3

1 Dubbiin kun amanamaadha, namni tokko yoo geggeessaa ta’uu hawwe, inni hojii gaarii hawwuu isaati. 2 Kanaaf, geggeessaan immoo maqaa gaarii qabaachuutu irra jira. Inni abbaa manaa haadha manaa tokkoo ta’uutu irra jira, gaarii, nama of qabu, nama naamusa qabuu fi nama keessummaa simatu. Nama barsiisuu danda’us ta’uutu irra jira. 3 Nama araara waynii hin qabne, lola jaallatu hin ta’in; garuu, garraamii fi nama naga qabeessa haa ta’u. Inni nama qarshii jaal’atu hin ta’in. 4 Namaa gaarii godhee maatii isaa bulchu haa ta’u, akka ijolleen isaa kanaa hundumaan, isaaf abboomamanii fi isa kabajan mirkaneessutu irra jira. 5 Namni kun yoo akka itti maatii isaa bulchu hin beeku ta’e, akkamitti karra Waaqayyoof dhimmuu danda’aree? 6 Inni nama dhiyeenya amane hin ta’in, akka of tuulummaan of-bokoksee, akka isa hamaatti dheekkamsa jalatti hin kufnetti. 7 Akkasuma nama warra bakkee biratti dhuga ba’umsa gaarii qabu, akka wal dhabdee fi kiyyoo sexanaatti hin kufnetti. 8 Akkasuma, diyaaqunoonni, haa kabajamni, warra arraba lamaa hin ta’in. isaan wayinii baay’ee hin dhugin yookaan sassatoo hin ta’in. 9 isaan dhoksaa amatii qalbii qulqulla’aadhaan eeguutu irra jira. 10 Isa dursanii ilaalamuutu irra jira, isa booda namoota waan ittiin jedhan waan hin ta’iniif tajaajiluutu irra jira. 11 Akkasuma, warri manaa isaanii kabajamoo malee, warra maqaa balleessan hin ta’in. gitumatti ta’anii immoo waan hundumaan amanamoo haa ta’an. 12 Diyaaqunoonni, warra haadha manaa tokkoo haa ta’an; isaan warra ijoollee fi abbaa warraa isaanii seeraan qabatan haa ta’an. 13 Warra gaarii godhanii tajaajilan, ofii isaaniitiif dhaabbannaa gaarii fi ija jabina guddaa amantii isa Yesuus kiristoos keessatti ni argatu. 14 Yeroon waantota kana isiniif barreessu, gara keessan dhufuuf nan hawwa. 15 Garuu yoo ture, akka isin itti mana Waaqayyoo keessatti itti jiraachuun isin irra jiruuf kana isiniif barreess; isa waldaa amantoota Waaqayyoo isa jiraataa ta’e, isa utubaa fi deggeraa dhugaa ta’e. 16 Nuti hundumti keenya akka dhoksaan Waaqayyoon beekuu guddaa akka ta’e beekna. “Inni fooniin mul’ate, hafuuraanis mirkanaa’eera. Ergamootaan immoo kenname, Saboota gidduutti labsame, Biyya lafaa keessatti itti amanameera, Ulfinaanis ol fudhatame.”