5

1 Ani geggeessitoota warra isin gidduu jiran nan gorsa. Ani, akkuma isaanii geggeessaa fi dhuga baatuu dhiphina Kiristoos kanan ta’e, akkasuma ani ulfina isa mul;chuuf jiru keessaa hirmaachuuf jira. 2 Karra Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran eegaa. Akka eegdotaatti ilaalaa. Kana gochuun isin irra jira. Garuu waam fedha qabdaniif, akkuma Waaqayyoon tajaajiltanitti, bu’aa yellaasisuuf miti, garuu of kennuudhaan malee. 3 Warra geggeessaa keessan jala jiran akka gooftummaan hin bulchihaa, karrichaaf fakkeenya ta’aa. 4 Garuu yeroo oogganaan sun mul’atu, gonfoo ulfinaa isa hin daribine ni argattu. 5 Akkasuma, isin dargaggonni, warra dulloomaniif of kennaa, hundumti keessan, gaarramummaandhaan walitti dhiyaadhaatii walii keessan tajaajilaa. Waaqayyo warra of tuulanii ni morma, warra garraammotaad immoo ayyaana isaa ni kenna. 6 Kanaaf, harka Waaqayyoo isa hundumaa danda’u jala of galchaa, innis yeroo isaatti ol isin qabaa. 7 Yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa, inni isiniif waan yaaduuf. 8 Of qabaa, dammaqaa. Mormaan keessan inni hamaan akak leencaa nannoo keessan naanna’e aadaa jira, Nama nyaatu barbaaduudhaaf. 9 Ittiin mormaa. Amamntii keessanitti cimaa. Isin akka biyya kafaa keessatti obbolummaan keessan dhiphina wal fakkataa dabarsaa jiru ni beektu. 10 Yeroo gabaabaa erga dhiphattanii booda, Waaqayyo inni kan ayyaanaa, inni karaa Kiristoos gara ulfina bara baraatti isin waame, guutuu isin godha, isin jabeessa, isin ijaaras. 11 Isaaf, aangoon baraa hanfa bara baraatti isaaf haa ta’u. Ameen. 12 Ani Silaawosniin akka obboleessa amanamaattin lakkaa’a, gabaabsees karaa isaa isiniif barreeseera. Ani akka waanti ani barreesse kun dhugaa ayyaana Waaqayyoo ta’e isin gorsaa fi dhugaas isiniif ba’aam jira. 13 Dubartiin ishee Baabilooniim jirtu, ishee isinii wajjim fo’amte, nagaa isiniif dhaamti. Maarqos ilmi koos akkasuma nagaa isiniif dhaama. 14 dhungannaa jaalalaatiin walii walii keessan dubbisa. Nagaan isin warra Kiristoositti jirtaniif haa ta’y.