1 Kanaafuu, nuyi dhuga-baatota akka duumessaa heddummatan kanaan marfamneeraatii, kottaa ba’aa hundumaa of irraa gannee salphaadhumatti cubbuutti hin kufnuutii. Kottaa dorgommii isa fuula keenya dura jiru obsaan ni dorgomanaatii. 2 Kottaa Yesuus irratti ni xiyyeeffannaatii, isa amantii keenyaaf bu’uuraa fi qulqulleessaa ta’e sana. Inni gammachuu isa fuul-dura ture ilaalee, fannoo baachuu fudhate, salphina isaa wayittuu hin lakkoofne, teessoo Waaqayyoo irras gara mirgaatiin ni taa’e. 3 Egaa Waa’ee isaa yaadaa, isa mormii cubbamoota irraa isatti dhufe danda’e, isinis akka hin dadhabnee fi abdii akka hin kutanneef. 4 Isin amma iyyuu hanga dhiiga dhangalaasuutti cubbuu waliin wallaansoo hin qabne; 5 jajjabina isa akka ilmaaniitti isin abboomus irraanfattaniittuutii: "Yaa ilma ko, naamuusa Gooftichaa salphaatti hin ilaalin, yookaan yommuu isaan adabamtu hin dadhabin. 6 Gooftichi nama isa jaallatu adabaatii, akkasumas inni ilmaa isaa isa simatu adaba." 7 Dhiphina akka adabaatti fudhadhu. Waaqayyo akka ilmaan isaatiitti si fuhataatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne jiraa ree? 8 Garuu ati yoo adaba namoonni warreen kaan fudhatan hin fudhatin, isin ilmooma hin qabdan. 9 Dabalataanis, nuyi abboota foonii qabna warra nu adabaa turan, nuyis isaan kabajna. Isa kana caalaa hangam Abbaa hafuuraa isa jiraataa ta’e immoo kabajuu qabna ree! 10 Abbootiin keenya yeroo gabaabaadhaa fi akkuma gaarii isaanitti fakkaatetti nu adabaniiru. Garuu Waaqayyo gaarummaa keenyaaf nu adaba, akka nuyi qulqullummaa isaa keessaa hirmaannuuf. 11 Adabni yeroodhaaf gammachuu namaaf hin kennu, garuu nama gaddisiisa. Booda irratti garuu warren isaan leenjifamaniif adabni ija naga-qabeessa qajeelina ni kennaaf. 12 Kanaafuu harka keessan isa gadi rarra’uu fi jilba keessan isa laafe jabeessaa. 13 Miilla keessaniif karaa qajeelaa baasaafii, inni okkolaa ta’e akka inni hin mudhqnetti, akka inni fayyu malee. 14 Nama mara waliin nagaadhaa fi qulqullinaa barbaadaa, isaan kanaan malee namni Goofticha argu hin jiruutii. 15 Of eeggadhaa, namni tokko iyyuu ayyaana Waaqayyoo akka hin dhabnetti, hundeen hammeenyaas dhiphina fiduudhaaf akka hin biqilletti, hedduunis isaan akka qulqullina hin dhabnetti, 16 namni kam iyyuu halalummaatti yookaan gadi dhiisiitti jiraachuutti akka hin taanetti, akkuma Eesawuun nyaata yeroo tokkootiif jedhee angafummaa ofii gurgurate sana. 17 Isin ni beektuutii booda irratti, yommuu inni eebba dhaaluudhaaf barbaadetti, inni ni dhowwatamee, sababa carraa qalbii jijjiirrannaa hin arganneetii, imimmaaniin yoo barbaaddate illee. 18 Isin gara gaara isa tuqamuu danda’uu, gaara isa abiddi irraa boba’u, dukkanni, aarri jabaanii fi bubbeen irraa bubbisu hin dhufneetii. 19 Isin gara malakata afuufamuu, yookaan sagalee ol ka’aa warreen dhaggeeffatan akka inni deebi’ee hin dubbatamneef kadhatanii hin dhufneetii. 20 Isaan waan abboomamu sana baachuu hin danda’aniitii: "Beeyiladni illee yoo gaara sana tuqe dhagaadhaan haa rukutamu." F 21 Egaa bakki sodaatamaan kun isa Museen akkana jedhee dha, "Ani sodaadhee rom’eeras." 22 Qooda kanaa, isin gara Gaara Tsiyoonii fi magaalaa guddittii kan Waaqayyo isa jiraataa dhuftan, Yeruusaalem ishee samii irraa, bakka ergamoonni waaqaa kumoota kudhanitti lakkaa’aman itti wal ga’anii gammadanitti. 23 Isin gara waldaa amantootaa warra jalqaba dhalatanii dhuftaniittu, kan warreen samii irratti galmaa’anii. Isin gara Waaqayyoo dhuftaniittu, isa hundumatti faradu, gara hafuurota warra qajeeloo warreen muda-dhabeeyyii taasifamanii. 24 Isin gara Yesuusis dhuftaniittu, walitti araarsaa kakuu haaraa isa ta’e, gara dhiiga isa facaafamees isa dhiiga Abeel caalaatti dubbatuu. 25 Ilaalaa isa dubbataa jiru dhaga’uu akka hin didneef. Isaan yommuu inni lafa kana irratti isaan akeekkachiise isa jalaa ba’uu hindandeenyeetii, nuyi immoo isa samii irraa nu akeekkachiisu dhaga’uu didnee yoo irraa gara galle, caalaa iyyuu jalaa ba’uu hin dandeenyu. 26 Yeroo tokkotti, sagaleen isaa lafa ni raase. Amma garuu inni abdii kennuudhaan akkas jedhe, "Yeroo dabalataa tokko, lafa qofa otuu hin ta’in ani samiis nan raasa." 27 Jechoonni kunneen, "ammas wanneen raafaman bakka isaaniitii fuudhamu, kunis, wanneen uumamanii turan, wanneen raafamuu hin dandeenye qofti akka hafanitti. 28 Kanaafuu, mootummaa isa hin raafamne akkuma fudhannetti, kottaa warra galateeffatan ni taanaa, akkasumas gadi of deebisuudhaa fi ulfina kennuudhaan ni sagadnaa. 29 Waaqayyoon keenya ibidda nyaatuu dhaatii.