1

1 Phaawulos, Silaawonisii fi Ximotewos; Tasaloniqeetti waldaa amantootaa ishee Waaqayyoo abbaa keenyaa fi gooftaa Yesuus Kiristoositti jirtuuf. 2 Ayyaannii fi nagaan Waaqayyo abbaa fi gooftaa Yesuus kiristoos biraa isiniif haa ta’u. 3 nuti yeroo humdumaa waa’ee keessaniif Waaqayyoo galata dhiyeessina. Obbolootaa, akkuma ta’u, amantiin keessan caalchisee guddachaa jira. Jaalalli isin walii keessaniif qabdanis guddaadha. 4 Nuti illee waldaa Waaqayyoo keessatti waa’ee keessaniin of jajna. Ari’ataman humdumaa keessatti waa’ee obsaa fi amantii keessaniif, waa’ee rakkina isa isin keessa darbaa jirtaniifis. 5 Kun ragaa isa qajeelaa firdii Waaqayyooti, mootummaa Waaqayyoof kan maltan ta’u akka yaaddan, isa dhiphachaafii jiraniif. 6 dhuguma, Waaqayyoo qajeelummaadha warra isin dhiphisan innis immoo dhiphisuu., 7 Isin warra rakkaniif boqonnaan haa ta’u, hunduma keenyaaf illee. Gooftaa Yesuus yeroo waaqa irraa mul’atu, ergamoota isaa warra jajjaboo wajjin. 8 Abidda bobu’u keessatti, Warra Waaqayyoon hin beekne irratti tarkaanfii ijaa ba’uu ni fudhata; akkasuma warra wageela gooftaa Yesuusiif hin abboomamnee irrattis. 9 Isaa gubannaa bara baraatiin ni dhiphatu bakka gooftichi hin jirretti; humna ulifina isaan alatti. 10 Inni yeroo dhumaatti yeroo dhufu kana ni godha; qulqullummaa isaatiin ulfina argachuudhaaf, warra isa amantan biratti jajamuudhaaf. Sababiin isaa dhuga ba’umsi nuti isiniif kennine amanamaadha. 11 sababii kanaaf, utuu wal irraa hin kutin isiniif ni kadhanna. Waaqayyo akka isin warra waamicha isaaf mala taataniif, humna isaatiin kaayyoo gaatii hundumaa fi hojii amantii hundumaa bakkaan ga’uuf. 12 Kana immoo akka maqaan gooftaa Yesuus isin gidduutti ulfina argatuuf kadhanna; isinis isa keessatti, akka ayyaana Waaqayyoo keenyaa fi gooftaa Yesuus kiristoositti.