1 Kanaaf, hundumaa dura, himannaai, kadhannaa, iyyataa fi galata namoota hundumaaf akka ta’un gaafadha. 2 Moototaa fi warra aboo irra jiran hundumaaf, akka nuti jireenya nagaa fi tasgabbii fi Waaqayyoon fakkaachuu fi kabaja hundumaan jiraannuuf. 3 Kun Waaqwayyo keenya isa fayyisaa biratti gaarii fi fudhatamaadhas. 4 Inni akka namoonni hundumtuu fayyanii fi gara dhugaa beekuuttis dhufaniif ni barbaada.. 5 Waaqayyo tokkichatu jira, namaa fi Waaqayyo gidduu immoo kan walitti fidu tokkotu jira, nama isa Kiristoos Yesuus. 6 Inni furii godhee hundumaaf ofii isaa kenne, akkuma dhuga ba’umsichaa yeroo isa sirriitti. 7 Kaayyoo kanaaf, ani isa labsuu fi ergamaa ta’een muudame; ani dhugaan dubbadha. Ani hin sobu, akkasuma barsiisaa warra ormootaa amantii fi dhugaadhaan. 8 Kanaaf, ani akka dhiironni bakka hundumaatti akka aarii fi falmii malee harka isa qulqullaa’aa ol kaasanii nan barbaada. 9 Akkasuma, akka dubartoonnis uffata gaarii uffatan, gitaa fi of-qabuudhaanis, rifeensa dhaa’ame yookaan warqee yookaan dhagaa gati jabeessa ykn uffata gatiin isaa cimaa., 10 Garuu, waan dubartootaaf malu, warra karaa hojii isa gaarii Waaqayyoon dhugaa ba’an. 11 Dubartiin calliftee barachuu fi of kennuu walii galaan barachuutu irra jira. 12 Anii akka dubartiin barsiiftuu fi aboon hojjettu hin eyyamu, garuu calliftaa haa jiraattu. 13 Sababii Addaam dura argameef, isa booda immoo Hewaan. 14 Addaam hin gowwomsamne, garuu dubartittiitu gowwosamee irra daddarbituus taate. 15 Haa ta’u melee, garaa ijoollee godhachuu immoo ni fayyiti, isaan amantii fi jaalalaa fi qulqullummaa fi of qabuudhaan yoo itti fufan