Boqonnaa 11

1 Amantiin waan abdatanii fi wanneen hin arginis dhugeeffachuu dha. 2 Waan kanaaf abbootiin amantiin isaanii fudhatameeraafiitii. 3 Amantiidhaan Waaqayyo akka ardiin kun uumamtu akka inni abboome ni hubannaa, wanti mu’atu kun wanta mul’atu kan biraa irraa akka hin uumamin. 4 Amantiidhaan ture Abeel kan inni aarsaa kan Qaayin irra wayyu dhi’eesse, isa kanaanis qajeelummaan isaa mirkanaa’eefii Waaqayyo waa’ee aarsaa inni dhi’eesseef waa’ee isaa waan gaarii dubbate, amma iyyuu amantiidhaan Abeel ni dubbata, du’eera yoo ta’e illee. 5 Amantiidhaan ture Henook kan inni ol fudhatame akka du’a hin arginetti. “Inni hin argamne, Waaqayyo waan ol isa fudhateef." Inni otuu ol hin fudhatamin dura, akka inni Waaqayyoon gammachiise mirkanaa’eeraafiitii. 6 Amma amantii malee isa gammachiisuun hin danda’amu. Namni gara Waaqayyoo dhufuu fedhu kam iyyuu akka Waaqayyo jiruu fi akka inni warreen isa barbaaddataniif badhaasa kennu amanuun barbaachisaa dha. 7 Amantiidhaan ture Nohi, waa’ee waan hin argamin jiranii abboommii samii irraa yommuu argatetti, kan inni sodaa Waaqayyootiin maatii isaa oolfachuudhaaf bidiruu ijaare. Kana gochuudhaanis, inni biyya lafaa abaaree dhaaltuu qajeelummaa isa karaa amantii argamuu ta’e. 8 Amantiidhaan ture Abrahaam, yommuu waamametti, abboomamee lafa akka inni dhaaluuf abdachiifametti ni deeme. Inni otuma bakka itti adeemu hin beekin ka’ee adeeme. 9 Inni amantiidhaan ture kan inni bakka kakuu sana keessa akka galaatti jiraate. Inni Yisaaqii fi Yaaqob warreen isa waliin dhaaltota ta’anii wajjin achi dunkaana keessa jiraate. 10 Inni magaalaa guddittii bu’uureeffamte fuul-duratti ilaalaa tureetii, ijaaraan ishee Waaqayyoon kan ta’e. 11 Amantiidhaan ture, Saaraan mataan ishee illee dhabduu taatee otuu jirtuu, dandeetti ulfaa’uu kan isheen fudhatte. Ishen baay’ee dulloomteetti yoo ta’e illee, isa abdicha kenne amanamaa ta’uu isaa waan amanteef inni kun isheedhaaf ta’eera. 12 Kanaafuu, namicha tokkicha kana irraa—innis gara du’aatti kan dhi’aate—dhaloonni akka urjiiwwan samii heddummatanii fi akka cirracha galaanaa lakkaa’uun kan hin danda’amne ni argaman. 13 Amantiidhaan ture kunneen marti kan isaan otuu kakuu sana bira hin ga’in du’an. Qooda kanaa, isaan fageenyatti ilaalanii nagaa gaafataniiru, isaan akka lafa kana irratti keessummootaa fi orma akka ta’an hubataniiru. 14 Warreen waan akkasii dubbatan akka isaan biyya kan ofii barbaaddatan ifaadhaatii. 15 Isaan waa’ee biyya isa gadi dhiisaanii ba’anii duubatti yaadu yoo ta’e, gara duubaatti deebi’uudhaf carraan jira ture. 16 Garuu kun akkuma jirutti, isaan biyya isa wayyu ni hawwu, innis, isa samii irraa. Kanaafuu, Waaqayyo waaqa isaanii ta’uutti hin yeellaane, inni magaalaa guddittii isaaniif waan qopheesseef. 17 Amantiidhaan ture Abrahaam, yommuu qorametti, kan inni Yisaaqiin aarsaa godhee dhi’eesse. Inni kan inni aarsaa godhe ilma tokkicha qabu ture, inni kakuun galameefii ture sun. 18 Abrahaamiin ture kan akkana jedhame, "Qomoon kee kan inni waamamu Yisaaqiin ta’a." 19 Abrahaam akka Waaqayyo Yisaaqiin du’aa kaasuu danda’u beekeera, dubbii fakkeenyaatiin, inni kan inni deebisee isa fudhate isaan keessaa ti. 20 Waa’ee wanneen dhufuuf jiranii kan Yaaqob Esaawuu fi Yaaqobiin eebbise amantiidhaan ture. 21 Amantiidhaan ture, Yaaqob, yommuu gara du’aatti adeemaa turetti, kan inni ijoollee Yoseef eebbise. Yaaqob ulee isaa irratti hirkatee ni sagade. 