1 Yaa ijoollee, ani akka isin cubbuu hin hojjenneefin waantota kana isiniif barreessaa jira. Garuu namni tokko yoo cubbuu hojjete. Abbaa biraa falmaa qabna, Yesuus Kiristoosiin, isa qajeelaa. 2 Inni cubbuu keenyaaf aarsaa isa araarsaadha. Nu’i qofaafis miti, guutummaa addunyaafis malee. 3 Nuti akka isa beekuukaadhaaf dhufne beekna, yoo abboommoota isaa eegne. 4 Inni “Waaqayyoon beeka” jedhaa abboommota isaa immoo hin eegne sobaadha; dhugaanis keessa hin jiru. 5 garuu inni dubbii isaa eegu, dhugaadhumatti jaallii Waaqayyoo isa keessatti jabaateera. Kanaanis isa keessa akka jiruu ni hubanna. 6 Namni Waaqayyoo keessatti qabamee jiraachuu barbaadu akkuma inni adeemetti adeemuutu irra jira. 7 Yaa jaallatamo, ani abboommii haaraa isiniif barreessaa hin jiru, garuu isuma durii isin jalabaa kaasee beektaniidha. Abboommiin inni haaraan sagalee isa isin dhageessaniidha. 8 Haa ta’u malee, abboommii haaraa isiniif barreessan jira, isa Kiristoos keessatti, isin keessattis dhugaa ta’e, sababiin isaa dukkanichi darbaa jira, ifichi inni dhugaan immoo ifaa jira. 9 namni ificha keessan keessan jira jechaa, obboleessa isaa jibbu, amma iyyuu dukkanicha keessa jira. 10 Nanmi obboleessa isaa jaallatu ificha keessatti hafa, isa keesa gufachuun hin jiru. 11 garuu namni obboleessa isaa jibbu dukkana keessa jira, dukkana keessas ni adeema; inni eessa akka adeemaa jiru hin beeku sababiin isaa dukkanichi ija isaa jaamseera. 12 Isiniifan barreessa, yoo illoolle, sababii maqaa isaatiin cubbuun keessa isiniif dhiifameera. 13 Isiniifin barreessa, abbootii, sababii isin jalqaba irraa kaaftanii isa beektaniif. 14 Isinnifin barreessa, yaa dargaggootaa, sababii isin isa hamaa sana mootaniif. Isiniifin barreessa, ijoollotaa, isin abbaa waan beektaniif. 15 biyya lafaa yookaan waantota biyya lafaa keessa jiru hin haallatinaa. Namni yoo biyya lafaa haallatee, jaalalli Waaqayyoo keessa jin jiru. 16 Waanta biyya lafaa keessa jiru hundumaaf, hawwi foonii, hawwii ijaa fi of-tuulummaan jireenyaa abbaa biraa miti, biyya lafaa biraati malee. 17 biyya lafaa fi hawwiin isaa darbaa jiru. Garuu namni fedha Waaqayyoo hojjetu immoo bara baraan jiraata. 18 Yaa ijoolle, yeroo isa dhumaati. Akkuma dhageessan inni mormituu Kiristoos ta’e dhufaa jira. Amma warri mormitoota Kiristoos ta’an dhufaniiru. Kanaanis akka inni yeroo isa dhumaa ta’e hubanna. 19 isaan nu biraa adeemaniiru. Garuu ni biraa miti. Utuu nu biraati ta’ee numa silaa numa bira ture turani. Garuu isaan yeroo sokkan, akka ni biraa hin ta’in argisiisaniiru. 20 Isin garuu isa qulqulluu biraa dibata qabdu, hunumati keessanis beektu. 21 waan isin dhugicha hin beekneefin isinii barreessa miti, garuu waan isin beektaniif, sobnis dhugicha bira waan hin jirreef. 22 inni sobduun eenyuudha, inni akka Yesuus, Kiristoosiin ta’e ganu? Namni sun mormituu Kiristoosi, inni abbaa fi ilma ni gana. 23 Namni kam iyyuu ilma kan ganu abbaa of keessaa hin qabu. Kan ilma dhugaa ba’u immoo abbaa qaba. 24 Isiniif, inni isin jalqabaa kaasee dhageessan isin keessatti haa afu. Isinis ilma keessatti, abbaa keessattis. 25 Kun kakuu isa inni nuuf kenneedha, jireenya bara baraa. 26 Ani Waan kana waa'ee warra isin gowwomsuu barbaadaniifin isiniif barreesseera. 27 Isin garuu ibatni isin fudhattan isin keessa ni jiraata; namni kan biraan isin barsiisuun hin barbaachisu, dibatichi akka waan hundumaa isn dhugaadha malee soba miti. Akkuma inni isin barsiise isa keessa jiraadhaa. 28 Amma, yaa ijoolle, yeroo inni mul'atu ija jabina qabaannee dhufaatii isaa duratti akka hin qaanofneef isa keessa turaa. 29 Yoo akka inni qajeelaa ta’e beektan, namni waan sirrii hojjatu hundi isa irraa akka dhalate ni beektu.