibban ta’u. 4 Isaan warra ganan ni ta’u, warra eeggannaa hin qabne, of tuultota, warra Waaqayyoon caalaa qabeenyaa jaallatan. 5 Isaan bifa nama Waaqayyoo beekuu qabu, garuu humna isaa immoo ni ganu. Namoota akkasii irraa fagaadhu. 6 Isaan keessaa muraasni dhiirotaa waan ta’aniif, warra gara manaatti seenanii dubartoota gowwoota ta’an wallaalchisaniidha. Dubartoonni kun warra cubbuun irra tuulamee fi warra fedhii addaa addaatiin oofamniidha. 7 Dubartoonni kun yeroo hundumaa ni baratu, garuu tasa gara beekumsa dhugaa hubachuutti dhufuu hin danda’aani. 8 Akkasuma, akkuma Yaaneesii fi Yaambires Museedhaan morman, barsiisonni sobaa kunis dhugaadhaan ni mormu. Isaan warra sammuun isaanii manca’eedha, amantiittis kufaniiru. 9 Garuu immoo fagoo hin adeemani, gowwummaan isaanii namoota hundumaa biratti beekamaa waan ta’eef. Akkuma namoota warra sanaa. 10 Isin garuu, barsiisa, amala, kayyoo, amantii, dhiphina dheeraa, jaalalaa fi obsa koo hordoftaniittu; 11 ari’atamuu, dhiphinaa fi waan Anxooqiyaa, Iqooniyuumii fi Lisxiraatti tti ana irra ga’e, Ani ari’atmuu obseera. Isaan hundumaa keessaa, Waaqayyo ana oolche. 12 Warri Kiristoos keessaan Waaqayyoon fakkaatanii jiraachuu barabaadan hundumtuu ni ari’atamu. 13 Namoonni hamoonnii fi warri fakkeessitoonni ittumaa gara gadheetti adeemu, warra kaanis dogoggorsanii ofiis ni dogoggoru. 14 Isin garuu, isa barsiifamtanitti qabamaatii amantii jabaas qabaadhaa. Isin eenyuu irraa akka barattan beektu. 15 Akka mucummaatii kaasee caaffata qulqull’aa barsiifatme ati beekta. Kun immoo fayyina isa amantiidhaan Kiristoos Yesuus keessa jiruuf ogeessa si taasisa. 16 Caaffatni qulqullaa’oon hundumtuu akka yaada Waaqayyootti ta’e. Barumsa bu’uura wangeelaaf, balleessaa hubachiisuuf, qajaalchuu fi qaajlummaatti laanjusuuf bu’aa ni buusa. 17 Kun immoo akka namni Waaqayyoo dorgomaa fi hojii gaarii hundumaa qophaa ta’uufi.