1

1 Pheexiros, ergaa Yesuus Kiristoos, warra bittimmaa’anii biyya kan biraa jiraniif, warra fo’amaniif, Phoonxos keessa, Galaatiyaa, Qophadooqiyaa, Asiyaa fi Bitaaniyaa. 2 Kun akka dursee beekuu Waaqayyo abbaatti, karaa qulleessuu hojii hafuuraa, abbooamamuu fi itti facaasuu dhiiga Yesuus Kiristoosiif. Ayyaanni baay’een isiniif haa ta’u; nagaan keessanis haa baay’atu. 3 Waaqayyoo fi abbaan gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa galateeffamu! Ayyaana guddaa kana keessatti, karaa du’aa ka’uu Yesuus kiristoos abdii jiraataatti jireenya haaraa nuuf kenne. 4 Kun dhaala isa hin badneedha, hin dammeessa’u, isa yeroonis irraa hin darbine. Innis Waaqa irratti walitti isiniif qabameera. 5 Isin amantii keessaan humna Waaqayyootiin eegamtaniittu, fayyina isa guyyaa dhumaatti mil’achuuf jiruuf. 6 Isin kanatti guddistanii ni gammaddu, ammuma illee, yeroo muraasaaf, isin dhiphina hundumaa dhiphachuuf jirtu. 7 Isaan kun isin irra kan ga’an, abiddaan ilaalamee yoo qulqullaa’es, warqee isa badu caalaa, amantiin keessan inni guddaa kabajamaan dhugaa ta’uu isaa akka mirkanaa’uu fi yeroo Yesuus mul’atu, galataa fi ulfina, faarfannaa akka isiniif argamsiisuufi. 8 Isin isa hin argine, garuu isa ni jaallatu. Amma isa hin argitani, garuu isatti amantu, gammachuudhaan ni gammaddu, isa hin ibsamuu hin dandeenyee fi ulfinaan guute. 9 Isin amma fiirii amantii keessanii ofii keessaniif fudhachaa jirtu, fayyina lubbuu keessanii. 10 Fayyina kana ilaalchisee, raajiin inni ni dhufa jedhee waa’ee ayyaanaa raaje, dammaqinaan barbaadee eeggannaadhaanis qore. 11 Hafuurri Kiristoos inni isa keessa ture, waa’ee dhiphina kiristoos akkasuma waa’ee ulfina isa dhiphina isaa booda ta’uu dursee dubbachuudhaan yeroo fi akkamittis akka raawwate qoraa turani. 12 Inni akka isaan ofii isaanii tajaajilaa hin turreef isanitti mul’ate, isin garuu, waa’ee waanta amma isinitti himamee isinitti himan, karaa warra wangeela isinitti lallabee karaa hafuura qulqulluu isa waaqa irraa ergamee. Waanta isa ergamoonni arguuf barbaadan. 13 Kanaaf, sammuu keessaa jabeessaa. Of qabaa. Abdii keessan guutummaatti, ayyaana isa Yeroo Yesuus mul’atu argamu irra kaawwadhaa. 14 Akka ijoollee abboomamaniitti, fedha isa yeroo hin amanin turtaniitti waliif hin galinaa. 15 Garuu akkuma inni isin waame qulqulluu ta’e, amala keessan hundumaan qulqulloota ta’aa. 16 Barreeffamee akkuma jiru, “qulqulloota ta’aa, anis qulqulluu waanan ta’eef,” 17 Yoo “abbaa” jettanii waamtan, isa wal caalchisuu malee akka hojiitti faraduu, biyya lafaa kana irra akka keessummaatti yeroo jiraattan amala keessan eeggadhaa. 18 Akka inni meetii isa badu irraa yookaan warqee isa isin irraa furamtan, amala akkasumaanii, isa abboota keessan irraa dhaaltaniin akka hin ta’in beektu, 19 Garuu dhiiga Kiristoos isa gati jabeessani, akka hoolaa isa midaa yookaan madaa hin qabnee. 20 Kiristoos utuu biyyi lafaa hin uumamin dura illee tureera. Garuu amma immoo yeroo dhumaa kanatti isinitti mul’ateera. 21 Isin isa keessaan Waaqayyootti amantu, isa du’a isa kaasee ulfinas kenneef, amantii fi abdii keessan Waaqayyoo irratti akka ta’uuf. 22 Isin dhugichaaf abboomamuudhaan lubbuu keessan qulleeffattaniittu. Kunis kaayyoo jaalala jaalala obbolummaa isa gaariifi, kanaaf garaa qullaa’aadhaan walii keessan jaalladhaa. 23 Isin lammaffaa dhalattaniittu, sanyii isa baduttii miti, sanyii isa hin bdanetti malee, karaa dubbii Waaqayyoo isa jiraataa fi hafee jiraatuu. 24 "Foonni hundumtuu akka margaa waan ta’eef, Ulfinni isaas, akka abaaboo lagaati. Margi ni goga, abaaboon isaad irra harca’a, 25 Sagaleen Waaqayyoo garuu bara hundumaa ni jiraata.”