1 Phaawulos, fedha Waaqayyoo keessaan ergaa Yesuus Kiristoos, akka waadaa jireenya isa Yesuus Kiristoos keessa jiruutti, 2 Ximotewoosiif, ilma isa jaallatamaa. Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqayyo abbaa fi gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa. 3 Waaqayyoon nan galateeffadha, isan akkuma abboota kootii tajaajilu, sammuu qulqulluudhaan, yeroon walitti fufee kadhata koo keessatti halkanii fi guyyaa si yaadadhu. 4 Yeroon imimmaan kee yaadadhu, si arguun hawwa, akkan gammachuudhaan guutamutti. 5 amantii kee isa sirrii nan yaadadhe; isa jalqaba akkoo kee Lo’isii fi haadha kee Ewuniiqee keessa ture. Akka inni si keessas jitu amaneera. 6 Kun egaa akka ati kennaa Waaqayyoo isa si keesa jiru ani harka sirra kaa’uudhaan argatte ammas akka qabsiiftuuf si yaadachiisuufi. 7 Waaqayyo hafuura sodaachuu nuuf hin kennine, humnaa fi jaalalaa fi naamusa malee. 8 Kanaaf, waa’ee gooftaa keetii dhugaa ba’uu hin sodaatin, waa’ee koos Phaawulos, isa isaaf hidhame. Qooda isaa, egaa akka akak humna Waaqayyootti wangeelaaf dhiphachuu keessa qooda qabaadhu. 9 Isa nu fayyisee hafuuraan immoo nu waame. Inni kana godheera, akka hojii keenyaatti immoo miti, garuu akka yaadaa fi ayyaana isaatti malee, isa utuu yeroo isaa illee hin eegalin Kiristoos Yesuus keessaan nuuf kenne. 10 Amma garuu, fayyisuun Waaqayyoo karaa mul’achuu fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos argameera. Isa du’a balleessee, jireenya fidee fi du’uu dhiisuu gara ifaatti karaa wangeelaa. 11 Sababii kanaaf, ani lallabaa, ergamaa fi barsiisaa ta’ee muudameera. 12 Kanaf jedhees isaan kanaaf nan dhiphadha; garuu immoo itti hin yeella’u, eenyuun akkan amane waanan beekuuf. Akka inni waanan itti amane kana hanga guyyaa dhumaatti eeguu danda’u amaneera. 13 Fakkeenya dubbii isa amanamaa ana irraa dhageessee sana eegi, 14 Waan gaarii isa Waaqayyo sitti kenne, hafuura qulqulluu isa si keessa jiraatu keessaan eegi, 15 Ati kana beekta, akka warri Asiyaa keessa jiraatan hundumtuu ana irraa deebi’an. Garee kana keessan Fiigelosii fi Hermogenesistu jiru. 16 Waaqayyo mana Onesiforosiif araara haa kennu, irra deebi’ee waan ana haaressee fi hariiroo anaa wajjin qabutti waan hin qaana’iniif. 17 Qooda isaa, inni yeroo Roomaa ture, dhimmee barbaadee ana argate. 18 Guyyaa sanatti araara akka argatuuf gooftaan isa haa gargaaru. Efesonitti karaa inni ittiin ana gargaare hundumaa, ati gaari gootee beekta.