1 Ani abboommii kabajamaa kana Waaqayyoo fi Kiristoos Yesuus durattin siif dhiyeessa; isa warra jiranii fi warra du’nitti faradu, sababii mul’achuu isaa fi mootummaa isaaf. 2 sagalicha lallabi, yeroo mijataa fi mijataa hin taane keessatti qophaa’aa ta’i. Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu, gorsi, obsaa fi barsiisa hundumaan. 3 Yeroo itti namoonni barsiisa sirrii jibban ni dhufa. Isaan akka fedha ofii isaaniitti barsiisota walitti ni qabatu; warra waan gurra isaaniitti tolu dubbatan. 4 isaan dhugaa dhaga’uu irraa gurra isaanii ni deebisu, gara qoosaatti ni deebi’u, 5 Ati garuu, waan undumaan nama qalbii qabu ta’i. dhiphina keessaa hirmaadhu, hojii wangeelaa hojjedhu, tajaajila keessaa bakkaam ga’i. 6 Anis sababiin siin boonuuf. Yeroo adda ba’uu kootii ga’eera. 7 ani lola isa gaarii sana loleera, dorgommichas xumureera, amantiis eegeera. 8 gonfoon qajaalummaas anaaf qophaa’eera, inni Waaqayyo, inni qajeelaan faradu, guyyaa sana nama anaaf kenna, ana qofaaf immoo miti, warra dhufaatii isaa eeggatan hundumaafis malee. 9 Ariitiidhaan gara koo dhufuudhaaf waan dandessuu godhi. 10 Deemaas ana dhiisee adeemeera. Inni biyya lafaa jaallatee gara Tasaliiniqeetti sokke. Kiresqes Galaatiyaa dhaqe, Tiitos immoo Daalmaatiyaa dhaqe. 11 Luqaas qofaatu ana biratti hafe. Maarqosiin ofii kee duukaa anaaf fidi, inni tajaajila kana keessatti bana barbaachisa waan ta’eef. 12 Xiqikoosiin immoo gara Efesoonitti ergeera. 13 Waaroo ani Xiraa’ositti Kaarphos biratti dhiise, yeroo dhuftu fidii kottu. Akkasuma macaafotas sanas, keessumaa caaffata gogaa duugamaa sana. 14 Iskindir inni sibiila tumu, waanta hamaa baay’ee ana irratti hojjete. Waaqayyos akka hojii isaatti isaaf ni deebisa. 15 ati isa irraa of eeggadhu. Sababiin isaaa inni jabeessee dubbiin keenyaan mormeera. 16 Famii koo isa jalqabaa keessatti, namni tokko illee ana waliin hin turre. Qooda isaa, hundumtuu ana dhiise. Kun isaanitti hin lakkaa’amin. 17 Garuu imoo Waaqayyotu anaa wajjin ta’ee ann jajjabeesse, ana keessaan, akkal labsiin ergichaa guutummaatti fiixaan ba’uuf, akkasuma akka warri ormaas guutummaan isaanii dhagaa’aniif. Anis immoo afaan leencaa keessaan oole. 18 Waaqayyo afaan waan hamaa hundumaa keessaa ana oolcha, mootummaa isaa waaqa irraafis na fayyisa. Isaaf ulfinni baraa hanga bara baraatti haa ta’u. Amen. 19 Phrisqiilaa, Aqiilaa fi maatii Oneesiforos dubbisi. 20 Erasxos Qoronxositti hafe, Xiroofimosiin immoo dhukkubsannaanin Mileexositti dhiise. 21 Utuu ganni hin ga’in dhufuu yaali, Yubulus, Liinos, Kilaawudiyaa fi obboloonni hundumtuu nagaa si gaafatu. 22 Waaqaayo hafuuraan isinii wajjin haa ta’u, ayyaanni isinii wajjin haa ta’u.