3

1 Abbaan jaalala akkamii nuuf kenne, akka nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee waamamnuuf, kun eenyu akka nuti taaneedha. Kana irraan kan ka’e, biyyi lafaa nun beeku, isa waan hin beekneef. 2 Yaa jaallatamo, amma nuti ijoollee Waaqayyooti, maal ta’uu akka jiruu immoo amma iyyuu hin mul’anne. Nuti beekna, yeroo Kiristoos mul’atu, akka isaa akka taanu, akkuma inni jiruttis isa ni argina. 3 Namni hundumtuu isa keessatti abdii qaba, akkuma inni qulqulluu ta’e, innis of qulqulleessa. 4 Namni cubbuu hojjetu hundumtuu hojii seera maleessummaa hojjeta, cubbuun seela maleessummaa waan ta’eef. 5 Akka Yesuus cubbuu keessan isin irraa fuudhuuf mul’ate ni beektu; isa keessa cubbuun hin jiru. 6 Namni isa keessa taa’ee cubbuu hojjechuu itti fufu hin jiru. Namni cubbuu hojjechuu itti fufu isa hin argine, yookaan isa hin beekne. 7 Yaa ijoolle, eenyu illee isin hin gowwomsin. Namni qajeelummaa hojjetu qajeelaadha, akkuma Yesuus qajeelaa ta’e. 8 Namni cubbuu hojjetu hundumtuu seexana biraati; inni jalqabuma cubbuu hojjeteera. Kanaafis ilmi Waaqayyoo mul’ate, hojii seexanaa diiguudhaaf. 9 Namni Waaqayyoottii dhalate itti fufee cubbuu hin hojjetu; sanyiin Waaqayyoo isa keessa waan jiruuf. Inni waan Waaqayyoottii dhalteef itti fufee cubbuu hin hojjetu. 10 kana keessatti ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen seexanaa mil’ataniiru; namni waan Waaqayyoo biraa qajeelaa ta’e hin hojjenne, namni obboleessa isaa hin jaallannes akkasuma. 11 kun ergaa isa isin jalqaba dhageessan waan ta’eef, walii keenya jaallachuutu nurra jira. 12 Akka Qaa’en ta’uun nurra hin jiru, isa isa hamaa biraa biraa ta’ee obboleessa isaa ajjeese. Inni maaliif isa ajjeese? Waan ofii isaaf hamaa hojjetuu fi obboleessi isaa immoo qajeelaa ta’eef. 13 Hin dinqifatinaa, yaa obboloota ko, yoo biyyi lafaa isin jibbe. 14 Nuti jireenya keessaa gara jireenyaatti akka darbine beekna; kanaaf obboloota jaallanna. Namni hin haallanne du’a keessatti hafa. 15 Nami obboleessa isaa hin haallanne ajjeessaadha. Akka nama ajjeesu keessa jireenyi hin jirre beektu. Namni nama ajjeese kam iyyuu jireenya bara baraa isa keessa jiraatu akka hin qabne ni beektu. 16 Kanaanis beekna, Yesuus lubbuu isaa waan nuuf kenneef. Nutis akkasuma lubbuu keenya obboloota keenyaaf kennuutu nurra jira. 17 Garuu, namni meeshaa biyya lafaa qabu, obboleessa isaa isa rakkate arga, garaa gara laafina isaas isa irraa cufa, akkamitti jaalalli Waaqayyoo isa keessatti hafa? 18 Yaa ijoollee ko, afaaniin yookaan arrabaan utuu hin ta’in, garuu immoo hojiidhaa fi dhugaadhaan haa jaallannu. 19 Kanaanis akka dhugaa biraa taane ni hubanna, isa durattis garaa keenya ni mirkaneessina. 20 Yoo garaan keenya nu ceepha’e, Waaqayyo garaa keenyaan oli, inni waan hundumaa beeka. 21 Yaa jaallatamo, yoo garaan keenya nun ceepha’u ta’e, nuti Waaqayyootti ija jabina qabna. 22 Waan isa gaafannu isa biraa ni arganna, sababiin isaa abboommota isaa ni eegna, waan isa dduratti gaarii ta’e ni hojjenna. 23 Kun abboommiidha, akka nuti maqaa ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuu fi walii keenyaas jallannuuf; akkuma inni abboommii kana nuuf kenne. 24 Namni abboommii Waaqayyoo eegu, isa keessatti ni hafa, Waaqayyos isa keessatti. Kanaanis akka inni nu keessatti hafu ni beekna. Isa inni hafuuraan nuuf kenne.