1 Amma caaffanni qulqulla’aan ifatti, bara dhumaatti namoonni amantii dhiisanii gara hafuuraa gowwosaa fi bariisa hamootaati ni goru jedha. 2 Warri sobduun, warri sammuun isaanii jal’ate. 3 Akka namoonni wal hin fuuneef ni dhowwu, akka isaan nyaata isa Waaqayyo uumee, warri amananii, dhugaas beekan galataanis hin fudhannee fi irraas of qusataniif ni gaafatu. 4 Waaqayyo uumama hundumaaf gaariidha, waanti galateeffatamee fudhatame kan gatamu hin jiru. 5 Innis sababii dubbii Waaqayyoo fi kadhaanaadhaan qullaa’eefi. 6 Isin yoo waanota kana obboloota dura keessan, Yesuus Kiristoosiif tajaajiltoota gaarii taatu. Isin waan dubbii sagalee amantii fi barsiisa gaarii isa hordoftaniin sooramaa jirtaniif. 7 Dubbii seenaa isa namootni dulloomoon himan ciigga’aa. Qooda isaa, gara Waaqayyoon fakkachuutti ofii keessan leenjisaa. 8 Muuxannoon qaamaa xiqqoo bu’a qabeessa, Waaqayyoon fakkaachuun garuu waan hundumaaf gargaara. Inni waadaa jireena isa ammaa fi jireenya isa mul’achuuf jiruuti. 9 Sagaleen kun amanamaadha; guutummaattis fudhatama qaba. 10 Nuti kanumaaf joorree rakkannas. Waaqayyoo isa jiraataa waan abdannuuf, isa fayyisaa nama hundumaa ta’e, keessumaa immoo warra amanan. 11 namootaaf gorsaatii barumsa kanas barsiisaa. 12 Eenyu illee dargaggeessa ta’uu kee hin tuffaatin, ati garuu dubbiidhaan, amalaan, jaalaa fi qulqullummaadhaan amantootaaf fakkeenya ta’i. 13 Amman dhufutti, dubbisa dubbisuutti, akeekkachiisuu fi barsiisuutti cimi. 14 Kennaa isa si keessa jiru hin tuffatin, isa karaa raajii siif kanname, isa harki geggeessitoota sirra kaa’uun siif kenname. 15 Isaan kanaaf of eeggadhu. Isaa keessa ta’i, guddachuun kee warra kaaniif ragaa akka ta’utti. 16 Ofii keefis warra kaaniifis gatii kenni. Isaan kana itti fufi. Kan gochuu keetiin, ofii kees warra si dhaggeeffatanis ni fayyistaa.