1 Yaa jaallatamo, hafuura hundumaa hin amaninaa. Qooda isaa Waaqayyoo biraa ta’uu isaanii qoraa; raajonni sobduun hedduun gara biyya lafaa dhufaniiru. 2 Kanaan hafuura Waaqayyoo ni beektu-hafuurrii inni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhufaa ba’u Waaqayyo biraati. 3 hafuurri inni Yesuusiin dhugaa hin baane immoo Waaqayyoo biraa miti. Kun hafuura mormitoota Kiristoosi, inni isin dhageessan dhufaa jira, ammas immoo biyya lafaa keessa jira. 4 Isin Waaqayyoo biraati, yaa ijoolle, isin isaaniin mootaniittu, sababiin isaa inni isinii wajjin jiru isa biyya lafaa keessa jiru irra ni caala. 5 Isaan biyya lafaa keessati, kanaaf waanti isaan jedhan biyya lafaa biraati, biyyi lafaas isaaniin dhageeffata. 6 Nuti Waaqayyoo biraati, namni Waaqayyoo biraa ta’e hundumtuu nu dhaggeeffata. Kan Waaqayyoo biraa hin ta’in nun dhaggeeffatu. Kanaanis hafuura dhugaa fi hafura ogoggraa beekna. 7 Yaa haallatamo, walii keenya haa jaallannu, jaalalli Waaqayyoo biraati, namni jaallatu hundumtuu Waaqayyoo irraa dhalate, Waaqayyoonis beeka. 8 Namni hin jaallanne Waaqayyoon hin beeku, Waaqayyo jaalala waan ta’eef. 9 Kanaaf jedhees jaalalli Waaqayoo gidduu keenyatti mul’ate, Waaqayyos kanaaf isa tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge, akka nuti isa irraan kan ka’e jiraannuuf. 10 Jaalala kana keessatti, nutu Waaqayyoon jaallate miti, garuu immoo isatu nu jaallate, akkasuma akka ilmi isaa cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa ta’uuf erge. 11 Yaa jaallatamo, erga Waaqayyo akkas nu haallatee, nutis walii keenya jaallachuutu nurra jira. 12 Namni Waaqayyoont akkaa argee beeku hin jiru; yoo walii keenya jaallanne, Waaqayyo nu keessatti hafa, jaalalli isaa guutuu nu godheera. 13 kanaanis isa keessatti hafuu keenya ni beekna, innis nu keessatti, hafuura isaa irraas waan nuuf kenneef. 14 Akkasuma, nuti akka abbaan ilmi isaa fayyisaa biyya lafaa ta’uuf erge dhugaa baaneerra. 15 Namni akka Yesuus ilma Waaqayyoo ta’e dhugaa ba’u, isa keessatti hafa, Waaqayyoo keessatti. 16 Akkasuma, jaalala isa Waaqayyo nuuf qabu beeknee amaneerras. Waaqayyo jaalala, namni jaalala kana keessa jiraatu Waaqayyo keessa jiraata. Waaqayyos isa keessa ni jiraata. 17 Sababii kanaaf, jaalalli kun nu gidduutti guutuu ta’e, akka nuti guyyaa firdiitti ija jabina qabaannuuf, sababni isaas akkuma inni jiru nutis addunyaa kana irrattis akkasuma. 18 Jaalala keessa sodaan hin jiru, qooda isaa, jaalalli guutuun sodaa baasee gata, sababiin isaa sodaan adabbii wajjin hojjeta. Garuu, namni sodaatu, jaalala keessatti guutuu hin taane. 19 19 Nuti ni jaallanna, sababiin isaa 20 Yoo namni tokko, “Waaqayyoon nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa jibbe, inni sobaadha. Namni obboleessa isaa is argu hin jaallanne, Waaqayyoon jaallachuu hin danda’u, isa hin argin. 21 Akkasuma, kun abboommii isa nuti isa biraa fudhanneedha, namni Waaqayyoon jaallatu, obboleessa ofii isaatiis jaallachuutu irra jira.