2

1 Amma waa’ee dhufaatii gooftaa Yesuus Kiristoos fi isaa wajjin ta’uudhaaf isa wajjin ta’uu keenyaa, kabajaan gaafanna yaa obbolootaa. 2 Akka isin salphaatti jeeqamtanii hin rakkanneef. Hafuuraanis ta’e ergaadhaan, yookaan xalayaadhaan isa akka waan nu biraa dhufee fakkaatuun. Guyyaan gooftichaa waan dhufeef. 3 eenyu illee karaa kam iyyuu isin hin gowwomsin. Waan utuu kufaatiin hin dhufin booda hin dhufnee fi namni seera-maleessaas hin mul’atin, ilmai diigumsaa. 4 Inni kun isa ofii isaa ol ol qabuudha fi waan Waaqayyoo jedhamee waamamuu yookaan waaqeffatamuun hundumaa mormuudha. Kamuma irraan kan ka’e, inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ta’ee akka Waaqayyoos of fakkeessa. 5 Ni yaadattuu yeroon isin bira ture akkan waa’ee kanaa isnitti dubbadhee ture? 6 Amma egaa waanta isa dhowwu beektu, akka inni yeroo isa sirrii ta’e qofaatti mul’atuuf. 7 Dhoksaan alseerummaa hojiitti jira; amma nama isa dhowwu tokko qofaatu jira, hanga inni daandii irraa fuudhamutti. 8 Isa booda inni seera malee jireetu sun ni mul’ata; isa gooftaa Yesuus afuura baafannaa afaan isaatii ajjeesa, yeroo mul’ina dhufaatii isaatis garakamitti iyyuu isa hin fidu. 9 Shufaatiin seer-maleessummaa humnaan hojjechuu, mallattoo fi dinqiiwwan sobaa seexanaa irraan kan ka’e dhufa. 10 Akkasuma, waan hamaa hundumaatiin warra balleessaa jiran isa gowwomsu, sababii isaan dhugaa fi fayyina jibbaniif. 11 Sababii kanaaf, Waaqayyo gowwomsaa human qabu isaanitti ergaa jira; akka isaan soba amananiif. 12 Akka hundumti isaanii, warri dhugaa hin amanin ifatamaniif, qooda isaa xuraa’ummaa keessaa gammachuu waan fudhataniif. 13 Nuti garuu yeroo hundumaa isiniif Waaqayyoon galateeffanna, obboloota warra gooftaan jaal’ate, sababiin isaa Waaqayyo akka firii jalqabaatti isin jaal’ate, akka karaa qulleessuu hafuuraa fi dhugaatti amanuun. 14 Kanatti immoo garaa wangeela keenyaa isin waame. Akka isin ulfina gooftaa Yesuus Kiristoos argattaniif. 15 Kanaaf, yaa obbolootaa, aadaa isa barsiifamtanitti cimaatii jabeessaas qabadhaa, dubbiin keenyaan yookaan immoo xalayaa keenyaa. 16 Amma gooftaan Yesuus Kiristoos ofii isaa fi Waaqayyo abbaan keenya, inni nu jaal’atee jireenya bara baraas nuuuf kennee, nu jabeessee ayyaan keessaanis abdii gaarii nuuf kenne, 17 Garaa keessan hojii fi sagalee gaarii hundumaan garaa keessan haa jabeessu.