1 Kanaafuu, obboloota qulqullootaa, waamicha isa samii irraa ta’etti isin ni hirmaattu. Waa’ww Yesuus isa ergamaadhaa fi luba isa ol aanaa amantii keenyaa ta’ee yaadaa. 2 nni Waaqayyo isa isa muudeef amanamaa ture, akkuma Museen mana Waaqayyoo maraaf manamaa turetti 3 Yesuus ulfina kan Musee irra caalu argachuutu malaaf, sababiin isaas namichi inni mana ijaaru man asana caalaa ulfina-qabeessa waan ta’eef. 4 Manni kam iyuu nama ta’e tokkoon ijaaramaatii, garuu waan mara kan ijaare Waaqayyoo dha. 5 Museen akka tajaajilaa Waaqayyootti guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ture, waa’ee wanneen gara fuul-duraatti dubbatamuudhaaf jiranii kan dhugaa ba’us ture. 6 Garu Kiristoos akka Ilmaatti amanamaa dha, itti gaafatamaa mana Waaqayyoo tis. Nuyi mana isaa ni taana yoo jajjabina keenyaa fi abdii isa ittiin of jajnu sanatti yoo jabaannee jiraanne. 7 Kanaafuu, inni kun akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu Sanaa dha: "Har’a, yoo sagalee isaa dhageessan 8 yaada garaa keessanii hin jabeessinaa akka fincilaatti, Yeroo qoramsa isa lafa onaa keessattii. 9 Inni kun immoo yommuu abbootiin keessan ana qoruudhaan ana irratti fincilanii dha, hojiiwwan kan koo erga arganii booda, 10 waggoota afurtamaaf. Kanaafuu ani dhaloota sanatti aareera. Akkanan ittiin jedhe, “Isaan yeroo mara yaada garaa isaaniitiin karaa irraa jal’ataniiru. Isaan karaa kan koo hin beekne.' 11 Inni kun akkuma ani gadda koo keessatti: 'Isaan tasa iyyuu boqonnaa kootti hin galan.'" 12 Of eeggadhaa, yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko illee akka yaada garaa amantii hin qabne hin qabaannetti, yaada garaa isa Waaqayyo isa jiraataa irra gara galu. 13 Garuu walii keessan guyyaa guyyaadhaan wal jajjabeessaa, hanga ini “har’a” jedhamuu waamametti, isin keessaa namni tokko illee gowwomsaa cubbuutiin garaan isaa hin jabaannetti. 14 Nuyi hidhata Kiristoos taaneerraatii yoo jalqabaa hanga dhumaatti amanannaa keenya isa irratti jabeeffanne. 15 Waa’ee isa akanaa akkana jedhameer tureetii, "Har’a, isin yoo sagalee koo dhageessan, Yaada garaa keessanii hin jabeessinaa, akka yeroo fincilaatti." 16 Inni Waaqayyoon dhaga’ee isa irratti fincile eenyuu dha? Isaan warra karaa Museetiin biyya Gibxiitii ba’an sana mitii? 17 Inni waggoota afurtamaaf kan inni itti aaraa ture eenyu? Isaan warra cubbuu hojjetanii reeffi isaanii lafa onaa keessatti kukkufee hafe sana mitii? 18 Eenyuudhaan kan inni boqonnaa kootti hin galtan ittiin jedhe, warreen isaaf abboomamuu didan sana yoo hin ta’in? 19 Nuyi ni argina akka isaan boqonnaa isaatti hin galin sababa amantii dhabina isaaniitiif.