3

1 Akkasuma, isin warri haati manooliis abboota manaa ofii keessaniif of kennaa. Yoodhuma dhiironni tokko tokko sagalichaaf abboomamoo ta’am illee isin kana godhaa. isaan sagalicha malee moo’amuu ni danda’u. karaa amala haadha manootii isaanii. 2 Kabajaa fi amala keessaniif dhuga baatota ta’nii. 3 Of miidhegsuun keessan waanta alaan miul’atu, rifeensa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata gaarii isaas uffachuudhaan hin ta’in. 4 Qooda isaa, miidhaginni keessan, inni hin bande keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta’u, kunis hafuura garraamumama fi gabii isa Waaqayyoo duratti guddaa gati jabeessa ta’e, sanaan haa mul’atu. 5 Kun waan dubartoonni qulqulloonni warri Waaqayyoon abadatan bifa kanaaf of faayessaa turaniif. Abbootii manaa isaaniif of kennuudhaan. 6 Bifa kanaan Saaraan Abrahaamiif abboomamteetti gooftaa koo jettees waamteetti. Isin amma ijoollee isheet, yoo waan gaarii ta’e hojjettanii fi rakkina hin sodaattan ta’e. 7 Akkasuma, isin abbootiin manaas akka hubannaatti haadha manootii keessanii wajjin jiraachuutu isin irra jira, akka qodaa dadhabaatti, dubartii. Isin akka warra walii wajjin ayyaan jireenyaa dhaalaniitti kabaja kennuufiitu isin irra jira. Kana immoo akka kadhannaan keessan hin dhokfamneef godhaa. 8 Dhuma irratti, hundumti keessan, yaada tokko qabaadhaa, warra o’an, abba obbolootaatti warra jaallatan, garraamii, fi gad-of deebisoo. 9 Hamaadhaaf hamaa hin deebisinaa, kan isin arrabsus hin arrabsinaa. Faallaa isaa, eebbisuu keessan itti fufaa, isin kaaf waamamtani, eebbichas dhaaluudhaaf. 10 "Namni jireenya jaallatuu fi guyyoota gaarii arguu barbaadu, arraba isaa hamaa irraa eeguutu irra jira, arraba isaas gowwomsaa dubbachuu irraa. 11 Inni waan hamaa irraa haa deebi’u, waan gaariis haa hojjetu. Nagaa haa babaadu, haa hordofus. 12 Ijo Waaqayyoo warra qajeelota ni ilaala, gurri isaas kadhannaa isaanii ni dhaga’a. Fuulli gooftichaa garuu warra hamaa hojjetaniin ni morma.” 13 Yoo isin waan gaarii hojjechuudhaaf barbaaddan eenyutu isin miidharee? 14 Garuu qajeelummaaf jettanii yoo dhiphattan, isin eebbifamoodha. Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa. Hin dhiphatinaa. 15 Qooda isaa, garaa keessan keessatti gooftaa Yesuusiin qulqulluu godhaatii adda baasaa. Yeroo hundumaa, nama isa abdii isa isin qabdan isin gaafatuuf gatii kennaa. 16 Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta’u, warri hamaa isin irratti dubbachuudhaan maqaa keessan balleessan, amala keessan isa gaarii isa erga kan Kiristoos taatanii argisiiftan, hammeessn akka yeella’aniif, yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetit jiraadhaa. 17 Yoo fedha Waaqayyoo ta’e gaariidha, waan gadhee caalaa waan gaarii gootanii dhiphachuun. 18 Kiristoosis yeroodhuma tokkicha cubbuudhaaf dhiphate. Inn qajeelaan sun nuuf dhiphate, warra qajeelota hin turiniif, gara Waaqayyootti nu fiduudhaaf. Inni fooniin du’e, garuu immoo hafuuraan ka’e. 19 Hafuuraan, ahfuurota warra amma mana hidhaa keessa jiranitti lallabe. 20 Bara Nohi keessa yeroo obsi Waaqayyoo isaan eegaa ture, isaan kan hin abboomamne turan, bara ijaarsa doonichaa, Waaqayyos namoota muraasa fayyise, luubbuu saddeet, karaa bishaanii. 21 Kunis mallattoo cuuphaa isa amma isin fayyisuuti, akka isa xurii qaama irraa dhiqaranii miti. Garuu, karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos sammuu gaariidhaan Waaqayyoo duratti kan dhiyaatuudha. 22 Kiristoos mirga Waaqayyoo jira. Inni gara waaqatti ol ba’eera. Ergamootni, warri aboo qabanii fi humni hundumtuu isaaf of kennuutu irra jira.