1 Jaalalli obbolummaa itti haa fufu. 2 Keessummoota simachuu hin dagatinaa. Karaa kanaatiinii tokko tokko eenyummaa isaanii otuu hin beekin kan isaan ergamoota Waaqayyoo keessummeessan. 3 Hidhamtoota yaadadhaa akkuma waan isaan waliin hidhamtaniitti. Warreen cunqurfaman yaadadhaa akkuma waan isaan taataniitti of lakkaa’aatii. 4 Gaa’elli hunduman kabajaan haa eegamu, siren gaa’elaas qulqullinatti haa eegamu, Waaqayyo namoota sagaagalanii fi kan eejjan ni adabaatii. 5 Amalli keessan jaalala horii irraa biliisa haa ta’u. Waanuma qabdanitti gammadaa, Waaqayyo ofii isaatii akkana jedheeraatii, "Ani tasuma iyyuu kophaatti isin dhiisee isin biraa hin hafu." 6 Gammachuutti jirachuudhaan akkana jennee dubbachuudhaaf ija jabina haa qabaannu, "Gooftichi gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal ana gochuu danda’a?" 7 Geggeessitoota keessan ilaalaa, isaan warra sagalee Waaqayyoo isinitti hime, bu’aa amala isaaniis ilaalaatii amantii isaaniitti isaan fakkaadhaa. 8 Yesuus Kiristoos kaleessa isuma ture, har’as borus, bara baraanis isuma sana. 9 Barsiisawwan adda ta’aniin akka hin fudhatamne of eeggadhaa. Yaadni garaa namaa ayyaanaan jajjabaachuun gaariidhaatii, warreen isaaniin sosocha’aniif kan gatii hin qabne nyaataanis miti. 10 Nuyi iddoo aarsaa qabna kan warreen mana qulqullummaa keessaa tajaajilan irraa nyaachuudhaaf mirga hin qabne. 11 Dhiigni beeyilada aarsaa dhiifamuu cubbuutiif luba isa ol aanaadhaan gara bakka qulqullaa’aatti dhi’eeffaman, qaamni isaanii immoo dallaadhaa alatti ni gubata. 12 Egaa Yesuusis karra magaalaa guddittiitii alatti dhiphate, dhiiga isaatiin namoota qulqulleessuudhaaf jedhee. 13 Kottaa nuyis egaa gara isaa dhaqnaa dallaadhaa alatti, gad deebii inni fudhate baadhannee. 14 Nuyi magaalaa guddittii dhaabbataa taate asii hin qabnuutii. Qooda kana, isa dhufuuf jiru sana eeggataa jirra. 15 Karaa isaatiin, egaa, kottaa aarsaa galataa yeroo mara Waaqayyoof ni dhi’eessinaa, galata isa bu’a arraba isa maqaa isaa jajatuu ta’e. 16 Kottaa gaarii gochuudhaa fi waan qabnu qooduu hin dagannuu, Waaqayyo inni itti gammadu kennaa akkasiittiitii. 17 Geggeessitoota keessaniif abboomamaatii isaanitti of kennaa, isaan akkuma warreen eegduu ta’anii lubbuu keessaniif ni dhimmuutii. Akka geggeessitoonni keessan isa kana gammachuudhaan raawwataniif abboomamaafii, guungummiidhaanis hin ta’in, inni isiniif bu’aa hin qabuutii. 18 Nuyiifis kadhadhaa, nuyi yaada gaarii akka qabnuu fi wanneen maratti qajeelinatti jiraachuudhaaf of amansiifneerraatii. 19 Akka isin isa kana gootaniif caalchiseen isin jajjabeessa, akkan dafee gara keessanitti deebi’uufis. 20 Amma Waaqayyo waaqni nagaa, inni tiksee hoolotaa isa ol aanaa, Goofticha keenya Yesuus Kiristoosiin, warra du’an keessaa kaasee dhiiga kakuu bara baraatiin fide, 21 akka isin fedha isaa raawwattaniif, waan isa gammachiisu akka goonuuf nu keessatti hojjetu, karaa Yesuus Kiristoosiin, waan gaarii hundumaan isin haa guutu; isaafis bara hanga bara baraatti ulfinni haa ta’u. Ameen. 22 Amma ani isinan jajjabeessa, yaa obbolootaa, sagalee jajjabinaa kanan isiniif barreessetti akka qabamtaniif. 23 Obboleessi keenya Ximootewoos akka inni gadi dhiifames akka isin beektan nan barbaada, yoo inni dafee dhufeef isa waliin dhufee isin arguudhaafan jira. 24 Geggeessitoota keessanii fi saba qulqullaa’aa Waaqayyoo maratti nagaa naaf himaa. Warreen Xaaliyaanii keessa jiran nagaa isniif dhaamu. 25 Ayyaanni hunduma keessan waliin haa ta’u.