5

1 Nama dulloomaa hin ifatin, qooda isaa, akka abbaatti isa gorsi. Dargaggoota akka obbolootaatii gorsi. 2 Dubartoota dulloomoo akka haadhaatti, dubartoota warra dargaggoota immoo akka obboleettotaatti, qulqullummaa hundumaan. 3 Dubartoota abbaan manaa irraa du’e kabajaa, warra abbaan manaa seeraa irraa du’e. 4 Garuu immoo yoo dubartoonni sun ijoollee yookaan ijoollee, ijoollee isaanii qabaatan, isaan jalqaba maatii ofii isaaniitti kabajan haa argisiisuu haa barani. Maatii isaaniif deebii haa kennan, sababiin isaa kun Waaqayyoon hammachiisuudha. 5 Garuu dubartoon abbaa manaa irraa du’e isheen sirriin, isheen qofaa ishee hafte, isheen abdii ishee Waaqayyoo irratti gattee, yaada garaa ishee gaafachuu fi halkanii fi guyyaas kadhata itti fufte, 6 Ishee of gammachiisuudhaaf jiraattu garuu, har’ima iyyuu utuu jirtuu duuteetti. 7 Isaan kanaanis akkasuma isaan gorsi, akka isaan muda maleeyyii ta’aniif. 8 Garuu yoo namni, fira ofii isaatiif hin kennu ta’e, keessuumaa maatii isaatiif, inni amantii isaa gateera, akkasuma inni warra hin amanin irra gati dhabeessa ni ta’a. 9 Dubartiin abbaan manaa irraa du’eera kedhamtee galmeeffamuun irra jiru umuriin ishee waggaa ja’atamaa gadi hin ta’in. haadha manaa abbaa manaa tokkoo. 10 ishee dhuga ba’umsa hojii gaarii qabaachuutu irra jira; ijoolle kunuunsuu haa ta’u, yookaan keessummota simachuu, yookaan miilla namoota qulqullootaa dhiquu, yookaan warra rakkatoota gargaaruu, yookaan nama hojii gaariif of kenne. 11 Garuu akkuma dubartoota dargaggoota abbaan manaa irra du’eetti, tarree keessatti hin barreessinaa. Isaan waan faallaa Kiristoos fedha foon isaaniitti kennamaniif. 12 Akkasitti, of kennuu isaanii isa jalqabaa waan dhiisaniif dheekkamsi itti dhufa. 13 Yeroodhuma tokko, isaan dhibaa’ota ta’uu ni baratu, manaa mana irras ni naanna’u. isaan dhibaa’ota qofaa miti. Dubbii waa’ee hin baasne dubbatu, qaamni isaaniis boqonnaa hin qabu. Dubbii jechuun isaan irra hin jirre dubbatu. 14 Kanaa ani akka dubartoonni dargaggeeyyiin abbaan manaa irra du’e heeruman, ijoollee akka godhatan, mana geggeessanii fi akka isaan warra maqaa maqaa ni balleessaniif carraa hin kennine nan barbaada. 15 Baay’ee seexana duukaa bu’aniiru. 16 Yoo dubartiin amantuun tokko dubartoota abaan abbaan manaa irraa du’e qabaatte, isheen isaan haa gargaartu, waldaa kiristiyaanaatti ba’aa akka hin taanetti; gargaarsa dubartoota abbaa manaa hin qabnee isa sirriis ni ta’a. 17 Geggeessitoonni warri gaarii godhanii geggeessan immoo, warra hojii lama hojjetaniif gatii haa kannani, keessumaa warra sagalichaa fi barsiisaanis itti dadhaban. 18 Caaffatni qulqullaa’aan, “yeroo inni midhaan, siribisiisu qotiyyoo afaan isaa hin hidhin” jedha. Akkasuma, “hojjetaaf miindaan ni ta’aaf” jedha. 19 dhuga baatoa lama yookaan sadii yoo jiraatan malee himata maanguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin. 20 warri hafan akka sodaatanitti, warra cubamoota sirreessi. 21 Ani kabajaan sin dheekkama, Waaqayyoo fi gooftaa Yesuus fi ergamoota warra fo’aman duratti, utuu wal hin caalsichin abboommii kana akka eegduuf, loogii malee akka hojjettuuf. 22 ariifattee nama tokko irra iyyuu harka hin kaa’in, cubbuu nama kan biraas hin qooddatin. Qulqullummaatti ofii kee eegi. 23 Kana booda bishaan hin dhugin. Qooda isaa, garaadhaa fi isa walitti fufee si dhukkubuuf jecha wayinii xiqqoo dhugi. 24 Cubbuun namoota tokko tokko ifatti beekamaadha; isaanis murtoodhaaf isaan dura ni adeema. Cubbuun inni kaan garuu booda dhufa. 25 Akkasuma, hojiin gariin ifatti beekamaadha; garuu warrumti kaan iyyuu immoo hin dhokatani.