1 Yoos egaa, kotaa ergaa Kiristoos isa jalqabaa dhiifnee fuul-duratti gara bilchinaatti ni deemnaa. Hojiiwwan du’aa fi amantii Waaqayyotti qabnuuf qalbii jijjiirrannaadhaaf bu’uura kaa’uu ni dhiifnaa, 2 yookaan bu’uura barsiisa waa’ee cuuphaa, harka nama irraa kaa’uu, du’aa-ka’uu warreen du’anii fi murtii isa bara baraa. 3 Kanas kan nuyi goonu yoo Waaqayyo jedhee dha. 4 Inni kun hin danda’amuutii warreen takka hubattoota ta’aniif, warreen kennaa isa samii irraa dhandhamataniif, warreen Hafuura Qulqulluu iraa hirmaattota ta’aniif, 5 akkasumas warreen dubbii Waaqayyoo isa gaariidhaa fi aangoo bara isa dhufuuf jiruu dhandhamaatanii, 6 garuu deebi’anii irraa kufaniif—isaaniin gara qalbii jijjiirrannaatti deebisanii fiduun hin danda’amu. Inni kun kan inni ta’uufis isaan Ilma Waaqayyoo ofii isaaniitiin fannisaniiru, akkasumas uummata fuul-duratti isa yeellasisaniiru. 7 Lafti inni bokkaa isa irratti roobu dhuguudhaan biqilaawwan warreen lafichi hojjetameef bu’a-qabeessa ta’an ni biqilcha—inni kun lafa isa Waaqayyo biraa eebba fudhatuu dha. 8 Garuu inni yoo qoraattiidha fi baalaan waraantee biqilche, inni homaafuu waa’ee hin baasu waan ta’eef abaarsa irraa fagoo hin jiru. Dhumni isaas gubachuu ta’a. 9 Garuu nuyi waa’ee keessaniif waan gaggaarii dhageenyeerra, jaallatamtootaa, waa’ee wanneen fayyinaa irratti, akkanatti dubbanna yoo ta’e illee. 10 Waaqayyo jal’ina hin hojjetuutii. Inni hojii keessanii fi jaalala isa isin maqaa isaatiif argisiiftan hin irraanfatu, sababiin isaa isin saba isaa warra qulqulloota tajajiltaniittuutii, ammas tajaajilaa jirtuu. 11 Nuyi guddifnee hawwina akka tokkoon tokkoon keessan hanga dhumaatti amanamummaa kanatti akka jiraattan, abdiin keessan akka dhugoomuuf. 12 Kun kan inni ta’uufis akka isin dhibaa’ota hin taaneefi, garuu akka isin akkeessitoota warreen amantiidhaa fi obsaan isa abdatame sana dhaalanii akka taataniif. 13 Waaqayyo Abrahaamiif yommuu kakuu galetti, ofii isaatiin kakate, nama kan biroo isaa ol jiruun kakachuu waan hin dandeenyeef. 14 Inni akkana jedhe, "Ani sin eebbisa, dhaloota hedduus siifan kenna." 15 Karaa kanaan, Abrahaam erga obsaan eeggataa tureee booda isa abdachiifame sana ni argate. 16 Namoonni nama isaanii ol jiru tokkoon kakatuutii. Wal falmii isaanii mara booda, kakuudhaan jabeessu. 17 Waaqayyo yommuu qulqullina kaayyoo isaatii isa hin jijjiiramne sana ifatti mul’isuudhaaf murteessetti, inni kakuudhaan xumure. 18 Inni kan inni kana godheef wanneen hin jijjiiramne lamaan—Waaqayyoof sobuun akka hin danda’amne—nuyi, warreen koolu-galtummaadhaaf badne, jajjabina cimaa ittiin abdii fuula keenya dura jiru kana qabanna. 19 Nuyi isa kana akka gaachanaatii fi da’oo amanamaa lubbuu keenyaatti qabaanna, abdii isa iddoo isa keessaa golgaa dudduubaatti seenu, 20 bakka Yesuus, inni nu dursee deeme, bakka keenya bu’ee itti seenee jiru. Inni luba ol aanaa isa akka Malkatsaadeq ta’eera