Boqonnaa 6

1 Yaa ijoollee, Gooftaaf jedhaatii abbaa fi haadha keessanii ajajamaa, kun sirriidha. 2 (Ajajini waadaa waliinii inni duraa) "Abbaa fi haadha kee ulfeessi" dha, 3 kanaafuu akka gaarummaan si waliin ta'uu fi akka lafa irratti urmii dheeraa jiraattuufi" dha. 4 Yaa abboota, ijoollee keessan adaba sireesuu fi barsiisuun Gooftaan guddisaa malee hin dallansiisinaa. 5 Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti gooftota keessan isaan biyya lafaatiifis kabajaa fi sodaan onnee qulqulluun ajajamaaf. 6 Isaan gamachiisuuf jettanni yammuu gooftotni keessan isin argan qofa hin ajajamiinaa. Akka garboota Kiristoos, isa onnee satiin eyyama Waaqayyoo hojjateetti ajajamaaf malee. 7 Akka waan nama tajaajiltaniitti otoo hin ta'iin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti onnee guutuun tajaajilaa; 8 sababni isaas garba ta'ee yookin nama bilisaa namni waan gaarii hojjatu kamiyyuu akka Gooftaa biraa badhaasa argatu ni beekna. 9 Yaa gooftootii, isinis garboota keessanii akkasuma godha, isinuu akka inni isaaniifis isiniifis Gooftaa ta'e sun samii keessa jiruu fi akka nama walcaalchisuun isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin miidhinaa. 10 Dimshaashumatti (walitti qabaatti) Gooftaa fi humna isaa isa jabaa ta'e sanaan cima. 11 Karoora daba daabiloosiin akka mormuu dandeessaniif mi'a (meeshaa) waraana Waaqayyoo guutummaan hidhadhaa. 12 Waldhaansoon keenya foonii fi dhiga waliin otoo hin ta'iin, bulchitoota, angoo qabeeyyii, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa kan akka samii irra jiran waliinii dha malee. 13 Kanaafuu akka yammuu guyyaan hamaan dhufu dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuun akka jabaattanii meeshaalee lolaa Waaqayyoo hundaa hidhadhaa. 14 Dhugaan mundhii keessan hidhadhaa, wantee qajeelinaas uffadhaatii jabaadhaatii dhaabadhaa. 15 Kophee isa wangeela nagaa irraa dhufuus miila keessanitti keewwadhaatti qophaa'aatii dhaabadhaa. 16 Kallatti hunda irrattis gaachana amantii isa xiyya boba'aa hamaan sun darbatu hunda dhaamsuu dandeessan kaasaa. 17 Baarmexaa sibilaa isa fayyinaa kewwadhaa, goraadee Hafuraas qabadhaa, innis dubbii Waaqayyooti. 18 Kadhannaa hundaa fi mata duree kadhannaa waliin yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Bara dhumaa kanatti, yeroo hunda cimina hunda waliin damaqaa. 19 Yammuun ani afaan banee wangeela isa dhoksaa dubbaadhu akkan sodaa malee muldhisuuf naa kadhadhaa. 20 Wangeelli kunis isuman ani isaaf jedhee ambaasaadara ta'e sansalataan hidhameedha, kanaafuu anis amman danda'uutti ija jabeenyaanin dubbadha. 21 Tiikiqoos obollessi jaalatamaan fi amanamaan tajaajilaan Gooftaa waan hunda isinitti hima, kanaafuu, isinis waniin ani hojjachaa jiru ni beektu. 22 Akka isin akkamitti akka nuti jiruu beektaniif akka onnee keessan cimsuufis jecha sababa cimaa kanaa jedhee isa isiniif ergeera. 23 Waaqayyoo Abbaa fi Gooftaa Iyyasuus Kiristoos irraa nagaa fi jaalalli amantii waliin obbolootaaf haa ta'u. 24 Ayyaana warra isaan jaalala qulqulluutiin Gooftaa Iyyasuus Kiristoos jaalatan hundaaf haa ta'u.