Boqonnaa 5

1 Lubni ol aanaan, inni namoota gidduudhaa fo’amu, wanneen dhimma Waaqayyoo ta’an irratti namoota bakka bu’ee akka dhaabbatuuf muudama, akka aarsaa waa’ee cubbuutiif dhi’aatuu fi kennaa dhi’eessuuf. 2 Inni of eeggannaadhaan warreen hubannaa hin qabnee fi warreen gowwomfaman ni gargaara, innis akkuma isaanii dadhabina waan qabuuf. 3 Sababa kanaatiif, inni cubbuuwwan ofii isaatiifis aarsaa ni dhi’eessa, akkuma cubbuu warreen kaaniitiif dhi’eessutti. 4 Namni isa kanaaf kabaja argatu tokko illee hin jiru. Qooda kanaa, akkuma Aaron waamamee ture sanatti Waaqayyoon waamama. 5 Haaluma wal fakkaatuun, Kiristoosis ofii isaa luba ol aanaa gochuudhaan kabaja ofiif hin kennu. Qooda kanaa, inni isatti dubbatu akkana jedheera, ani har’a Abbaa kee ta’eera." 6 Inni kun akkuma isa inni bakka biraatti akkana jedhuu ti, "Ati bara baraan luba dha lubicha Malkataadiqiin hordoftee." 7 Yeroo inni fooniin turetti, Kiristoos kadhannaa isaa fi gaaffiiwwan isaa sagalee guddaadhaa fi imimmaaniin Waaqayyo isa du’a irraa isa oolchuu danda’utti dhi’eeffataa ture, jireenya qajeelaa waan inni jiraataa tureef kadhannaan isaas dhaga’ameera. 8 Inni Ilma yoo ture illee, wanneen dhiphate sana irraa abboomamuu barateera. 9 Inni qulqulluu ture, warreen isaaf abboomaman maraafis sababa fayyinaa ta’eef. 10 Inni akkuma Malkatsaadiq Waaqayyoon luba ol aanaa taasifame. 11 Nuyi waa’ee Yesuus waan jennu waan hedduu qabna, garuu isin dhaga’utti daagota waan taataniif isiniif ibsuun ulfaataa dha. 12 Yeroo kanatti isin barsiisota ta’uun otuu isiniif maluu, isin amma illee nama wanneen sasalphaa dubbii Waaqayyo isin barsiisu barbaaddu. Isin aannan barbaaddu, nyaata jabaataa otuu hin ta’in! 13 Namni aannan qofa sooratu nama erga waa’ee qajeelinaatti muuxannoo ga’aa hin qabneedhaatii, inni ammuma iyyuu daa’ima xiqqaa dha. 14 Garuu nyaanni jajjabaan nama bilchaateefi. Isaan kunneen warreen sababii bilchina isaaniitiif wanneen gaarii wanneen gadhee irraa adda baafachuudhaaf leenjifamanii dha.