1 Kanaafa hamaa hundumaa dhiisaam gowwomsaa hundumaa, ofittummaa, hameenyaa fi maqa balleessii hundumaa. 2 Akka mucaa reefuu dhalatee, aannan hafuuraa isa ho’aa isaa fedhaa, isa keessaan akka fayyinatti guddataniitti. 3 Yoo akka gooftichi gaarii ta’e dhandhamattaniittu ta’e. 4 Gara isa dhagaa jiraataa, namoonni warri kaan tuffatanii kottaa; garuu isa Waaqayyoof dhimma baasaa ta’ee fo’ame. 5 Isinis akkuma dhagicha isa jiraataa, mana hafuuraa ta’uudhaaf ijraaramaa jirtu, luboota hafuuraa ta’uudhaaf, isaa aarsaa hafuuraa karaa Yesuus Kiristoos, Waaqayyoo duratti fadhatamaa dhiyeessu. 6 Caaffatni qulqulluun akkas jedha: "Ilaalaa, ani dhagaa golee Xiyoon keessan ta’aa jira. Isa filatamaa fi gati qabeessa. Namni isatti amanu hin yeella’u.” 7 Gatiin isaa, kanaaf, isin warra amananiifi. Warra hin amanneef garuu, "Dhagaa inni ijaartuun tuffatani, Mataa golee ta’e,” 8 Akkasuma, 9 Isin garuu saba fo’ameedha, luboota mootii, saba qulqullaa’oo, qabeenyaa Waaqayyoo, Hojii isa dinqisiisaa dukkana keessaa gara ifa isa dinqisiisaatti isin waamee akka labsitaniif. 10 Isin duraa saba isaa hin turre; amma garuu saba isaa taataniittu. Ayyaana hin hin arganne turtan; amma garuu ayyaana argataniittu. " Dhagaa gufachiisuu fi dhagaa isa isaan gufachiisu.” 11 Jaallatamo, akka keessummootaa fi hidhamtootaatti isinan gorsa, akka isin fedha foonii irraa of eeggattaniif, isa faallaa lubbuu keessanii isin lolu. 12 Warra hin amanin gidduutti amalli keessan kabajamaa haa ta’u. yeroo isaan akka warra hamaa godhacniitti isin arrabsan, hojii keessan isa gaariif dhuga baatota ta’uu danda’u, guyyaa itti Waaqayyo mulatuttis ulfina isaaf ni kennu. 13 Gooftaaf jedhaatii warra aboo qaban hundumaaf bitamaa. Moototaaf abboomamaa. 14 akkasuma warra biyya bulchaniifis, warra hamaa godhan akka adabamanii fi akkasuma warra gaarii godhan immoo warra galateeffatan. 15 Kun fedha Waaqayyoo waan ta’eef, gaarii hojjechuu keessaniin haasaa akkasumaanii warra gowwootaa cal ni jechiisiiftu. 16 Akka saba walabaatti, walabummaa keessan dadhabbii keessan ittiin haguuguuf dhimma itti hin ba’inaa, garuu hojjetoota Waaqayyoo fakkaadhaa. 17 Namoota hundumaa kabajaa. Obbolummaa jaalladha. Waaqayyoon sodaadhaa. Mootii kajaa. 18 Hojjetootaa, gooftota keessan kabajaa. Gooftota warra gaarii fi ormootaa qofaaf hin bitaminaa, warra hamootaafis bitamaa. 19 Waa’ee Waaqayyoof jedhee dhiphan jallinaa kan fudhatu galata ni fudhata. 20 Yoo hojii hojjettanii adabamtanii obsitan galata maalii qabaree, garuu yoo immoo gaarii gootanii yoo dhiphattanii obsitan kun Waaqayyoo biratti galata isiniif argamsiisa. 21 Isinis kanumaaf waamamtani, sababiin isaa Kiristoosis isiniif du’’e. Inni akka isin isa hordoftaniif fakkeenya isiniif dhiise. 22 "Inni cubboo tokko illee hin hojjenne, sobnis tasa afaan isaa keessatti hin argamne.” 23 Inni yeroo arrabsame, deebisee hin arrabsine. Yeroo dhiphate, deebii hin kennine, garuu isa dhugaadhaan firdii kennutti of kenne. 24 Inni ofii isaatii qaama isaa keessatti muka irratti cubbuu baate, cubbuuf du’ee qajeelummaadhaaf jiraachuuf jedhee. Madaa isaatiin fayyifamtan. 25 Hundumti keessan akka hoolotaa baddanii turtan, amma garuu gara tiksichaa fi lubbuu keessan eeguutti deebitaniittu.