5

1 Namni akka Yesuus Waaqayyoottii dhalate amanuu fi namni abbaas jaallatu nama isa irraa dhalate jaallata. 2 Kun akkaataa nuti ijoollee Waaqayyoo jaallannuudha, yeroo Waaqayyoon jaallannuu fi abboommota isaas eegnu. 3 Abboommota isaa eeguun, jaalala Waaqayyoof. Abboommonni isaas ulfaatoo miti. 4 Namni Waaqayyootti dhalate biyya lfaa ni mo’a. kun moo’icha isa biyya lafaa moo’eedha, amantii keenya illee. 5 Eenyutu biyya lafaa moo’a? nama isa akka Yesuus ilma Waaqayyoo ta’e amanu. 6 Kun isa bishaanii fi dhiigaan dhufeedha. Yesuus Kiristoos, inni bishaan qofaadhaan hin dhufne, bishaanii fi dhiigaan malee. Hafuurri isa dhugaa ba’uudha, sababiin isaa Hafuurri dhugaadha. 7 Kan dhugaa ba’an sadiitu jiru; 8 Hafuura, bishaanii fi dhiiga. Isaan sadan kun waliif galu. 9 Nuti yoo dhuga ba’umsa namaa fudhanne, dhuga ba’umsi inni kan Waaqayyoo ni caala. Kun dhuga ba’umsa isa kan Waaqayyoo isa inni ilma isaa ilaalchisee dhugaa ba’eedha. 10 Namni ilma Waaqayyootti amanu ofii isaa keessaa dhuga ba’umsa qaba. Namni Waaqayyoon hin amanne sobduu akka ta'u isa godheera, sababiin isaa inni dhuga ba’umsa isa Waaqayyoo waa’ee ilma isaatii kenne hin amanne. 11 Dhuga bu’umsichis kana, Waaqayyo jireenya bara baraa kenne, jireenyichis ilma isaa keessa jira. 12 Namni ilmicha qabu jireenya qaba. Namni ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya hin qabu. 13 Ani akka isin jireenya bara baraa qabdan akka beektaniifin kana isiniif barreesse. Isin warra maqaa ilma Waaqayyootti amantaniif. 14 Akkasuma, kun ija jabina isa nuti isa duratti qabnuudha, yoo akka fedha isaatti waan fedha keenyaa gaafanne, inni ni dhaga’a. 15 Akkasuma, yoo akka inni nu dhaga’u hubanne, waanta nuti isa gaafannu, waan isa gaafanne hunda akka qabnu ni beekna. 16 Namni obboleessi isaa utuu cubbuu du'a hin fidne raawwachuu yoo arge, kadhachuutu irra jira, Waaqayyos jireenya ni kennaaf. Ani waa’ee warra cubbuun isaanii du’a hin fidneen argisiisa. Cubbuun du’a fidu jira, ani, inni waa’ee isaa kadhachuutu irra jira jechaan jira miti. 17 Jallinni hundumtuu cubbuudha, garuu cubbuun du’a hin fidne jira. 18 Nuti beekna akka namni Waaqayyootti dhalate cubbuu hin hojjenne,garuu namni Waaqayyoorrii dhalate isa ni eega, inni hamaanis isa hin miidhu. 19 Nuti akka Waaqayyoo biraa taane beekna. Nuti akka gutummaan biyya lafaa humna isa hamaa keessa jiru beekna. 20 Nuti garuu akka ilmi Waaqayyoo dhufee, akka nuti isa dhugaa ta’e Isa beeknuuf hubannaa nuuf kenne beekan. Akkasuma, ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa. Ini kun Waaqayyo isa dhugaa fi jireenya bara baraati. 21 Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.