22 Amantiidhaan ture Yoseef, dhumni isaa yommuu itti dhi’aatetti, waa’ee Gibxiin gadi dhiisanii adeemuu ijoollee Israa’el kan inni dubbatee fi waa’ee lafee ofii isaatiis kan inni isaan abboome. 23 Amantiidhaan ture Museen, yommuu dhalatetti, warra isaatiin kan inni ji’ootaaf dhokfame waan akka inni mucaa miidhagaa ta’e arganiif. Isaan abboommii mootichaa hin sodaanne. 24 Amantiidhaan ture Museen, erga guddatee booddee, kan inni ilma intala Fara’oon ta’uu dide. 25 Inni saba Waaqayyoo waliin dhiphachuu filate bu’aa cubbuudhaa kan yeroodhaaf ta’etti gammaduu irra. 26 Inni Kiristoosiif jedhee tuffatamuu qabeenya Gibxii argatu caalaa bakka kenneef, inni badhaasaa isaa fageenyatti ilaalaa waan tureef. 27 Amantiidhaan ture Museen kan inni Gibxiin gadi dhiisee adeeme. Inni dheekkamsa mootichaa hin sodaanne, inni akka waan isa hin mul’anne sana arguutti waan lakkaa’eef. 28 Amantiidhan ture kan inni Faasikaadhaa fi dhiiga facaasuu eeggate, akka inni dhaloota angafa balleessu sun ilmaan angafoota maatii warra Israa’el hin tuqneef. 29 Amantiidhaan ture kan isaan Galaana Diimaa akkuma lafa gogaatti ce’an. Warri Gibxii isa kana gochuudhaaf yommuu yaalanitti, isaan ni liqimfaman. 30 Amantiidhaan ture gamoon Yeriikoo kan inni jige, guyyoota torbaaf erga itti marfamee booda. 31 Amantiidhaan ture Rahaab isheen gaalamoota turte kan isheen warreen hin abboomamne waliin hin balleefamin hafte, sababiin isaa isheen warreen basaasuudhaaf deemanii turan nagaadhaan simatteettiitii. 32 Kana irra maal jechuun danda’a ree? Yeroon ana hin ga’u yoon guutummaatti waa’ee Geediwoon, Baaraak, saamsoon, Yoftaahee, Daawit, Saamu’eelii fi waa’ee raajotaa nan dubbadha jedheef. 33 Amantiidhaan ture kan isaan mootummoota mo’atan, qajeelummaa argatanii fi kakuuwwan bira ga’an. Isaan afaan llencotaa cufaniiru, 34 aangoo ibiddaa qabbaneessaniiru, arfii eeboo jalaa ba’aniiru, dadhaboota otuma jiranii jaboota ta’aniiru, lola irratti humna argataniiru, raayyaawwan ormaas mo’ataniiru. 35 Dubartoonni warreen isaan duraa du’anii turan du’aa ka’umsatti deebisanii argataniiru. Warreen kaan dhiphataniiru, gadi dhiifamuu fudhachuu diduudhaan, du’aa ka’uu isa wayyuu akka argachuu danda’aniif. 36 Others experienced mocking and whippings, and even chains and imprisonment. 37 Isaan dhagaadhaan rukutamaniiru. Bakka lamatti addaan kutamaniiru. Eebodhaan ajjeefamaniiru. Gogaawwan hooltaatii fi kan re’ootaatiin maramanii naanna’aniiru. Isaan dhabdoota, miidhamoo ta’anii cunqurfamaniiru. F 38 Biyyi lafaa kun kan isaanii hin turre. Isaan lafa onaadhaa fi gaarota irra ni jooran, holqaa fi boolla lafaa keessas. 39 Namoonni kunneen marti waa’ee amantii isaaniitiif Waaqayyo biratti fudhatama argataniiru yoo ta’e illee, kakuu sana bira hin geenye. 40 Waaqayyo waan nuuf karoorse waan wayyu qaba, nuyiin malee akka isaan muda-dhabeeyyii ta’uu hin dandeenyetti.