Boqonnaa 8

1 Amma qabxiin waan nuyi irratti dubbataa jirru isa kanaa dha: Nuyi luba isa ol aanaa isa gara harka mirgaa teessoo Mootii isa waaqa irraa jiruu taa’ee jiru ni qabna. 2 Inni tajaajilaa iddoo qulqullaa’aa ti, mana qulqullummaa isa dhugaa isa Gooftaan, nama otuu hin ta’in, ijaaree. 3 Lubni ol aanaan inni kam iyyuu kennaadhaa fi aarsaa dhi’eessuudhaaf muudama. Kanaafuu waan dhi’eessan tokko qabaachuu nama gaafata. 4 Amma Kiristoos otuu lafa irra jiraateera ta’ee, inni tasumaa luba ta’uu hin danda’u, sababii warri akka seerichaatti kennaa dhi’eessan waan jiraniif. 5 Isaan waraabbiidhaa fi gaadidduu wanneen waaqa irraa tajaajilu. Inni akkuma Museen Waaqayyoon akeekkachiifamee dha yommuu mana qulqullummaa ijaaruudhaaf ka’etti: Waaqayyo akkana jedhe, "Wanneen mara akka toora tullucha irratti siif kennameetti akka gootu ilaalladhu." 6 Garuu amma Kiristoos tajaajila isa hedduu caalaa ta’e fudhate, akkuma inni ta’e gidu-galeessa kakuu isa wayyuu ta’etti, innis immoo abdiiwwan warra wayyu irratti kan hundaa’ee dha. 7 Yoo kakuun inni duraa kan dogongora of keessaa hin qabne ta’eef, isa lammataatiif taateen qophaa’u hin jiru tureetii. 8 Waaqayyos yommuu namoota biratti dogongora argetti, akkana jedhe, "Ilaali, guyyoonni dhufaa jiruu—jedha Gooftaan— Yommuu ani kakuu qopheessuutti mana Israa’elii fi mana Yihuudaatti. 9 Inni akka kakuu isa ani abboota isaanii Waliin guyyaa ani harka isaanii qabee biyya Gibxiitii isaan baasuudhaaf godhadhee hin ta’u. Isaan kakuu koo of eeggannoodhaan hin abboomamneetii, anis immoo isaanan tuffadha— jedha Gooftichi. 10 Inni kun kakuu ani guyyoota sana booda mana Israa’el waliin godhadhuu dha —jedha Gooftichi. Ani seerota koo sammuu keessa nan kaa’a, Akkasumas onnee isaanii irratti isaanan barreessaaf. Ani Waaqayyo isaaniin ta’a, isaanis saba koo ni ta’u. 11 Isaan walii isaanii lammii isaa hin barsiisan, akkasumas walii isaanii obboleessa isaa, akkana jechuudhaan, 'Gooftaa beeki.' Isaan martinuu na beekuutii, Xiqqaa isaanii irraa hanga isa ol aanaatti. 12 Ani hojii isa hamaadhaaf araara isaaniif nan godhaatii, cuubbuu isaaniis ani deebi’ee kana caala isaanitti hin lakkaa’u." 13 Kakuu isa kana “haaraa” jechuudhaan moggaasuudhaan, kakuun inni jalqaba akka haqame ni labse, wanti haqamee fi dulloomes dafee dhabamsiifama.