1 kanaaf, Kirisoos fooniin waan dhipateef, isinis kaayyoodhuma kanaaf of qopheessaa. Namni dhipina fudhatu cubbuu dhiiseera. 2 Kanaaf immoo, namni akkasii, foon keessatti yeroo isaa hafe, fedhii Waaqayyoof malee, fedhii namootaaf hin jiraatu. 3 Fedhii warra ormootaa guutuduhaaf, miiraan jirachun, fedhii, machii, ayyaana machii, sirbaa fi ejji yeroo dabree ni ga’a. 4 isa isin amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin, fudhatamuu dhiiftan ni dinqifatu, maqaa keessanis ni balleessu. 5 Isaan immoo waan godhan sababii isaa wajjin isa warra jiranii fi warra du’anitti faraduu qophaa’etti himuuf jiru. 6 Kaafis jecha immoo wangeellichii warra du’anittis lallabameera. Yoodhuma akka namaatti fooniin itti faradameera iyyuu ta’e, hafuuraan karaa isa Waawayyo hojjetu irra jiraachuu ni danda’u. 7 Xumurri waan hundumaa dhicyaachaa jira. Warra sammuu nagaa ta’aa, yaaduu keessaniin, warra kadhataniif jettanii warra of qaban ta’aa. 8 Waan hundumaa caalaa, jaalala o’aa waliif qabaadhaa. Jaalalli baay’ina cubbuu waan balleessuuf. 9 Utuu wal hin komatin walii keessan simadhaa. 10 Akkuma tokkoo tokkoon keessan kennaa fudhattan, akka kennaa gaarii isa kan Waaqayyoo isa karaa addaa addaa dhufuuttii ittiin walii keessan tajaajilaa. 11 Nami tokko yeroo dubbatu akka sagalee Waaayyoottihaa dubbatu. Namni tokko yeroo tajaajilu, humna isa Waawayyo isaa kennuun haa ta’u. Kana hundumaa akka Waaqayyo Kiristoos Yesuus keessan ulfina argatuuf hojjedhaa. Yesuus Kiristoosiif ulfinnii fi mootummaan bara baraan haa ta’uuf. Ameen. 12 Jaallatamo, abiddaan qoramuu isinitti dhufe kana akka haaraatti hin fudhatinaa. Akka waan haaraan isin irra ga’eetti. 13 Qooda isaa, hanguma dhiphina Kiristoos baayyinaa fudhatan, gammadaa, isinis akka gammaddanii fi yeroo ulfinni isaa mul’atu. 14 Yeroo maqaa Yesuusiif arrabsamtan, isin kan eebbifamtaniidha. Sababiin isaa hafuurri ulfinaa fi hafuurri Waaqayyoo isin irra ni buufata. 15 isin keessa garuu ajjeesuu isaatiinkan, hannaan, hamaa hojjetuutiin, yookaan gidduu seenuutiin, kan dhiphatu hin jiraatin. 16 Nami tokko yoo akka Kiristiyaanaatti dhiphate, hin yeella’in, qooda isaa, maqaa sanaan Waaqayyoof ulfina haa kennu. 17 Firdiin mana, Waaqayyoo keessaa waan eegaluuf. Yoo nurra eegale, waa’een warra wangeela Waaqayyoof hin abboomamnee maal ta’a? 18 “Warra qajeelotaaf fayyinni yoo cimaa ta’e, warra akka yaada Waaqayyootti hin jiraannee fi cubbamoonni akka ta’uree?” 19 Kanaaf, warri fedha Waaqayyoof jedhanii dhiphatan lubbuu isaanii uumaa isa amanamaa hojii gaarii hojjetuutti haa kennaani.