1 Amma, Obbolootaa, nuuf kadhadhaa; akka sagaleen Waaqayyoo ariifatuu fi ulifnas argatuuf, akkuma isinii wajjin jiru. 2 Akka nuti xuraa’ummaa fi namoota hamoota irraa adda baanuuf. Hundumtuu amantii hin qabani. 3 Waaqayyo garuu amanamaadha, inni isin jabeessuu fi isa hamaa ta’e irraa isin eegu. 4 Nuti waa’ee keessaniif Waaqayyootti ija jabina qabna. Akka isin isa lamaan isaa gootanii fi isa nuti isin abboomnes godhuu itti fuftan. 5 Waaqayyo gara isa jaallachuu fi Kiristoosiifis jedhanii obsuutti ti garaa keessnan haa qajeelchu. 6 Amma egaa isin abboomna yaa obbolootaa, maqaa Yesuus Kiristoosiin, akka isin obboleessa hojii hin qabnee fi akka aadaa jireenyaa nurraa fudhataniitti hin jiraanne of irraa fagessitaniif. 7 Nuun fakkeechuun isiniif barbaachisaa akka ta’e akkuma waan beektaniif, nuti yeroo isinii wajjin turre hojii malee hin turre. 8 Utuu gatii hin baasin nyaata nama tokko iyyuu nyaannee hin beeknu; garuu halkanii fi guyyaa humnaa fi dadhabbiidhaan eenyutti iyyuu akka ba’aa hin taaneef hojjenneerra. 9 Kana immoo waan aboo hin qabneef goone miti; isiniif fakkeenya ta’uuf malee, isinis akka nu fakkaattaniif. 10 Yeroo isinii wajjin turre, “Namni hin hojjetne, hin nyaatinis” jennee isin abboomneerra 11 Akka namootni hin hojii hin hojjenne isin gidduu jiran dhageenyeerra, warri hojiitti hin dhimmine, warri hoji maleeyyiin. 12 Amma, nuti warra akkasii maqaa gooftaa Yesuus Kiristoosiin ni gorsina. Akka isaan itti dhamaa’anii hojjetanii buddeen ofii isaanii nyaataniif. 13 Isin garuu, yaa obbolootaa, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa. 14 Yoo namni dubbii keenya xalayaa kana keessa jiruuf hin abboomamne jiraate, isa dhiisaatii hariiroo isaa wajjiniis dhiisaa., akka qaaniin isatti dhagaa’amutti. 15 Garuu akka diinaatti isa hin ilaalinaa; akka obboleessaatti isa akeekkachiisaa. 16 Amma egaa gooftaan nagaa ofiidhuma isaatii karaa hundumaa yeroo hundumaa nagaa isiniif haa kennu. Gooftaa humduma keessanii wajjin haa ta’u, 17 Ani Phaawulos, kana harka kootiin isiniif barreesseera; isa mallatttoo xalayaa ani barreesse hundumaa ta’e. 18 Ayyaanni gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hunduma keessanii wajjin haata’u; Ameen.