Boqonnaa 4

1 Ani, kanaafuu, akka nama Gooftaadhaaf jedhee hidhameetti, akka isin waamicha itti waamamtani sanaaf akka barbaachisutti jiraataniif isinin kadhadha. 2 Ani akka isin gadi of-qabummaa guddaan, garaamummaan, obsaan, jaalala waldanda'uu tokko tokko qabaachuun isiniin kadhadha. 3 Hidhaa nageenyaatiin tokkummaa Hafuura, eeguuf waan dandeessan godhaa. 4 Akkuma yeroo waamamtan gara abdii tokkoottj waamamtan sana, qaama (nafa) tokkoo fi Hafuura tokkotu jira. 5 Akkasumas Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi Hafuura tokkotu jira, 6 Waaqnii fi Abbaan hundaa, inni waan hundaa ol-ra'e, waan hunda keessatti kan hojjatuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichaatuu jira. 7 Tokko, tokkoo keenyaaf akkuma Kiristoos safaree kennetti ayyaanni nuu kennameera, 8 akkuma kitaaba keessatti jedhametti "Yammuu inni gara olitti ol bayetti, inni inni booji'amtoota boojii keessa baasee qajeelchuun, namootaafis kenna kenne" 9 Egaa "Inni ol-baye" jechuu isa gara lafaatti gad-bu'ee ture jechuu yoo ta'e malee maal jechuudha ree? 10 Inni gad bu'e sun isuma waan hunda guutuuf jedhee samiiwwan hundaa olitti ol baheedha. 11 Kiristoosis namootni tokko tokko akka ergamoota ta'an, kanis akka raajota, kanis akka lallaboota wangeelaa ta'anii fi kanis luboota (tikistootaa) fi barsiisota ta'aniif kenne. 12 Kunis akka qaamni (nafti) Kiristoos ijaaramuuf saba qulqullota Waaqayyoo hojii tajaajilaaf qopheesuuf jedhee godhe. 13 Kunis hanga nuti hundi keenya tokkummaa amantii ci beekumsa Ilma Waaqayyoo geenyuutti, kanaafuus nuti bilchaachuun guutummaa safara Kiristoos bira geenyuutti ta'uudha. 14 Kiristoos kan nu ijaaruuf akka nutti kanaa booda ijoollee qilleensa bishaaniitiin gara duraa fi dubatti darbatamuudhaan kanneen bubbee barsiisa gosa hundaatiin maltummaa fi jallinna mala namoota gowwoomsitootaatiin asif achi raafamanii hin taaneefi dha. 15 Karaa biraa, jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isaa isa mataa ta'e sanaatti waan hundaan guddachuu qabna; innis Kiristoosii dha. 16 Kiristoos kutaalee qaamaa (nafa) guutummaatti ijaaruun, ribuudhaan walqabsiisee hidhuun yammuu kutaaleen nafaa (qaamaa) sun hundi hojii isaa ii waliin hojjatan, sun akka qaamnu guddatu godha kanaafuus immoo jaalalaan of ijaara. 17 Kanaafuu ani waan kana maqaa Gooftaatinii isinitti hima, imaanaas jabeessee jedha, isin kanaan booda akka warri ormaa yaada isaanii isaa faayidaa hin qabne sanaan adeemanitti akka hin adeemneef. 18 Sababa laphee (onnee) jabummaa isaaniitiin waan hubbannaa dhabaniif wallaalummaan isaan keessa jira, kanaafuus jireenya Waaqayyoo irraa addaan bahaniru. 19 Isaaniis waan qalbiin isaanii adoodeef hanga xuraa'ummaa waan hunda keessa galuun goche badaatti gad of-kennanii jiru. 20 Garuu sun akkaataa kanaan isin Kiristoos hin barre. 21 Akkan ani yaadutti akka dhugaan Iyyasuus keessa jiru isin waa'ee isaa dhageessanii jirtu, isaanis barattanii jirtu. 22 Sababa hawii isa gowwoomuutiin jireenya eenyummaa keessan isa moofaa dura keessa jiraattan isa xuraawwaa sana akkataa of irraa baaftan barattanii jirtu. 23 Isinis hafuura sammuu keessaniitiin akka haaromtan barattaniirtu, 24 namumma haaraa isa qajeelaa fi qulqullu dhugaatiin fakkeenya Waaqayyootiin uumme uffadhaa. 25 Kanaafuu nuti waan miseensa qaama (nafa) tokko taaneef hundi keessan saba of keessaa baasaatii mee tokko tokkoon keessan ollaa isaa waliin dhugaa dubbadhaa. 26 Dallanaa malee garuu cubbuu hin hojjatiinaa. Dallansuu keessanitti aduun hin lixiin. 27 Daabiloosiifis carraa hin kenniinaa. 28 Namni inni kanaan dura hataa ture kanaan booda hin hatiin. Siriidhumaa akka warra rakkatanii gargaarsa barbaachisuu fi akka gargaaruu danda'uuf waan gaarii ta'e harka ofiitiin haa hojjatu. 29 Dubbiin (haasaan) nama midhu afaan keessan keessaa hin bahiin. Jechoota isaan gaarii ta'anii isaan barbaadaniif ijaaruu qofa dubbadhaa, yoos warra dhaggeeffataniif ayyaana kenna. 30 Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo kan ittiin guyyaa fayyinaatiif chaappeffamtan sana hin gaddisiisiinaa. 31 Hadhina hunda, dallansuu, aarii, lolaa arabsuu fi wantoota badaa ta'an hunda waliin ofi irraa fageessaa. 32 Akkuma Waaqayyoo Kiristoosiin dhifama isiniif godhe, isinis dhifama waliif godha, arjootaa fi garalaafotaas waliin ta'aa.