Boqonnaa 7

1 Inni Malkatsaadiq, mootii Saaleem, luba Waaqayyo Isa Ol Aanaa, isa Abrahaamiin deebii qalma moototaa irratti argatee isa eebbisee dha. 2 Isaaf ture Abrahaam kan inni waan mara keessa kudhan keessaa tokko keenneef. Jalqaba, hiikaan maqaa isaatii kan inni jedhu, "mootii qajeelinaa"; achi irraa immoo inni "mootii Saaleemi," kunis, "mootii nagaa." 3 Inni abbaa hin qabu, haadha hin qabu, akaakilii hin qabu, guyyoota jalqabaatii fi dhuma jireenyaas hin qabu. Akkasumas Ilma Waaqayyoo fakkaachuudhaan, inni bara baraan luba ta’ee hafa. 4 Ilaalaa namichi Abrahaam wanneen lola irratti argate keessaa kurnaffaa kenneef kun hangam guddaa akka inni ta’e. 5 Ijoolleen Leewwi warreen waajjira lubummaa qabatan akka seerichaatti uummata sana irraa kurnoo akka guuraniif abboommii qabu, kana jechuunis, obboloota isaanii irraa otumaa isaanis ijoollota Abrahaam ta’anii jiranii iyyuu. 6 Garuu Malkatsaadiq, inni qomoon isaa isaan waliin hin lakkaa’amne, kurnoo Abrahaam irraa fudhate, isa isa dursee kakuu qabu sana ni eebbises. 7 Namni gadi aanaan tokko isa ol aanaadhaan akka eebbifamu kan ganamu miti. 8 Haala kanaan, namoonni warri du’an kurnoo fudhatu, garuu haala is asana keessatti inni ittuma fufee jiraata. 9 Akkasumas, halla dubbannaatiin, Leewwii, inni kurnoo fudhate, karaa Abrahaamiin kurnoo baaseera, 10 sababiin isaa yommuu Malkatssaadiq Abrahaamiin wal argetti Leewiin qaama akaakilii isaatii keessa ture. 11 Amma otuu karaa lubummaa Leewwummaatiin muda-dhabeenyi ni argama ta’eetii (sabni karaa sanaan seericha fudhatan waan ta’eef), lubni kan biroon inni Malkatsaadiqiin fakkaatu ka’uun maaliif barbaachisaa ta’e, Aaroniinis maaliif hin fakkaanne? 12 Yommuu lubummaan jijjiiramutti, seerichis ni jijjiiramaatii. 13 Inni asitti waa’een isaa dubbatamu kun qomoo kan biroo irraa ti, qomoo tasumaa keessaa namni bakka aarsaatti tajaajilee hin turre. 14 Amma egaa ifatti Gooftaan keenya kan inni dhalate Yihuudaa irraa ti, qomoo Museen waa’ee lubummaatiif tasa maqaa hin dha’in. 15 Wanti nuyi jennuu caalaa kan inni ifa ta’u immoo yommuu lubni kan biroon fakkaattii Malkatsaadiqiin ka’uu dha. 16 Inni kun kan inni luba ta’e ulaagaa qaamaatiin otuu hin ta’in, garuu aangoo bara baraan jiraachuutiini. 17 Caaffanni qulqullaa’aan waa’ee isaatiif akkanatti dhugaa ba’aatii: "Ati toora Malkatsaadiqiin luba bara baraa ti." 18 Abboommiin inni duraa kan inni dhiifameef dadhabaadhaa fi kan dhimma hin baafneef otuu hin ta’in— 19 seerichi waan tokko iyyuu muda-dhabeessa gochuu waan hin dandeenyeefi—garuu abdii kan biroonis kennameera, isa nuyi ittiin gara Waaqqayyooti itti dhi’aannu. 20 Akkasumas inni kunis kakuu malee miti! Warreen kaan kakuu malee luba ta’an, 21 garuu inni kakuu isa akkana isaan jedheetiin luba ta’e, "Gooftaan kakateeraa yaada isaas hin jijjiiru: 'Ati luba bara bara ti.'" 22 Isa kanaanis Yesuus kakuu isa wayyuuf wabii kenneera. 23 Luboonni warreen duraanii lakkoofsi isaanii hedduu dha, akka isaan waajjira isaanii keessatti itti hin fufneef duuti isaan dhowwa waan tureef. 24 Garuu Yesuus itti fufee bara baraan jiraata waan ta’eef, inni lubummaa dhaabbataa qaba. 25 Kanaafuu inni warreen karaa isaatiin Waaqayyotti dhi’aatan guutummaatti fayyisuudhaaf dandeetti ni qaba, sababiin isaa inni isaaniif falmuudhaaf yeroo hundumaa ni jiraata. 26 Akka nuyi luba ol aanaa akkanaa, isa qulqulluu ta’e, gara-laafessa ta’e, mudaa kan hin qabne, cubbamoota irraa kan adda ba’e, samii olittis kabajamee kan jiraatu, qabaachuun kan ta’uudhaatii. 27 Inni akka luboota ol aanoo warreen kaanii aarsaa guyyaa guyyaa, dura cubbuu kan ofii isaatiitiif, achii immoo kan namoota kan birootiif, dhi’eessuun isa hin barbaachisu. Inni isa kana yeroo tokkoo fi yeroo hundumaatiif raawwateera yommuu aarsaa of godhe sanatti. 28 Seerichi namoota warra dadhaboota ta’an luba ol aanoo isaan godha tureetii. Garuu jechi kakuchaa,,, inni seericha boodaan dhufe sun, Ilma isa bara baraan muda-dhabeessa ta’e sana muude.