Boqonnaa 5

1 Kanaafuu akkuma ijoollee jaalatamootti Waaqa kan fakkaattan ta'aa. 2 Akkuma Kiristoos waan nu jaalateef nuuf jedhee mataa isaa kenna urgaa'aa fi aarsaa godhee Waaqayyotti ol kenne sana isinis jaalalaan jiraadhaa. 3 Garuu sagaagalummaa fi yookiin xuraawummaa gosa kamiittiyyuu yookiin sassatummaan gonkumaa jidduu keessanitti hin dhaga'amiiniyyuu, wantootni kun qulqulloota Waaqayyoo biratti kan hin barbaqchifnee dha. 4 Gallateeffachuu malee haasaan faayidaa hin qabne, fi dubbiin badaan fi qoosaan inni hin barbaachifne hundi jidduu keessan hinjiraatiin. 5 Namni sagaagalu yookin xuraa'umni, yookin sassatuun, sunis Waaqa tolfamoo kan waaqeffatan akka mootummaa Kiristoosii fi Waaqayyoo keessaa dhaala tokkollee hin qabne isinuu ni beektu. 6 Sababa waan kanaaf dallansuun Waaqayyoo warra hin ajajamne irratti dhufuuf namni kamiyyuu dubbii faayiidaa hin qabneen hin gowwoomiin. 7 Kanaafuu isaan waliin gonkumaa wal hin qunnamiinaa. 8 Isin kanaan dura dukkana turtanii, amma garuu Gooftaadhaan ifa dha. Kanaafuu akka ilmaan ifaatti deddebi'aa. 9 (Firiin ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argama,) 10 waan Gooftaa gammachisuu qoraatti mirkaneeffadhaa. 11 Hojii dukkanaa homaa firii hin qabne saaxilaa malee waliin hin hirmaatiinaa. 12 Waan isaan dhooksaatti godhan dubbachuun illee qaanii dha. 13 Garuu yammuu waanti hunduu ifatti bahu; gara muldhachuutti dhufa. 14 Waantii hunda akka muldhatu kan godhu ifaadha. Kanaafuu akkana jedhe. "Ati, inni raftu dammaqi, du'a keessaas ka'i Kiristoosis sii ibsaa." 15 Isin akkamitti akka deddeebitan of eegadhaa, akka warra qaroomaniitti malee akka warra hin qaroomneetti hin deddebi'inaa. 16 Guyyoonni kunis badaa waan ta'aniif bara kana oolchaa. 17 Kanaafuu eyyamni Gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee gowwoota hin ta'iinaa. 18 Daadhii wayinii isa gara yaada xifaafireetti nama qahelchu dhuguun hin machaayinaa, Hafuura Qulqulluutiin guutamaa malee. 19 Faarfanaadhaan faarfachaa fi weedduu fi faaruu hafuuraatiin tokko tokkoon keessan waliin haasayaa, onnee keessan keessaas Gooftaadhaa faaruu qooqa gaariin weeddisaaf. 20 Yeroo hunda waan hundaaf maqaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin Waaqa Abbaaf galata kennaa. 21 Kabaja Kiristoosiif qabdaniin wal kabajaa. 22 Haati manootni, akkuma Gooftaa kabajitanitti abbaa manaa keessanis kabajaa. 23 Akkumaa Kiristoos qaama (nafa) isaa fayyisuuf mataa waldaa ta'e, akkasuma abbaan manaas mataa haadha manatii dha. 24 Garuu akkuma waldaan Kiristoosiif of kennitee ajajamtu, akkasuma haatii manaas karaadhuma hundaan abbaa manaa isaanitiif ta'u. 25 Yaa abbaa manootaa, akkuma Kiristoos waldaa jaalatee mataa isaas isheef of kenne, haadha manoota keessan jaaladhaa. 26 Kanaafuu innis karaa dubbii isaatii fi bishaaniin ishee dhiqee qulqulleessuun, 27 akkasuma waldaanis xurii fuula ishii fi waan akkanaa tokkollee hin qabnee fi qulqulluu hirdhina hin qabnee godhe ulfinaan of dura ishii dhaabuuf jedhee waantoota kanneen hunda godhe. 28 Karaadhuma kana fakkaatuun abbaa manootaas haadha manoota isaanii akkuma qaama(nafa) ofii isaaniitti jaalachuu qabu, namni inni haadha manaa isaa jaalatu of jaalata. 29 Enyumtuu foon ofii nyaachisuu fi kunuunsuu malee akka hin jibbine, akkasumatti Kiristoosis waldaa isaatiif nyaachisa, kunuunsasa. 30 Sababnis nuti miseensota qaama isaatii dha. 31 Waan kana ta'eef namni abbaa fi haadha isaa dhisee haadha manaa isaanitti maxana, isaan lamaanuus foon tokko ta'u. 32 Kun iccitiin dhugaa kun yaaddaadha, ani garuu waa'ee Kiristoosii fi waa'ee waldaan dubbadha. 33 Haa ta'uutii, isin tokko tokkoon keessanis akkasuma haadha manaa ofi akka mataa isaatti haa jaalatu, haati manaas abbaa manaa ishii haa kabajju.