1 Sababa kanaaf ani Phaawuloos isin warra ormaatiif jedhee hidhama Kiristoos Iyyasuusis. 2 Ani isin waayee ayyaana Waaqayyoo kan isiniif jedhamee natti kenname sana waan dhageessan nati fakkaata. 3 Akkuma kanaan dura ani gabaabse isiniif barreessee; ibsetti icciitii muldhataatiin natti beekamu godheera. 4 Yammuu waan kana isinis dubbiftan akkan ani waayee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandessu. 5 Icciitiin kunis dhaloota biroo keessatti ilmaan namootaatiif hin beekamne ture. Amma garu Hafuuraan ergamootaa fi raajota isaatiif muldhateera. 6 Dhugaan dhoksaan kunis namootni ormaa karaa wangeelaatiin Kiristoos Iyyasuus keessatti akka dhaala fi miseensummaa qaamaa keessatti tokkummaa qabaataniifi akka isaan abdii qoodataniifi dha. 7 Ani karaa ayyaana Waaqayyoo kan karaa hojii humna isaatiin na kennameen tajaajilaa wangeela kanaa ta'eera. 8 Anaaf yoodhuman qulqulloota hundaa gad ta'ellee akka badhaadhina Kiristoos isa dhuma hin qabnee sana namoota ormaatiif lallabuu ayyaani kun naa kennameera, 9 akkasumas karoorrii iccittii dhoksaan baroota dheeraaf Waaqayyoo isa waan hunda uumee keessaati ifa namoota hunda fiduufi. 10 Kaayyoon kunis karaa waldaatiin akka beekamuu godhee akka bulchoonii fi aangoo qabeeyyiin samii irra jiraatan qarooma Waaqayyoo isa dachaa baay'ee ta'e akka beekaniifi dha. 11 Kunis akkuma kaayyoo bara baraa isa inni karaa Gooftaa keenya Kiristoos Iyyasuus raawwate sanaati. 12 Kanaaf nutis Kiristoosiin sababa amantii keenyaatiin bilisummaa fi ija jabummaa waliin ga'uumsa qabna. 13 Kanaafu sababa raafaman (dhiphinan) isiniif jecha ana irra gahuu isa ulfina keessaniidhaa jettanii akka hin jeqamne isiniin gaafadha. 14 Sababa kanaaf ani Abbaa fulduratti nan jilbeefadha 15 isa maatiin hundumtuu warri samii fi lafa irraa maqaa isaanii argatanii dha. 16 Akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin akka eenyummaan keessan inni keessaa humnaan jebaatuuf akka isin gargaaruu nan gaafadha. 17 Ani akka Kiristoos karaa amantiitiin onnee keessan keessa akka jiraatuu fi isinis akka jaalalaan hidda faggeeffatanii dhaabatanii fi hundeeffamtan nan gaafadha. 18 Sanumaafuu isinis saba qulqullota Waaqayyoo waliin baldhinni, dheeriinni, of-fageenyii fi gadi- fageenyii hagam (ammam) ta'u isaa akka hubattaniifi, 19 akkasumas akka guutummaa Waaqayyoo hundaan guutamtanii fi jaalala Kiristoos kan beekumsa ol ta'e sana akka beektaniifiidha. 20 Ammas isaaf isa humna isaa sana kan nu keessatti hojjatu sanaan amma nuti gaafannu yookiin yaadnu irraa baay'ee olfagoo hojjachuu danda'uu, 21 isaaf dhallootni hundi baraa hanga baraatti waldaa keessatti karaa Kiristoos Iyyasuusin ulfinni isaaf haa ta'u, Ameen!