Boqonnaa 2

1 Akkaasuma isin akkuma yakka keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan. 2 Kunis isuma isin yeroo akka jireenya addunyaa kanaatii fi akka bulchaa mootummaa qillensaatti, akka hafuura amma warra ilmaan isaan hin ajajamne keessatti hojjataa jiruuttis jiraachaa turanii dha. 3 Nuti hundi keenya bara darbe tokko keessa foon keenya guutuu, hawwii fi yaada isaa hordofaa isaan jidduu jiraanneerra: uumama keenyaanis akkuma; warra namoota kaanii ilmaan dheekkamsaa jala turreerra. 4 Garuu Waaqni inni araaraan dureessaa sun sababa jaalala guddaa nuu qabuufidha. 5 Yeroo nuuti yakka keenyaan duunee turrellee Kiristoos waliin nu jiraachisee, isinis ayyanaan fayyitan. 6 Waaqayyoos Kiristoos waliin du'aa nu kaasuun Waaqayyoo Kiristoos Iyyasuusii waliin bakka samii keessa nu godhee jira. 7 Waan kana ta'eef bara dhufuuf jiru keessaa badhaadhummaa ayyana isaa baay'ee guddaa madaala hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Iyyasuusiin nuuf qabuu nutti agarsiisuuf jedhee waan kana godhe. 8 Kanaafuu isinis ayyaana karaa amantii ta'een fayyitanii jirtu, kunis kenna Waaqayyooti dha malee, hojii keessaniin miti. 9 Akka namni tokko illee of hin jajne, hojiidhaan miti. 10 Sababa nuti hojii harka Waaqayyoo, akka hojii gaarii hojjanuuf Kiristoos Iyyasuus keessatti uumamne isa Waaqayyoo yeroo dheeraan dura nuuf karoorsee fi akkasuma nutis isaaniin adeemuu qabna. 11 Kanaafuu isin warri kanaan dura fooniin namoota ormaa turtan. Isin warrii isaan fooniin harka namaatiin 'kittanamne' jedhamanii waamamanii 'hin kittaanamne' jedhamtanii waamamtan waan sana yaadadhaa. 12 Isin warrii yeroo sana Kiristoos irraa gar-gar baatanii, lammuummaa Israa'eel irraa fagaattanii, kakuu waadaatiifis keessummoota taatanii, abdii otoo hin qabaatiiniif Waaqa malee addunyaa keessa jiraattan. 13 Amma garuu isin warri dura Waaqayyoo irraa fagoo turtan karaa kiristoosin Iyyasuusin, dhiiga Kiristoosiin dhiyaattanii jirtu. 14 Waan inni ofuuma isaatiin nagaa keenyaadha, girgiddaa lolaa isa gargar nu baasuu foon saatiin dhiiguun lamaanuu tokko godhe. 15 Innis seera ajajaa fi sirna isaa waliin foon ofii isaatiin walcinaa (bukkee)tti cabseera, kaayyoon isaas isaan lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee, nagaa gochuufi dha. 16 Kiristoos saboota lachuu karaa fannoo isaatiin walitti araarsee Waaqayyoof qaama tokko gochuuf jaalalaan du'atti of kenne. 17 Iyyasuusis dhufee isin warra fagoo turtaniif nagaa, isaan warra dhiyoo turaniifis naga lallabe. 18 Karaa Iyyasuusiin nuti lachuu Hafuura tokko sanaan Abbaa bira gahuuf dandeettii qabna. 19 Kanaafuu, ammaa isin warri ormaa kanaan achi, saba qulqullota Waaqayyoo waliin lammii fi miseensota maatii Waaqayyooti malee alagootaa fi keessumoota miti. 20 Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti hundeeffamtanii ijaaramtaniirtu, Kiristoos Iyyasuusiis ofiisaatiin dhagaa golee (kallattii) dha. 21 Isa irratti ijaarsi sun hundi tokkummaan walqabatee akka mana qulqullummaa Gooftaatti guddata. 22 Isinis immoo isaan mana Waaqayyoo Hafuuraan isin keessa jiraatu taatanii tokkummaan ijaaramaa jirtu.