1 Warri akka garbaatti waanjoo jala jiran, gooftota ofii isaaniif kabajni hundumtuu ni jedhanii haa yadani. Kana immoo akka maqaan Waaqayyoo fi barsiifni hin arrabsameef gochuutu irra jira. 2 Garboonni warri goofttota amane qaban, kabaja isaan dhowwachuun irra hin jiru, sababiin isaa obboloota. Qooda isaa, caalsichanii tajaajiluutu iyyuu irra jira. Warri bu’aa kana fudhatan amantootaa fi jaallatamoo waan ta’aniif. Waantota kana labsii barsiisi. 3 Yoo namni tokko barsiisa sobaa barsiisee dubbii dhugaa isa isa kan gooftaa keenya Yesuus kiristoosii fi barsiisa waaqummaa isaan yoo morme, 4 Inni oftuulaa fi nama homaa hin hubanneedha. Inni jeequmsa keessatti fedhii sirrii hin taanee fi falmii waa’ee sagalee isa hameenya, lola, arrabsoo, shakii hamaa qaba. 5 Akkasuma, namoota warra qalbiin isaanii bade gidduutti walitti bu’iinsa addaan hin cinne. Isaan dhugaa gataniiru, Waaqayyoon fakkachuun immoo karaa ittiin qarshii baay’ee argataniidha jedhanii yaadu. 6 Nama Waaqayyoo ta’uun, bu’aa gammachuu guddaa qaba. 7 Gara biyya lafaatti waanta fidne waan hin qabneef, isa keessaa waan fudhannu hin qabnu. 8 Qooda isaa, nyaataa fi ufatatti haa gammadnu. 9 Amma warri badhadhummaa isa qormaataan guute argachuu barbaadan, gara kiyyootti. Isaan gowwummaa guddaa fi fedhii miidhaa qabu keessatti ni kufu. Gabatee hundumaa isa nama miidhuu fi belleessu keesatti. 10 Jaalallii maallaqaa hidda hammeenya waan hundumaa waan taeef. Namoonni warri isa jaallatan, amantii irraa kaatanii, ofii isaaniis gadda guddaadhaan waraananiiru. 11 Ati garuu, nama Waaqayyoo, waantota kana irraa fagaadhu. Qajeelummaa, hordofi, Waaqayyoon fakkaachuu, amanamummaa, jaalala, obsa fi gaarummaa hordofi. 12 Lola gaarii isa kan amantii loli. Jireenya bara baraa isa itti waamamte qabadhu. Isa namoota dhuga baatota baay’ee duratti dhugaa baate. 13 Ani abbboommii kana Waaqayyoo dirattin sitti kenna, isa waan hundumaaf jireenya kennu, akkasuma Kiristoos Yesuus duratti, isa Phonxos Phiilaaxos qoramee dhuga ba’umsa gaarii kenne. 14 Akka abboommicha balleessaa fi komee malee, hanga gooftaa keenya Yesuus kiristoos deebi’ee dhufutti eegduuf. 15 Waaqayyo dhufaatii Kiristoos yeroo isa sirriitti ni mil’isa; Waaqayyo, inni eebbifamaa fi guddaan, mootii inni moo’uu fi gooftaa inni geggeessu. 16 isa qofaatu hin du’u, ifa isa sirrii keessas ni jiaraata. Eenyu iyyuu isa arguu yookaan ilaaluu hin danda’u. Isaf ulfinnii fi gooftummaan bara baraa haa ta’u. Amen. 17 Warra sooressoota biyya lafaa kanaa gorsi, akka isaan of tuulanii qabeenyaa isaanii isa amansiisaa hin ta’in abdii hin godhanneef. Qooda isaa, Waaqayyoon haa abdatan. Inni akka itti hammannuuf qabeenyaa dhugaa hundumaa nuuf ni kenna. 18 Akka isaan waan gaarii hojjetaniif itti himi, akka isaan hojii gaariidhaan badhaadhanii fi kenuufis garraamotaa fi fedha qabeeyyii ta’aniif. 19 Haala akkasiin, ofii isaaniif isa dhufuuf jiruuf bu’uura gaarii ka’atu; ittiinis jireenya isa dhugaa argatu. 20 Yaa Ximotewos, isa sitti kenname eegi. Haasaa ciiggaasisaa fi homaa hin qabne dhiisi, yaada waliin mormu, waanta sobaa isa beekusma jedhami irraas fagaadhu. isa beekumsa sobaa jedhamee beekamus. 21 Namoonni tokko tokko kana labsu; dhugaa irraa waan kaataniif. Ayyaanni sii wajjin haa ta’u.