2

1 Ati kanaaf, yaa ilma ko, ayyaana isa Yesuus Kiristoos biraa argatetti jabaadhu. 2 isa dhuga baatoa hedduu duratti ana irraa dhageesse, namoota anamamoo ta’an warra kan biraa barsiisuu danda’anitti dabarsii kenni. 3 Akka loltuu gaatii Yesuus Kiristoositti anaa wajjin dhiphina keessaa hirmaadhu. 4 Loltuun kam iyyuu jireenya dhimmoota kanaa keessa utuu jiruu, geggeessaa isaa gammachiisuudhaaf jedhee tajaajila dhimma kan biraa keessa hin seenu. 5 Akkasuma, namni gorgommee fiigichaatti jitu tokko, yoo akka qajaalfama fiigicha sanaatti hin fiigu ta’e gonfoo hin fudhatu. 6 Akka qotee bulaan jabaan ga’ee ija midhaanii isaa isa jalqabaa fudhatuuf barbaachisaadha. 7 Waa’ee waanan jechaa jiruu itti yaadi, Waaqayyos waan hundumaan hubannaa siif kenna. 8 Yesuus Kiristoosiin yaadadhu, isa ilma Daawiti ta’e, isa du’aa’is ka’e. Kun akka ergaa wangeela kootiitti, 9 Isa ani dhiphachaafii jiru, isa ani akka nama yakka godheetti fuuncaan hudhameefii, garuu immoo sagaleen Waaqayyoo immoo hin hidhamu. 10 Kanaaf ani isaan waan hundumaa warra fo’amaniif jedhee nan obsa; isaanis fayyina isa Kiristoos Yesuus keessa jiru akka fudhataniif, ulifna bara baraa wajjin. 12 11 Kun dubbii amanamaadha: “Nuti yoo isaa wajjin duuneerra ta’e, isaa wajjinis ni jiraanna. 12 Nuti yoo obsine, isaa wajjin ni moona. Nuti isa ganne, innis nu gana. 13 Nuti yoo amanamuu didne, inni garuu ananameedhuma hafa. Inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef. 14 Isaan kana isaan yaadachiisuu itti fufi. Akka isaan sagalicha irratti wal hin lolleef Waaqayyoo duratti isaan abboomi; inni namoota warra dhagaa’n diiga malee, bu’aa hin qabu. 15 Ofii kee akka nama fudhatameetti Waaqayyoof of dhiyeessuuf hanga dandeessu hojjedhu. Akka hojjetaa waan itti qaan’u hin qabne, nama isa sirriitti sagalee dhugaa sana barsiisuu. 16 Dubbii waa’ee hin baafnee fi duwwaa irraa fagaadhu, isa caalchisee gara Waaqayyoon wallaaluutti nama geessu. 17 Haasaan isaanii akka kaanserii tamsa’a. Himnewosii fi Filexos isaan keessaa tokko. 18 Warra dhugicha irraa fagaatan, isaan , du’aa ka’uun ammuma iyyuu ta’eera jedhu, kanaanis amantii namootaa ni balleessu. 19 Haa ta’u malee, bu’uurri jabaan inni kan Waaqayyoo ni dhaabata. Barreeffama “Waaqayyo warra kan isaa ta’an ni beeka” jedha; akkasuma, “Namni maqaa gooftichaa waammatu hundutmuu, xuraa’ummaattii adda ba’uutu irra jira” jedha. 20 sooressaa keessa qodaa warqee fi meetii qofaatu jira miti. Qodaan mukaa fi suphees jira. Keessa muraasni bu’aa kabajamaaf ta’u; warri kaan immoo waan bu’aa hin qabneef. 21 Namni tokko yoo waan bu’aa hin qabne irraa of qulleesse, inni qodaa isa bu’a qabeessa. Inni adda ba’eera, gooftaa isaatiif bu’a qabeessa, hojii gaarii hundumaafis qophaa’aadha. 22 Fedha dargaggumma irraa baqadhu. Qajeelummaa, amantii, jaalaa fi nagaa warra garaa qullaa’aadhaan gooftaa waammatanii wajjin hordofi. 23 Gaaffii isa gowwaa fi waa’ee hin baasne of irraa ittisi. Akka isaan lola dhalan ni beekta. 24 Tajaajilaa Waaqayyoo loluun irra hin jiraatu. Qooda isaa namoota hundumaaf garraamii ta’uutu irra jira, nama barsiisuu danda’uu fi obsaa. 25 Nama hubannaadhaan warra mormitoota isaa qajeelchu. Tarii Waaqayyo akka isaan dhugaa beekaniif yaada qalbii jijjiirrannaa ni kennaaf ta’a. 26 Isaan ammas warra garaa qulqulla’aa ta’nii kiyyoo seexanaa keessaas ni ba’u ta’a, erga isaaf fedha isaan booji’amanii booda.