Boqonnaa 9

1 Waa'ee tajaajila qulqullota Waaqayyootiif godhamu kana isiniif barreessuun na hin barbaachisu. 2 Ani waa'ee hawwii keessan, waa'ee isan anii warra Maqeedooniyaa birratti ittin boonuu nan beeka. Anis isaanitis akka warri Akkayaa bara darbee irraa jalqabee qophaa'uutti galaniiru, jedhee itti himeen jira. 3 Ammas ani akkuma isaan qophaa'aniiru jedhe dubbadhe sanatti akka qophooftaniif maler waa'ee kanaatiif isiniin boonuun keenya waan akkanumaan dubbatame akka hin taanee obboloota isiniif ergeera. 4 Yoo kana hin ta'iin, namootni Maqeedooniyaa ana waliin dhufanii otoo hin qophaa'iin yoo isin argan garuu isin qofa otoo hin ta'iin nutis hagana hunda isiniin boonuu keenyaan ni qaanoofna (saalfanna) waa'ee keessanis ani homaa jechuu hin danda'u. 5 Kanaafuu akka obbollonni nu daru gara keessan dhufanii gargaarsa isi arjuummaan kennuun waadaa galtan sana duraan dursanii qopheessaniif isan erguun gaarii ta'uu isaa yaadeen jira. Kanaafuu waan arjuummaan kennuu yaaddan kana dirqamaan otoo hin ta'iin feedhii keessaniin kennuudhaaf kan qophooftan ta'aa. 6 Ijoonis kanaadha; namni inni hirdhuu facaasuu, akkasuma immoo hirdhuu haama; inni immoo kaayyoo eebbaatiif jedhee baay'ee facaasuu akkasuma eebbaan galfata. 7 Egaa namnii hundu mufannaan yookiin dirqamaan otoo hin ta'iin hanga onnee ofii keessatti yaade haa kennuu, sabaniis Waaqayyo nama isa jaalalaan kennuu jaalata. 8 Akka isin yeroo hunda waan hundaan waan isin barbaachisu hunda argaattanii hojii arjummaa hundaaf taataniif, Waaqayyoo ayyaana hunda isiniif baay'isuu ni danda'a. 9 Akka akkana jedhamee barreefameetti "Innis ni bittinneesse, hiyyeeyyifis ni kenne. Qajjellummaan isaas bara baraan ni jiraata." 10 Inni nama isa facaasuuf sanyii isa nyaatuufis immoo nyaata kennu sun isiniifis akka facaaftaniif sanyii isinii ni kenne isinii baay'isa firii qajjelinnaa keessanis ni baay'isa. 11 Yeroo hunda akka arjummaadhaan kennuu dandeessaniif waan hundaan isin duroomsa. Waanti kunis karaa keenyaan Waaqayyoof galata kennuuf sababa ta'a. 12 Tajaajilli isin kennitan kun hirdhina qulqullota saba Waaqayyo guutu qofa otoo hin ta'iin, Waaqayyoofis galatni baay'een kan itti dhiyaatuuf dha. 13 Sababa isin wangeela Kirisitoos fudhattanii ajajamtanii fi waa'ee isaaniifis ta'ee namoota biraatiifis arjummaa isin argisiiftanii fi tajaajila keessan isa qormaata keessa darbe sanaaf namootni Waaqayyoo ni ulfeessu. 14 Isaanis isin yaadu, isiniif kadhatuus sababni isaan kana godhaniifis ayyaana guddaa Waaqayyo isa isin irra jiruudhaafi. 15 Waaqni inni kenni isaa jechaan hin ibsamne haa galatoomu!