Boqonnaa 9

1 Amma kakuu innumti duraa iyyuu heerota ittiin waaqeffatanii fi taateewwan lafa irraa itti raawwatan qabu turan. 2 Godoon itti waaqeffatan qopheeffamee tureetii. Godicha keessattis kutaan inni jalqabaa bakka baattuun ibsaa, minjaallii fi maxinoon argamuu kaa’aman waan ta’eef bakka qulqullaa’aa jedhamee waamama. 3 Golgaa isa lammaffaa duubaan godichi kutaa kan biroo kan qabu yommuu ta’u inni kun immoo bakka isa qulllqullaa’aa hundumaa caalu jedhamee wamama. 4 Inni kun bakka ixaana itti aarsan qaba. Inn kun taabota kakuu isa warqeedhaan uffifame of keessaa qaba. Kutaa isa kana keessa isaa okkoteen warqee irraa hojjetamee manna kan baatu, uleen Aaron inni latee ture sunii fi taabotawwan kakuu ni argamu. 5 Taabota kakuu Sanaa ol, kiruubiin ulfina qabeessi kan teessoo araaraa aguugantu ture, waa’ee isaa amma gadi fageenyaan dubbachuu kan nuyi hin dandeenye. 6 Wanneen kunneen erga qophaa’aanii booda, luboonni gara kutaa isa gara bakkee godichaa jiru seenuudhaan tajaajila isaanii ni kennu. 7 Garuu luba isa ol aanaa qofatu waggaatti sia’a tokko kutaa isa lammaffaa seenuu danda’a ture, innis immoo otuu dhiiga isa cubbuu ofii isaatii fi kan uummanni warri kaan otuu itti hin yaadin raawwateef hin dhangalaasin miti. 8 Hafuura Ququlluun akka godoon inni jalqabaa amma iyyuu akkuma bakka qulqullaa’aatti geessu ta’ee dhaabbachaa jirutti hin mul’anne argisiiseera. 9 Inni kun yeroo amma keessa jirruuf mul’istuu dha. Kennaanii fi aarsaan amma godhamaa jiran lamaanuu yaada warra waaqeffatanii qulqulleessuudhaaf ga’oo hin taane. 10 Isaan kan isaan ilaallatan nyaataa fi dhugaatii, akkasumas dhiqannaa ayyaaneffannaa duwwaadhaaf oolan, abboommiin inni lammataa hanga mul’atutti isaan kunneen heerota qaamaaf ta’anii dha. 11 Kiristos akka luba isa ol aanaa kan wanneen gaggaarii warra dhufanii turanii ta’ee dhufe. Inni godoo isa mudaa hin qabne, harka namaatiin hin hojjetaminiitii fi kan biyya lafaa ishee uumamte kanaa kan hin ta’in isa hundumaa caalu sana keessa darbe. F 12 Inni dhiiga re’ootaatii fi kan jibootaatiin otuu hin ta’in, kan inni iddoo isa hundumaa irra qulqulluu kan ta’e sana si’a tokkoo fi si’a hundumaaf seenuudhaan fayyina keenya kan bara baraa dhugoomseera. 13 Yoo dhiigni re’ootaa fi kan sangootaa akkasumas daaraawwan jibootaa facaasuun warra cubbaman foon isaanii ni qulqulleessa ta’e, 14 dhiigni Kiristoos inni karaa Hafuura isa bara baraatiin qulqullinaan ofii isaa Waaqayyoof kenne immoo hangam yaada keenya du’a irraa qulqulleessee hojii Waaqayyo isa jiraataatiif hin qopheessu ree? 15 Sababa kanaatiif, inni araarsaa kakuu isa haaraa ti. Inni kun kan inni ta’eefis, duuti dhufuudhaan warreen kakuu isa jalqabaa jala jiran dhiifama erga argachiisee, warreen waamaman abdii dhaala isa bara baraa sana akka fudhataniif. 16 Bakka dhaamsi dhaalaa jiru maratti, du’i namicha isa dhaamsicha kennee mirkaneeffamuu qabaatii. 17 Dhaamsi dhaalaa du’a isa dhaala dhaameetiin mirkanaatii, sababiin isaa hanga namichi lubbuudhaan jirutti dhaamsichi humna hin qabaatuutii. 18 Kanaafuu kakuu inni jalqabaas dhiiga malee hin dhaabbanne. 19 Yommuu Museen abboommii hundumaa isa kan seerichaa sabatti kennetti, inni dhiiga jibootaa fi kan re’ootaa bishaan, suufii diimaadhaa fi hisoophii waliin fudhatee kitaabichaa fi sabichatti ni facaaseetii. 20 Achii akkana jedhe, "Inni kun dhiiga kakucha isa Waaqayyo isiniif abboomee ti." 21 Haaluma wal fakkaatuun, inni dhiigicha godichaa fi meeshaalee tajaajila achitti ta’u maraaf fayyadan irratti ni facaase. 22 Haala seerichaatiin, wanneen marti dhiigaan qulqulleeffamu. Dhiigne otuu hin dhangala’in dhiifamuun cubbuu hin jiraatu. 23 Kanaafuu, fakkaattuuwwan wanneen samii irra jiranii aarsaa beeyiladaa kanneeniin qulleeffamuutu ta’aaf. Haa ta’u malee, wanneen samii irraa aarsaawwan kanneen irra wayyaniin qulleeffamuu malu. 24 Kiristoos mana isa hundumaa irra qulqulluu ta’e kan harka namaatiin hojjetame, mana isa dhugaatiif fakkeenya isa ta’etti hin seenne. Ijaa kanaa, inni samii mataa isaatti seene, amma bakka Waaqayyo jirutti nuyiif argamuudhaaf. 25 Inni ofii isaa yeroo hedduudhaaf dhi’eessuudhaaf achi hin seenne, akka luboota ol aanoo warren kaanii warra dhiiga wanneen biroo qabatanii waggaadhaa waggaatti achi seenaniitti. 26 Haalli akka sana ta’eera otuu ta’eetii, inni erga uumamuu biyya lafaatii kaasee yeroo hedduu dhiphachuutu isa irra ture. Amma garuu inni gara dhuma barootaatti mul’achuudhaan ofii isaa aarsaa godhee cubbuu dhabamsiise. 27 Akkuma namni tokko al tokko du’uudhaaf muudame, ergasii immoo murtiin inni dhumaa itti dhufutti, 28 28 Kiristoosis al tokko aarsaa ta’ee cubbuu baay’otaa dhabamsiise, deebi’ee immoo ni dhufa, cubbuu irratti hojjechuudhaaf otuu hin ta’in, fayyina warren isa eeggataniitiif.